Micireen sanyii daayinoosarii waggaa miiliyoona 66 dura ture Chaayinaatti argame

Killeen kun wayita balaan sigiga lafaa mudatu dachee jalatti awwaalamuu akka hin hafne qorattoonni yaada kennan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Killeen kun wayita balaan sigiga lafaa mudatu dachee jalatti awwaalamuu akka hin hafne qorattoonni yaada kennan
Maxxanfame

Saayintistoonni micireen bineensa daayinoosar, osoo killee keessaa akka wucii lukkuutti dhoofachuuf jedhuu olkaa'amee hanga yoonaa turuu ibsan.

Micireen daayinoosar kun Kibba Chaayinaa bulchiinsa Ganzhou keessati kan argame yoo ta'u qorattoonni umriin miciree kanaa waggaa miiliyoona 66 akka ta'u tilmaaman.

Micireen kun kan gosa daayinoosar kanneen ilkaan hin qabnee fi gariin rifeensa koochoo ykn gofla fakkaatu qaban theropod dinosaur ykn oviraptorosaur, jedhaman jalatti ramadama.

Saayintistoonni miciree daayinoosar kanaaf maqaa Yingliang jedhu moggaasan.

Namni qorannoo kana gaggeessuu keessaa qooda qabu Dr Fion Waisum Ma "micireen kun qaccee daayinoosar yeroo jalqabaaf biyya lafaarratti ijaan arginedha,'' jedhe.

Argannoon kun qorattoonni hariiroo gosoota daayinaasar fi simbirroota gidduu jiru akka hubataniif gargaareera.

Lafeen sanyii daayinoosar waggoota hedduuf olkaa'amee ture kun micireen kun akka wucii lukkuutti killee keessatti walitti dacha'ee wayita taa'u agarsiisa, kunimmoo amala simbirrootaati.

"Kun kan agarsiisu amalli amma simbirroonni agarsiisan gosoota daayinoosar biratti mul'achaa akka turedha. Sanyii tokko ta'uusaaniis mul'isa,'' jechuun AFP'tti hime Dr Ma.

Akaakuun daayinoosar Oviraptorosaurs, yookiin ammoo "egg thief lizards," jedhamuun beekaman kan goflaa baasanii fi bakka amma Eeshiyaa jedhamuu fi Kaaba Ameerikaa jiraachaa turanidha.

Barri isaan jiraachaa turan sun bara uumama duraa -Late Cretaceous period - waggaa miiliyoona 100 hanga miiliyoona 66 dura jechuudha.

Garee qorattoota qaccee sanyii daayinoosar kanaa keessaa kan ta'e qorataan saayinsii bineensota durii Pirofeesar Steve Brusatte ''gonkumaa lafee daayinoosar haala kanaan qixaayee olkaa'ame akkanaa argee hin beeku, micireen dho'ee bahuuf jedhu haala kanaan mul'atee hin beeku,'' jechuun tiwiitarii isaarratti barreesse.

Miciree daayinoosar golgaasaa keessaa osoo hin ba'in dura

Madda suuraa, AFP/ University of Birmingham

Baby Yingliang(maqaa miciree daayinoosarii kanaati) eegeerraa hanga mataatti seentimeetira 27 dheeratti, lafee bifa killee qabu kan seentimeetira 6.7 dheeratu keessatti, godambaa Yingliang uumama dhagaa qabu keessatti olkaa'amee jira.

Killeen kun bara 2000 abuurame, garuu waggoota 10'f mankuusaa keessaa hin baane.

Wayita godambaa sana haaressuuf hojiin ijaarsaa jalqabamu lafeewwan turan waan adda bafamaa turaniif qorattoonni wayita kana xiyyeeffannaasaanii miciree daayinoosar kanarra godhatan.

Lafeen kun of keessatti miciree qabaachuu hin hafe shakkii jedhuun qorannoo eegalan.

Ammallee qaamni daayinoosar kun irri caalaan dhagaadhaan haguugamee jira.

Qorattoonni meeshaa teeknooloojii qaama dhagaa keessaan mul'isutti fayyadamuun guutuu qaama daayinoosar kanaa ibsuuf jiru.