Yeeyyiin sagal miliquusaanii booda paarkiin bineensota Firaans yeroof cufame

Yeeyyii

Madda suuraa, Alamy

Maxxanfame

Sa’atii daawwannaatti erga yeeyyiin sagal miliqanii booda anaga’ootni naannichaa paarkii bineensotaa Firaans yeroof cufan

Torban darbe Paarkiin (Zoo) Trois Vallées , magaalaa Montredon-Labessonnie keessatti yeroo kun uumametti namootni miidhaman hin jirani.

Bineensoti kun dallaa nannaa isaanirra ture yaabuun kan ba’an ta’us, mooraa paarkicha keessaa garuu hin bane.

Yeeyyiin afur erga “amala sodaachisaa” agarsiisanii booda, rasaasaan ajjeefamuu isaanii, qoondaalli naannica Fabiyeen Choleet miidiyaa AFP’tti himeera.

Yeeyyiin hafan shanan ammo gara kutaa turtii isaanitti deebifamuu isaani qondaaltonni paarkichatti waamaman ibsaniiru.

“Yeroo sanatti namootni hedduun wiirtuu sana keessa hin turre kanaaf namni kamuu balaaf hin saaxilamne,” jechuun Choolet himeera.

Ta’us garuu hanga yaadoon nageenyaa furamutti paarkiin kun cufamu akka qabu himeera.

Marsariitii isaa irratti paarkiin Trois Vallées sababa “hojii hatattamaan” paarkichi hanga gidduu galeessa Amajjiitti ni cufamee tura jedheera.

Abbaan qabeenyaa paarkichaa Sauveur Ferrera, yeeyyiin kunneen dhiyeenya gara paarkichaatti fidamani jechuun erga isaan miliqanii ammo hatattaman namootni akka achii ba’an godhameera jechuun AFP’tti himaniiru.

Paaerkiin heektara 60 ol bal’atu kana keessa, leenca, qamalee fi gosa simbira filaamingoo jedhaman dabalatee gosti bineensota 600 ol ni argamu.

Paarkiin kun akka cufamuuf yeroo ajajamu kun kan jalqabaa miti.

Onkololeessa darbe, Ministeerri Kunuunsa Naannoo Firaans, Barbara Pompeeyi, yaaddoo nageenyaa fi fayyummaa binoonsota irratti hundaa’uun, paarkichi akka cufamuuf dirqisiisanii turani.

Ta’us garuu guyyoota muraasa booda, manni murtii paarkichi akka binoonsota isaa qabatee turuuf eeyyamuun murteesseera.