Atileetonni Itoophiyaa biyyoota addaa addaatti dorgommiiwwan injifatan

Madda suuraa, FRANCK FIFE
Dorgommiiwwan maaraatoonii dhiheenya biyyoota garaa garaatti gaggeeffameen atileetonni Itoophiyaa milkaa'aniiru.
Dorgommii maaraatoonii idil-addunyaa magaalaa guddoo Faransaay -Paaris keessatti gaggeeffameen ramaddii dhiiraan atileet Caaluu Dassoo Galmeessaa dorgommicha sa'aatii 2 fi daqiiqaa shaniif sakandii 7n xumuuruun injifateera.
Atileete Fayyiisaa Turaa ammoo dorgommicharratti lammaffaa baheera.
Rammaddii dubartootaan ammoo atileetiin Itoophiyaa Faaxumaa Jiimaa riikardii bakka sanaa kan fooyyeessite yoo ta'u, atileetiin lammii Keeniyaa Jidiit Jeepitumiin iitti aantee galuun lammaffaa baatee jirti.
Atileeti Bazzuu Saaddoo ammoo dorgommicha saddaffaan xumurte.
Haaluma walfakkaatunis, dorgommii maaraatoonii wallakkaa dhiirotaa Ispeen Baarseloonaatti gaggeeffameen, atileetiin Itoophiyaa Haaftuu Takiluu fi Atileeti Caalaa Raggaasaa tokkooffaa fi lammaffaa bahuun meedaaliyaa warqeefi meetii argataniiru.
Akkasumas dorgommii maaraatoonii wallakkaa dubartootaan atileetiin Itoophiyaa Geexee Alamaayyoo lammaffaa, atileeti Asinaaqachi Awaqaa sadaffaa akkasumas atileeti Radi'eet Daani'eel ammoo sadarkaa arfaffaa qabachuun dorgommicha xumuruu isaanii Federeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksiseera.
Dorgommii gara biraatiin ammoo, maaraatoonii Idil-Addunyaa Deeguu Kooriyaa 2022 irratti Atileeti Shifarraawu Taammiruu sa'aatii 2:06:31 galuun tokkooffaan injifateera.
Maaraatoonii Deeguu Idil-Addunyaa kanarratti dorgommii dubartootaan kan injiffattee ammoo atileetii Ertiraa Naaziraaqii Waldu turte.
Dorgommii maaraatoonii 2022 Xaaliyaan magaalaa Miilaanootti gaggeeffameenis atileetota itoophiyaa injifannoon galaniiru.
Haaluma kanaanis ramaddii dubartootaatiin atileeti Sintaayyoo Xilaahun lammaffaa yoo baatu, atileeti Ataala Nugusee ammoo sadarkaa saddaffaa argachuun dorgomicha xumuraniiru. Kana malees sadarkaa arfaffaa hanga jahaffaa kan jiruuf atileettotuma Itoophiyaatiin qabamuti himame.













