Dorgommii shaampiyoonaa atileetiksii mana-keessaa Beelgireediitti eenyaa fa'itu eegama?

Madda suuraa, NurPhoto
Sarbiyaa magaalaa Beelgireed keessatti Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana keessaa Idil-addunyaa Jimaata Bitootessa 18 hanga 20, 2022 turuun atileetonni Afrikaa medaaliyaa argatu jedhamee eegamaa jira.
Atileetota Afrikaa irraa eegaman keessa atokko atileetii Keenyaa Fardinaand Omurwaa Omaaniyaalaa yoo ta'u, fiigicha fageenya meetira 100 tiin rikkoordii Yuuziyaan Booltiin qabamee ture cabsuu akka danda'u himamaa jira.
Atileetiinb keenyaa kun Shaampiyoonaa Sarbiyaa kana fageenya meetira 60n jalqaba.
Atilwwtiin umuriin isaa waggaa 26 ta'e kun fageenya meetira 100 sekondii 9.77 tiin galuun rikkoordii Afrikaa qabatee jira. Fiigicha fageenya gabaabaatiin rikkordii addunyaa qabatee kan jiru kan Yuuziyaan Boolt (sekondii 9.58) jabaatee jennaan cabsuullee ni danda'ama jedhamaajira.
"Wanti hin danda'amne hin jiru jedheen amana. Rikkoordiin addunyaa waan milkeessuun danda'amudha," jechuun Omaaniyaalaan BBC Sport Africa'tti dubbateera.

Madda suuraa, Getty Images
"Namni rikkoordii kana cabsu yoo jiraate ana qofaadha jedheen amana."
"Rikkoorddi kan Afrikaa ilaalaa. Yeroon fiigicha jalqabetti namoonni salphaatti hin cabu jedhanii yaadaa turan. Kana garuu bara darbe milkeesseera."
Rikkoordiin Omaaniyaalaa kun sa'aatii yeroo kamirrayyu caalaa rakkisaa ta'e isa saddetteffaada. Kana kan milkeesses sababa qoricha humna namaaf kennuun walqabatee adabbii ji'oota 14 bara 2017 irra kaa'ameen boodadha.
Qorichi kun kan keessatti argames qoricha Isterooyid jedhamu dhukkubbii qabaneessuuf fudhatamu erga fudhateen booda ta'uu eeruun, "haala ture kanaan miidhameen ture," jedheera.
Atileetiin keenyaa kun shaampiyoonaa ta'uudhaaf atileeti lammii Xaaliyaan Maarsel jaakobsiin, akkasumas abbaa shaampiyoonaa dorgommii atileetiksii mana-keessaa yeroo ammaa kan ta'e lammii Ameerikaa Kiristiyaan Koolmaaniin mo'achuutu irraa eegama.

Madda suuraa, World Athletics
Atileetonni Afrikaa biroo Beelgireeditti dorgoman biroon eenyufaadha?
Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2022 magaalaa Beelgireeditti gaggeeffamu kana irratti atileetonni biyyoota 137 keessaa babbahan 680 ta'an ni hirmaatu jedhamanii eegamaa jiru.
Atileetota Afrikaa ja'a eegaman
Salamoon Baaraggaa (Itoophiyaa) - atileetiin umuriin isaa waggaa 22 ta'e kun shaampiyoonaa Olompikii fiigicha meetira 10,000ti. Bara 2018 keessa dorgommii mana-keessaa Adunyaa irratti fiigicha fageenya meetira 3,000tiin medaaliyaa meetii argatee ture foyyeessudhaaf dorgoma.
Lameechaa Girmaa (Itoophiyaa) - fiigicha gufachiisaa fageenya meetira 3,000tiin Shaampiyoonaa Addunyaafi Olompikiin medaaliyaa meetii argateera. Atileetiin umuriin isaa waggaa 21 ta'e kun fiigicha fageenya meetira 3,00tiin mo'achuudhaaf Salamoon waliin dorgoma.

Madda suuraa, Getty Images
Saamu'eel Tafarraa (Itoophiyaa) - fiigicha fageenya meetira 1,500tiin abbaa rikkoordii dorgommii mana-keessaa atileetiksii Adddunyaa yoo ta'u, bara 2018 barmingihaam keessatti madaaliyaa argate akka dabarsee hin kenninetti dorgoma.
Gudaaf Tsaggaay (Itoophiyaa) - atileetiin umuriin ishee waggaa 24 ta'e kanaan dura fiigicha fageenya meetira 5,000 Olompikiifi meetira 1,500 Shaampiyoonaa Addunyaatiin maaldaa/nahaasa moa'tte kun dorgommii ammaa kanaan meetira 1,500niin ni eegamti.
Iisee Birumee (najeeriyaa) - Atiletiin umuriin wagaa 26 kun Olompikiifi Shaampiyiina Addunyaatiin medaaliyaa naahaasa kan mo'atte yoo ta'u, Shaampiyoonaa Afrikaatis. Dorgommii utaalacha dalgeetiin ni hirmaatti.
Halimaa Naakaayyuu (Yugaandaa) - atileetiin umuriin ishee waggaa 27 irra jiru kun bara 2019 keessa Dohaatti madaaliyaa warqee argatte dabaluuf dorgomti.
Yaasir Tireekii (Aljeeriyaa) - Utaalchoo lafarrattiin (triple jump) meetira 16.95 utaluun yeroo ammaa atileetota filatamoo adunyaa shan keessaa tokkodha.















