Atileetiksii Adunyaa: Atileetonni Itoophiyaa Baarseloonaatti meetira 5,000n rikardii cabsan

Ijjigaayyoo Taayyee fi Berihuu Aregaawwii

Madda suuraa, World athletics

Ibsa waa'ee suuraa, Ijjigaayyoo Taayyee fi Berihuu Aregaawwii
Maxxanfame

Dorgommii fiigichaa daandii irraa kan fageenya kiiloo meetira shan [5,000m] Ispeen, Baarseloonaatti gaggeeffameen atileetonni Itoophiyaa dhiiraa fi dubartiin rikardii cabsan.

Dorgomichis Jimaata Mudde 31, 2021 Baarseloonaa bakka Kursaa delsi Naasoos jedhamutti gaggeeffame. Atileeti Ijjigaayyoo Taayyee fi Berihuu Aregaawwii fageenya meetira 5,000 [5km] rikardii cabsuusaanii Atileetiksiin Adunyaa marsariitii isaa irratti ibse.

Atileet Ijjigaayyoo Taayyee fageenyicha daqiiqaa 14:19n yoo xumurtu, dorgommii dhiirotaan ammoo atileet Berrihuu Aregaawii daqiiqaa 12:49 galuun rikardii atileetii Yugaandaa Jooshoyaa Chepteegii qabatee ture cabsanii xumuran.

Jalqaba bara 2021 irratti atileet Ijjigaayyoo Taayyee kan umuriin ganna 21, fageenya meetira 3,000n akka Itoophiyaatti rikardii haaraa kan galmeesite yoo tahu, fageenyichas daqiiqaa 8:19.52 galuun xumurte.

Bara 2021 xumurame kana ammoo fageenya meetira 5,000 daandii gubbaa gaggeeffameen dubartii saffisa guddaan xumurte lammaffaa taate. Ijjigaayyoon Baarseloonaatti fiigicha daandii gubbaa idil-adunyaa gaggeeffameen yeroo lammaffaaf morkattee injifannoo goonfatte.

Gama dhiiraatiin ammoo, atileetiin ganna 20 Berrihuu Aregaawii, ji'a darbe sa'aatii atileetiin lammii Yugaandaa, Jooshoyaa Chepteegii, Faransaay- magaalaa Liilitti galmeesse sekondii tokkoof jedhee caalamee ture.

Dorgommii kanaan barri 2021 osoo hin bahiin morkii cimaa gaggeessee ol aantummaan rikardicha cabsee xumure. Jooshoyaa Chepteegii fageenya meetira 5,000 fi 10,000nin bara 2020 keessa rikardii adunyaa harka galfatee ture.

Jooshoyaa Chepteegii duraan rikardii atileet Qananiisaa Baqqalaa waggoota dheeraaf qabatee ture cabse.

Fiigicha kana waan adda godhu dhiironnii fi dubartoonni aluma tokko fiigicha daandii irraa kana walumaan jalqabu. Atileet Ijjigaayyoo Taayyee atileetota dhiiraa waliin fiigaa turte akka saffisa ishee dabalaniif itti fayyadamtee rikardii kana cabsite.

Atileetii waliin morkataa turte lammii Iswiidin Meraaf Bahitaa, dursitee gattee kan deemte yoo tahu, fiigicha km5 daandii irraa kana daqiiqaa 14:19n galuun sa'a akka adunyaatti fageenyicha irratti galmaa'ee ture sekondii 24'n cabsite.

Berrihuu Aregaawii fageenya kiilomeetira jalqabaa irratti nama saffisa isaaf isa gargaaru qaba ture. Garuu booda ofuma isaan adda kutee bahe.

Dorgommii Diyaamadi Liigiin meetira 5,000 irratti shaampiyoonaa atileetiin tahe kun rikardii Jooshoyaa Cheptegii qabatee ture sekondii lamaan cabse.