Bineensi Biir 'Hank the Tank' jedhamu mana cabsee nyaata hatuu bare poolisii USn barbaadamaa jira

Hank the Tank

Madda suuraa, Bear League

Maxxanfame

Bineensi Biir akka malee guddichi 'Hank the Tank' jedhamuun beekamu Kaalifoorniyaa ollaa Haroo Tahoweetti manneen hedduu cabsee seenuun nyaata namaa hatuu amaleeffate poolisiin barbaadamaa jira.

Biiriin guddichi kun kiiloogiraama 227 kan ulfaatu yoo ta'u ulfaatina jiddugaleessaa biiriiwwan kaanii akka malee caala.

Gosti bineensota kana ganna ganna sababa nyaata gahaa hin arganneef hirribaan kan dabarsan yoo ta'u, Hank garuu sababa nyaata mana namaatii hatuu bareef gannas hin rafu.

Bineensi kun manneen cabsuu fi nyaata hatuutti waan madaqeef ajjeefamuu qaba jedhu aanga'oonni.

Gareeleen mirga bineensotaaf falman garuu gara daannoo bineensotaa geeffamuu qaba jedhu.

Guddina qaamaa isaafi humna qabu fayyadamuun manneen namoonni keessa jiran, manneen cufaman cabsee seenuun beekama.

"Guddina qaamaa isaa fi humna isaa fayyadamee akkamiin mana cabsee seenuu akka danda'u barateera" jedha dubbi himaan Muummee Qurxummii fi Bineensota Bosonaa Kaalifoorniyaa Piitar Tiiraa.

"Balbala gaaraajii cabsee seena, balbala fuullee cabsee seena ykn ammoo karaa foddaas seenuu danda'a," jedha.

Maqaa masoo 'King Henry' jedhamuunis kan beekamu bineensi kun sababa guddinaa fi bifa isaatiin sirriitti adda baafamee beekama jedha poolisiin.

Carraaqqiin amma dura bineensicha osoo hin ajjeesin tooftaalee gara garaan naannoo namootni jiraatan akka jibbu gochuuf yaalame hin milkoofne.

Bineensichi bineensota akka isaa kaan caaluun qaamni isaa garmalee kan guddateef sababa nyaata namaa amaleeffateefi jedhe gareen mirga bineensotaaf falmu 'The Bear League' jedhamu.

Gareen kun Haank ajjeefamuurra kiyyoon qabamee gara daannoo bineensotaa geeffamuu qaba jedhee, jiraattonnis akka of eeggannoo godhan hubachiise.

"Ollaa Tahowe keessa nyaatni annisaa olaanaa qaban sirriitti argamu - haftee piizaa, aayiskireemii ykn ammoo nyaata gatame kamuu ta'uu mala" jedha Aab Tiiraan.

Akka bineensota kaanii biyyoo haadhee goondaa fi ilbiisota kaan soquu caalaa nyaata namaa akkasii barbaaduutu isaaf salphata jedhe.

Qondaalonni poolisii namoota Hank mana isaanii cabserraa bilbilawwan si'a 150 ol itti bilbilamaniiru.

Baatilee jahaan darban keessa qofa manneen 40 ol cabsee kan seene yoo ta'u bakka tokko tokkotti miidhaa hamaas geessiseera.

"Waggoota 40 magaala kana keessa jiraadheera, takka manakoo furtuun cufee hin beekun ture, dhiyeenya kana garuu cufuu eegaleera" jedhe jiraataan naannichaa Tiim Joonsan CBS News'tti yoo dubbatu.