Manni Maree Isteeta US injifannoo Adawaa yaadachuuf guyyaa ramade

Madda suuraa, Hulton Deutsch
Ameerikaatti Manni Maree bulchiinsa Penselveeniyaa Bitootessi 2 guyyaa yaadannoo injifannoo Adawaa akka ta'u murteesse.
Labsii HR441 jedhamu yaa'ii mana maree bulchiinsichaa torban darbe gaggeeffameefi sagaleen irratti kenname irratti ragga'e.
Akka ittiin bulmaata bulchiinsota UStti guyyaa injifannoo Adawaa yaadachuuf murteen seena qabeessi darbe kun galmee seeraarratti katabamee taa'a.
Murteen kun Bitootessi 2 yaadannoo injifannoo Adawaa waggaa 130ffaa ta'ee akka yaadatamu labseera.
Mana maree bulchiinsichaa keessatti sagalee kennameen bakka bu'ootni 195 deeggaranii, jaha ammoo mormuusaaniin sagalee caalmaa argachuun raggaasifame.
Wixineen kun erga dhiyaatee bubbulus adeemsa idilee mariifi falmii keessummeesse booda torban darbe raggaasifame.
Labsii HR441 jedhamu kana mana maree bulchiinsa Penselvaaniyaaf kan dhiyeesse bakka bu'aa Kaaba Filaadeelfiyaa kan ta'an Seenaatar Beenjamiin Saancheezi.
BBC odeeffannoo dabalataa argachuuf Senaatar Beenjamiinitti ergaa imeelii ergus ammatti deebii hin arganne.
Haata'u malee, guyyaa wixinee kana mana mareef dhiyeessan yaada kennan keessatti hiika guddaa injifannoon Adawaa Afrikaanota lammummaa Ameerikaa qabaniif qabu ibsaniiru.
Seenaa addunyaa ammayyaa keessatti gaheen Adawaa guddaa ta'uu himuun, Mootii Minilikiifi haatiwarraa isaanii Xaayituu Bixul hooggansa kennaniin Itoophiyaa koloneeffattoota harkaa baasaniiru'' jedhan.
Kunis Afrikaanota lammiilee Ameerikaa ta'aniifi dhalattoota Itoophiyaa biyyittii keessa jiraataniif madda boonuu guddaadha jechuun dubbatan.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maanni Maree Penselveeniyaa marsariitiisaa gubbaatti barreefame baaseen wayita biyyootni Awurooppaa Afrikaa koloneeffatanii tureefii yoom akka birmaduu bahan hin beekamnetti Itoophiyaan birmadummaashee eeggattee ture jechuun injifannoo Adawaa leelliseera.
Kanaanis Itoophiyaan biyya Afrikaa takkittii hin koloneeffatamne ta'uun jaarraa 19ffaafi 20 keessa abbootii humnaa addunyaa turan irraa beekamtii argatteetti jedheera.
Sababa kanaattis Bitootessi 2 bulchiinsicha keessatti injifannoon Adawaa akka yaadatamu labsamuu beeksiseera.
''Guyyaa injifannoo Adawaa yaadachuun seenaa Ameerikaas ni kabja'' jedheera.
Dhalataan Itoophiyaa Rippabilikaan fi miseensi Mana Maree Magaalaa Aurora Koloraado Amsaalu Tsaggaaye BBC'tti akka himetti HR 441 paartilee lamaan mana maree [Demokraatota fi Rippabilikaanota] keessaa harka caaluun ragga'e.
"Seenaan Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaa qofaan kan daangeffame miti" jedhan Obbo Amsaaluun. ''Seenaan sun seenaa Afriikaanotaa fi Gurraachota Ameerikaati,'' jechuun, yaadannoo guyyaa injifannoo kutaa Penselvaaniyaa keessatti kabajamu carraa warqee uuma jedhan.
Akkasumas injifannoon Adwaa kun bakka bu'aa ta'e kutaa biyyaa Koloraadotti Mana Maree Magaalaa Auroraatiin beekamtii kan argate yoo ta'u, 'Ji'a Seenaa Gurraacha' (black history month) waliin walqabatee akka kabajamus hubachiisaniiru.












