Ameerikaatti bineensi 'bear' dubartii bakka ciistuu harkisee baasuun ajjeese, ajjeefame

Grizzly bear

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaalonni akka jedhanitti bineensi bear kun (suuraan kun kansaa miti) kiiloo 181 ulfaata
Maxxanfame

Ameerikaa Montaanaatti bineensa 'bear' jedhamu dubartii dunkaana keessaa harkisee baasuun ajjeese, dhukaasanii ajjeesan.

Narsiin ganna 65 Kaaliforniyaarraa taate Leah Lokan, gaara gubbaa bahuun imalarra otoo jiraniiti bineensichi haleellaa kanirraan gahe. Kibxata dabre keessa kaampii ishee fi hiriyoonnishee lama buufatanitti bineensi kiiloogiraama 181 ulfaatu kun kan dhufe.

Taatee kana boodas angawoonni guyyoota sadiif erga adamsaa bahanii boodadha kan argachuunii danda'an -kiyyooffaa kiyyeessanii malaan qaban.

Ogeeyyiin kishaafee (manatsirii) halkaniin agarsiisuu dandeessisu kaawwachuun, wayita mandhee lukkuu galuuf jedhu itti dhukaasan.

Bineensichi dubartii kana bakki itti ajjeese magaalaa xiqqoo Ovando jedhamtutti oggaa tahu, jarris dhiyeenyatti kan argamu naannoo horsiisa lukkuu kanaatti kiyyoo kiyyeessan - akkasiin milkaa'an.

Aadde Leah fi hiriyyoonnishee dudduuba mana poostaa magaalichaatti buufatanii kan turan oggaa tahu, halkan keessaa sa'aatii 10tti (barii) haleellaan kun dhaqqabe.

Dubartiin kun jaalala bishikileetii karaa fagoo kan qabdu oggaa tahu ''jireenyaafis ilaalcha adda tahe qabdi turte,'' jedhu namoonni ishee beekan.

Bineensi bear kun jalqaba gara kaampii isaanitti gara sa'aatii 9tti dhufe. Achiis fiigee baqate.

Jarri sadan dunkaana kopha kophaa keessa kan rafaa turan wayita tahu, nyaata achi keessa ture baasuun saamsuun bakka biraatti kaa'anii rafuutti deebi'an. Bineensi kun garuu takka turee deebi'uun dubartii kanarra miidhaa qaqqabsiise.

Qondaalonni kunuunsa bineensotaa, bineensi isaa ijjeesan kun isuma miidhaa qaqqabsiise sanadha jedhu. Dabalataan mirkaneessuuf garuu qaccee sanyii (DNA) bineensichaa fi DNA bakka haleellaan sun dhaqqaberraa funaaname walbira akka qabanis himan.

Bear'otni namootarra miidhaa qaqqabsiisan hundi hin ajjeefaman. Fakkeenyaaf yoo namni miidhameefi bineensichi tasa walitti dhufan yookaan ilmooleeshee irraa ittisuuf jecha miidhaan yoo dhaqqabe hin ijjeesan.

Haatahu malee qondaaltonni akka jedhanitti, akkaataa miidhaan dhaqqaberraa ka'uun, bineensi Aadde Leah ijjeese nageenya uummataarratti sodaa uumeera waan jedhameef ijjeesuuf murteessuu himu.

Amma durallee biyya Xaaliyaanitti qondaalli tokko bineensi kun erga abbaa fi ilma miidhee booda akka ajjeefamu murtee dabarsee ture.