Sudaanoonni poolisoonni icciitii deebii'anii laata jechuun sodaataa jiru

Amira Osman

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Maatiin Amiiraa Osamaan, kan suuraa bara 2013 kaatee tanaa, erga alkan walakkaa poolisiin manasheetii fudhatamteen booda eessa buuteen ishee akka hin beekmne dubbatu
Maxxanfame

Xalayaawwan gaazexessitoota afriikaa torbanii keenya kan har'aatiin barreessituun lammii Sudaan Zayinab Mohaammad Saalih tarkaanfii humnoota nageenyaa erga pirezidaanti Omaar al- Baashir aangoorraa kaafamanii booda dhaabbate ture, deebii'unsaa sodaatamaa jiruutiin fudhatamu ilaalchisuun akkasiin barreessite jirti.

Short presentational grey line

Polisiin icciitii baayyee cimaan tibba tokko Sudaan keessatti baakamaa ture amma hojiitti deebii'un, namoota ukkamsuun fudhachu eegaleera. Tarii namoonni kunneenis deebii'unsaanii baayyee sodatamaa jira.

Baatii darbe namoonni 30 hidhatan uffata idileetiin mana Amiiraa Osamaan kan magaalaa Kaartuum keessaa alkan walakkaa keessaa weeraran.

Dubartiin oggeettii mahaandisummaa qabdu tunis mirga namootaaf falmuun dubartii beekamtudha. Akkasumas miseensa Paartii Koministii Sudaan.

Isheenis Tajaajila Tika Waliigalaa (GIS) kan duraan Tajaajila Tikaa fi Nageenya Biyyaaleessaa (NISS) jedhamuun beekamuun akka to'atamte amanama. Garuu qondaaltonni kanarratti yaada hin kennine.

Obboleettiin angafaa Aaddee Amiiraa, Amaaniin, dubartiin haadha seeraa mirgoota namoomaa waan mudate ibste jirti.

''Baayyee naane turre'' jechuun haalicha ibsiti.

"Ijoolleen kiyyaafi ijoolleen obbolaa kootii wayita namoota qawwee kilaashinkovii hidhatan arganitti baayyee nahan. Kaan isaanii ammoo ishee to'achuuf ulee baatanii turan.

"Mucaa kiyyaa kan waggaa jahaa sababii osoo waggaa sadii jiruu wayita ana qaban haala ture argeen booda ammalleen irriba irratti rakkoo qaba. Anis osoo ijoollee koo hin argiin guyyoota 38f dhabameen ture,'' jetti Amaaniin.

"Garuu dhimmi badaa, ammas deebiinee haaluma sana fakkaatu keessa darbaa jirra. Erga Baashir aangoorraa kaafameen booda waan haalli akkasi nu mudatu nutti hin fakaannee ture. Garuu ammoo waan ta'u hundaafu qophiidha.''

Amaan humnootiin nageenyaa maatii ishee qofaa osoo hintaane, abbaa qabeenyaa suuqii manasaaniitti aanee jiruuf ollaa isaanii hunda dorsiisuu isaanii himti.

Dubartoota Sudaan hiriira fonqolcha motummaa taasifamee irratti mormii saanii ibsachuuf haasaa taasisa turan keessaa, Kaartuum keessatti Amajjii 30, 2022

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Mormiin bulchiinsi waraanaa deebii'u ilaalchiisuun taasifamu Sudaaniitti waanuma barame ta'aa jira

Ergamaan UN Sudaan keessaa Amiiraan akka gadhiifamtu waamicha taasiseera.

To'atamuun Amiiraa kun erga namoota Muddeetti as osoo maatiin isaanii ykn abukaatoowwan isaanii hin beeknee to'atamuun eessa buuteensaanii hin baramne hedduu keessaa isheenis tokko.

Hanga ammaattis dubartii mirga namoomaaf falmuun beekmtu kan biraa Kaartuum keessaa fi miseensoonni koree qindeessitoota mormii bulchiinsa waraana Sudaan hedduun to'atamaniiru.

Juntaan baatii Onkolooleessaa keessa fonqolcha mootummaa taasisees dambalii mormii walitti fufiinsaan biyyattii guutuutti irratti gaggeeffamaa jiru dhaabuuf humnootii poolisii icciitti deebiisee hundeesseera.

Mormitoonnis bulchiinsi siiviil akka bakkatti deebi'uuf gaafachuun, hoggantoota waraanaa bulchiinsa Baashir mormii uummataatiin 2019 keessa aangoorra buufamee waliin hidhata qaba jechun himatu.

Erga yeroo sanaatii kaasee, biyyattiin wal ta'insa rakkiisaa miseensoota siiviiliifi waraanaatiin bulaa kan turte.

Rogeettiin mirga dubatootaa, Emaan Mirghaani, kan miiseensa koreewwan diddaa fi hojjattuu mootummaa naannoo turtes dhiheenyuma lafa hojii isheetti namoota hin beekamneen butamte.

Hiidhaatti deebi'uu

Akka namoonni ishee waliin Ministeera fayyaa Bulchiinsa Kaartuum keessa waliin hojjattuu jedheniitti, miseensoota Tajaajila Tika Waliigalaa (GIS)n to'atamte.

Aadde Emaan waajjiira isheetii bilbilaan gadi waamamte. Nama waahilasheeti ofiin jedhe tokkoon alatti argu akka barbaadu itti himuun waajiiraa alatti waameen.

Waajiraa bahuunis dirqiin akka konkolaataa pick-up adii keessa galtu taasifamuun bakka hin beekamnetti fudhatamu himu namoonni ijaan argan.

Ilmi ishee Kaariim Alii akka natti himetti haatii isaa sababii duula gaggeessituu fi ''mormii fonqolchaa irratti ministeericha keessatti garee siviilii waliitti qabaa'' waan turteef jedha.

Lakkoofsi namoota haalaa kanaatiin to'atamanii ifa miti- garuu rogeessonni namoonni 70 ol ta'aan miseensoota tikaatiin fudhatamuusaanii amanu. Miseensonni ykn abokaatoowwan namoota kanaas eessa akka jiran hin beekan.

Tajaajilli Tika Waliigalaa erga Baashir aangoorraa kaafamee maqaa geeddaratee ture. Aangoon gocha to'annoo isaa kunis maqaa waajjirichaatti kan aguugame fakkaata.

Zeinab Mohammed Salih
Z Mohammed Salih
It is yet another sign that things are going back to how they used to be, before Bashir's overthrow led to a belief that a different Sudan was possible"
Zeinab Mohammed Salih
Sudanese journalist
1px transparent line

Isan dura wayita NISS jedhamuun waamamuutti, gochaa bara 1990mota keessa raawwatuun akka ''mana seexanaatti'' ilaalama ture.

Eddoowwan mormitoonni pirezidaantii Baashir kumaatamaan lakkaa'aman itti dararamanii fi yeroo tokko tokkos itti ajjeeffaman turan.

Taateen fakkeenyaa tokko, barsiisaa Ahimad el-Khaayir Guraandhal bara 2019 keessa manasaatii fudhatamuun hanga du'uutti dararamee jira.

Waggaa tokkoon booda tibbuma Baashir kaafame sanaa fi tibba ce'uumsaa gara sirna dimokiraasiitti imalaa ture keessa, namoonni barsiisaa Ahimad Khaayir ajjeessan duutii itti murtaa'ee ture.

Haata'u malee murteen sun hojiirra hin oolfamne.

Miseensi Komishinii Mirgoota Namoomaa Sudaan duraanii, abbaan seeraa Saami'er Alii Musheem, aangoon Tajaajilli Tika Waliigalaa kan ''erga fonqolcha Okololessaatii asi kan danqaawwan miga namoomaa fi bilisummaa bu'uuraa bakka bu'uu'' deebii'uu akka hin oollee sodaa qaban kaasu.

Haalli akka bara bulchinsa Baashir sanaatti deebi'aa jiraachuuf mallattooleen mul'ataa jiru.

Obbolleettiin Amiiraa Osmaan akka jettutti, ammalleen eessa buuteen ishee hin baramne.

Maatii ishees taatee kanaan ukkamsanii butuun raawwatamu himu.

''Kan biraa hafee qoricha illeen akka geeffamuuf nuuf hin heeyyamne'' jetti obboleettiin.

Presentational grey line

Xalayyaawwan Afriikaa kan biraa:

A composite image showing the BBC Africa logo and a man reading on his smartphone.