Dubartoonni Sudaan “gudeeddi qaamolee nageenyaan” raawwatamu morman

Dubartoota Sudan mormii bahan, Mudde 23, 2021

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame

Sudaan keessatti, himannaa qaamoleen nageenyaa ijoollee durbaafi dubartoota 13 gudeedan jedhu booda, Dilbata dubartoonni dhibbaan lakka’aaman hiriira mormii ba’aniiru.

Dhaabbati Mootummoota Gamtoomanii (UN) "gabaasa nama rifaasisu” na qaqqabe jedheen, hiriira humna waraanaa mormuun ba’ame irratti qamooleen nageenyaa dubartoota irratti miidhaa saalaa geessisaaniiru jedha.

US fi biyyoonni Lixaa biroon, hiriira mormii irraa “dubartoota ari’uuf jecha” miidhaa saala waliin walqabate raawwatamu balaaleeffataniiru.

Humnoonni nageenyaa himata dhiyaate kana irratti ammatti deebii hin kennine.

Onkololeessa yemmuu humni waraanaa fonqolchaan angoo fudhatee eegalee, dubartoonni hiriira mormii gaggeeffamaa ture irratti dursitoota turan.

“Gudeeddiin nu hin dhaabu, dubartoonni Sudaan kanarra cimoodha,” dhaadannoowwan jedhaniifi kanneen biroo qabachuun Kamisa, Kaartuum fi Omduurmaanitti hiriira mormii ba’uu AFP gabaaseera.

Ibsa waliin baasaniin, US fi Gamtaan Awurooppaa, sagalee dubartootaa callisiisuuf jecha miidhaa saalaa “akka meeshaa waraanaatti” fayyadamuu balaaleffataniiru.

Ibsi kun – kan UK, Noorway, Siwiizarlaand fi Kaanadaan irratti mallatteessan. Himannaa kana irratti qorannoon of danda’aa ta'e akka gaggeeffamuuf gaafataniiru.

Hiriira mormii Dilbata magaalaa guddoo Sudaan, Kaartuumitti fonqolcha mootummaa mormuun gaggeefame irratti namooti lama ajjeefamuun isaanii gabaafameera.

Rogeessonni dimookraasii deeggaran, humni waraanaa warraaqsa bara 2019’tti abbaa irree Omar al- Bashiiriin angoorraa kaase hataniiru jechuun himatu.

Hoogganaan fonqolcha kanaa Jeneraal Abdeel Fattaa al- Burhaan, Onkololeessa keessa humni waraanaa kan aangoo fudhate, paartileen siyaasaa uummati nagaa humnoota nageenyaa irratti akka ka’an gochuun, waraana wal-waliinii uumamuuf adeemu dhaabuuf ture jechuun falmeera.

Ammayyuu bulchiinsi mootummaa filannoo Adoolessaa 2023 gaggeeffamuuf karoorfameen, gara hoggansa uummataatti akka darbu nan fedha jechuun ibseera.

Akka waligaltee ji’a darbe ministira muummee Abdallaa Hamdook waliin tasifameen, amma filannoon gaggeeffamutti kabinee ni hoggana.

Ta’us garuu, hooggansa waraanaa jala waan ta’uuf, mootummaan uummataa haaraan aangoo hagamii akkanni qabaatu hin beekamu.

Guyyootii dhiyootti eegereen MM Hamdook maal ta’a kan jedhu irratti shakkiin adda adda jira, gabaasotni tokko tokko aangoo gadhiisuuf yaada yoo jedhan kaan ammo akka angoo qabatee turuuf Janaraal Burhaan amansiiseeraani jedhu.