Masriin Ertiraanota kolu-galtummaa gaafatan dirqamaan akka hin deebisne gaafatamte

Maxxanfame

Jaarmiyaan idil-addunyaa mirga namaaf falmu Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) aanga'oonni Masrii Ertiraanota kolu-galtummaa gaafatan humnaan gara biyya isaaniitti deebisuurraa akka of qusataniif gaafate.

HRW gabaasa Amajji 27, 2022 baaseen akka jedhetti, aanga'oonni Masirii daa'imman dabalatee Ertiraanota koluu-galuuf gaafatan gara biyya dhaloota isaaniitti fedhii isaanii malee akka deebiyan godhaa jiru.

Mudde 2021 keessa Masiriin Ertiraanota kolu-galtummaa gaafatan 24 gara Asmaraatti deebistee ture. Kan Mudde 2021 goote kanaan ji'oota muraasa duras Ertiraanota 15 kolu-galtummaa gaafatan deebisteetti jedhameera.

HRW namoonni dirqamaan gara Ertiraatti deebiyan gidiraa hamaa kan isaanirra gaheefi haalli ittiin qabamanis hedduu hammaataa yoo ta'u, kanneen eessa akka jiran hin beekamnellee jiru jedheera.

"Masiriin yeroo gara biyya isaaniitti deebiyan hidhamuuniifi gidiraan kan isaan eeggatu lammileen Ertiraa humnaan deebisuurraa of qusattee, mirga kolu-galtummaa isaanii hayyamuufiif qabdi," jechuun HRWtti daarektarri Itti-aanaa Baha Giddu-galeessaafi Kaaba Afrikaa Joo Istoork akeekkachiiseera.

Akka lakkoofsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiiniin Ol-aanaa Dhimma Baqattootaatti taanaan, Masirii keessa Ertiraanonni baqattoota ta'aniifi kolu-galtummaa gaafatan 20,778 ni jiru.

Kanaan alatti ammoo lakkoofsi baqattoota Ertiraa osoo hin galmaa'iin Masirii keessa jiran angam akka ta'e hin beekamu.

HRW akka jedhutti, Mudde 2021 keessa Ertiraanonni akka dirqamaan deebiyan taasifaman baqattoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiiniin Ol-aanaa Dhimma Baqattootaatti hin galmaa'iin turanidha.

Jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu kun Masiriin kolu-galtummaa warra gaafatan gara biyya dhaloota isaanii Ertiraa hidhaa, gidiraafi jireenya isaaniif yaaddoo ta'etti humnaan deebisuun ishee seera idil-addunyaa kan faallessudha jedheera.

HRW aanga'oonni Masirii baqqattoota gara Ertiraatti deebisuu isaaniitiin olitti, tajaajila Komishinii Dhimma Baqattootaallee akka hin arganne gochaa jiru jechuun himata.

Baqattoonni Ertiraa manneen hidhaa Masirii keessa bakka dhiphaa ta'ee keessa nyaataafi tajaajila fayyaa gahaa dhorkamiinii jiru jedheera HRW.

Mudde 2021 gara dhumaarra, Ertiraanota gara biyyasaanitti akka deebiyan taasifaman keessaa sagal bakka itti hidhamanii turanirraa poolisii Masiriitiin gara imbaasii Ertiraa Kaayiroo jiruu kan geeffaman yoo ta'u, imbaasichattis gara Ertiraatti deebiyuudhaaf uknas dirqisiifamanii akka mallatteessan taasifamuu isaanii HRW gabaasa isaa kana keessatti eeree jira.

Jaarmiyaan idil-addunyaa mirga namaaf falmu kun maddeen isaa natti himaniiru jechuun akka himetti, Ertiraanonni waliigaltee Afaan Arabaa isaaniif hin galleen barreeffame irratti akka mallatteessaniif dirqisiifamaniiru.

Mootummaan Ertiraa gabaasa HRW amma baase kana ilaalchisee hanga ammaatti deebii hin kennine.