Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xaaliyaan baqattoota 180 lammileen Ertiraa keessatti argaman dooniirratti danqamanii turan simatte
Xaaliyaan baqattoota 180 ta'an lammileen Ertiraa keessatti argaman galaan Meeditiriyaaniiyaaniirraa dooniirratti danqamanii turan akka bu'an gochuun simatte.
Murtee kunis erga torbanii oliif akka dhaabbatan taasifamanii booda kan dabarfameedha.
Gareen baraartoota galaana Meditiriyaanii SOS guyyaa Jimaataa sodaa cimaa baraartootaafi baqattootaaf qabuu eeruun labsii yeroo atattamaa labsee ture.
Baqattoonnis guyyaa Wiixataa harraa kana gara bidiruuwwan mootummaatti dabarfamuun Sisiilii keessatti guyyoota 14'f adda baafamuun tursiifamu.
Baqattoonni kunneenis biyyoota akka Ertiraa, Paakistaaniifi Naajeeriyaa irraa kan babahaniidha. Namonni kunneenis erga daangaa galaanaa Libiyaa irraa baqatanii booda garee baraartootaa afuriin kan Waxabajjii 25 hanga 30 jidduutti baraaramanii jedhameera.
Namoota amma galaana irraa oolfaman keessattis daa'imman xixiiqqoon 25 kan maatii beekaan bira hin jirreefi dubartoota lama keessatti argamu. Isaan keessaas dubartiin tokko garaatti baatti jedhameera.
Dooniittiinis imaltootaa akka Maaltaa ykn Xaaliyaaniitti buuftuuf hayyama eeggataa turte.
Akkuma yeroon deemeenis kanneen doonicha keessa turan daangaa qaqabuuf abdii kutatanii turan.
Maatiis ta'e firotasaaniitti waan keessa jiran himulleen hin dandeenyee jechuun AFPn gabaaseera.
Hakimiin dhaabbata SOS Meditiraaniyaan akka jedheetti, ''doonicha keessaatti namoonni dhiphina samuu irratti mullatu hedduu taajabeera.'' Haalli kunis garee baraartootaatiin ol ta'ee turees jedha.
Miseensi garee baraartootaa tokkoos yaalii of ajjeesuufi wal dhabdee cimaan akka ture hima.
AFPn madda Ministira Haajaa Biyya keessaa Xaaliyaan eeruun akka gabaaseetti, baqattoonni osoo doonii irraa hin buufamaniin gareen wallaansaa ni ergama.
''Baayyee gamdneerra. Daandii dheeraa dhufne. Libiyaa yeroo ammaan kana haala hamaa keessa jirti. Akkan lubbuun jiru maatii kiyyaatti himuun barbaada,'' jedha baqataan lammii Baangilaadish kan umuriin waggaa 27 Raabuul.
Waggaa darbee qofaa baqattoonni 110,000 ol ta'aniitu galaana Meeditiraaniyaanii qaxaamuruuf yaale.
Kanneen 1,200 ol ta'an du'aniiru wayita galaanicha qaxaamuruuf yaalaniitti, akka Dhaabbanni Dhimmoota Baqattootaa -IOM jedheette.