Ameerikaatti namichi talaallii hin fudhatiin wal’aansa onnee haara dhaabuu dhorkame

Maxxanfame

Ameerikaa Bostanitti dhukkubsataan talaallii Kooviid fudhachuu dhiisuun akka yaalii onnee haaraa hin arganne isa taasisan keessaati.

DJ Fargusan nama ganna 31 yoo tahu, onneen haaraa argachuu dirqama isa barbaachisullee hospitaalli dubartootaa Biriigam tarree namoota wal’aansa kana eegan keessaa isa baaseera jedhan abbaansaa.

Abbaan isaa talaallii Kooviid fudhachuun qajeelfama ilmasaanii akka faallessu himan, ‘’itti hin amanu,’’ jedhan.

Hospitaalli immoo imaammatan hordofeen kana raawwadhe jedhe.

Hospitaalichi ibsa BBCf kenneen, ‘’hanqinni kutaa qaamaa kanneen akka onnee gatii jiruuf namni wal’aansa onnee haaraa dhaabbachuu argatu carraa lubbuudhaan hafu guddaa kan qabu, tahuu qaba,’’ jedhe.

Dubbii-himaan hospitaalichaa, ‘’wal’aansa kana kennuuf hospitaalichi nama haala jireenyaa gaariirra jiruufi talaallii fudhate akka tahu gaafata.

Kunis sirni madiinummaan dhukkubsataa gatii hir’isuuf wal’aansicha argachuuf carraa lubbuudhaan hafuusaa guddaa tahuu qaba,’’ jedhan.

Ibsi hospitaalichaa jechoota of eeggannoon barreefaman fayyadamuun bahe, namni kuni wal’aansicha akka hin arganne dhimmooti taasisan biroo kan jiran fakkaatullee icciitii dhukkubsataa jechuun ifatti himuu hin feene.

Kana malees hospitaalichi namoota 100,000 kutaa qaamaa haaraa dhaabsifachuuf barbaadan keessaa sababa haqinaan kan waggaa shan keessatti hin arganne jiru jedhe.

Fargusan baatii Sadaasaa, 2021 irraa kaasee hospitaala ture. Innis dhukkuba onnee sanyiidhaan darbu dhiigaafi dhangala’aan somba isaa keessa akka guutu taasisuun rakkataa jira jedha ibsi qarshii walitti ‘GoFundMe’ isaarratti bahe.

Qindeessaan qarshii walitti buusuu kanaa Fargusan onnee isaa dhukkubsataa waan jiruuf talaallii Kooviid fudhachuun ittuu na dhukkubsuu danda’a jedheeeraa jedha. Dhaabbanni Ittisaafi To’annoo Dhukkubaa Ameerikaa(CDC) immoo dhukkuba onnee Koovidiin dhufu kan yeroo xiqqoof turuuf kan badaa hin mudanne dha jedha.

CDC’n namooti wal’aansa akkanaa fudhataniifi kan naannoo isaanii jiran talaallii guutuu akka fudhatan jajjabeessa.

Dr Artar Kaaplaan mana barumsaa fayyaa NYU Grossman jedhamutti hogganaa kutaa namuusa yaaliiti. Akka isaan jedhanitti namni wal’aansa qaama haaraa dhaabbachuu taasifatu sirna madinummaa xiqqoo gatii qabaatuuf qufaadhaanillee du’uu mala jedhan.

‘’Kutaan qaamaa nama biraa irraa argamu baayyee gatii hin taaneef nama carraa fayyuu xiqqaa qabuuf hin kenninu,otoo warri talaallii fudhatanii carraa wal’aansicharraa hafuu qaban otoo jiranii,’’ jedhan Dr Kaaplaan.

Fargusan nama ijoollee lama qabuufi daa’ima biraa godhachuuf jedhu, ammallee achuma jira jedhan firootisaa.

Hospitaala biraatti geeffamuufillee dadhabeera,’’yeroonis jalaa deemaa jira,’’ jedhan.

‘’Ilmi koo nama jabaafi murtoo isaan dhaabbatu dha, kunimmoo akkan isa kabaju na godha,’’ jedha.

‘’Qaamni kan isaati, filannoonis kan isaati.’’

Namni Ameerikaa hin talaalamiin tajaajila fayyaa irratti danqaa qabaachuun kuni kan jalqabaa miti.

Dubartiin Menisootaa abbaa warraashee hin talaalamne wal'aansa oksijiinii baatii lamaaf fudhataa ture irraa hospitaala kaase himattee turte.

Ameerikaatti lakkofsi namoota harki 63 talaallii kan fudhatan yoo tahu, harki 40 immoo talaalli sadaffaa madiinummaa jabeessu fudhataniiru.