Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Weellistuun beekaa Covid-19n of-qabsiiste ittiin duute
Weellistuun Cheek Riippabliik beekaa Kooviidiin erga of-qabsiisteen booda dhukkubsachuun lubbuunshee darbuu ilmishee BBCtti hime.
Haanaa Horkaan nama ganna 57 yoo taatu, talaallii Kooviid hin fudhanne. Miidiyaa hawaasaa irrattis dhukkubichaan qabamtus akka wayyaa’aa jirtu himtee guyyaa lama booda lubbuun ishee darbe.
Akka ilmishee Jaan Reek jedhutti, iddoowwan tokko tokko seenuudhaaf ragaa Kooviid irraa dandamachuu argachuuf jechuun wayita inniifi abbaansaa Koovidiin qabamanii turanitti beekaa dhukkubichaan kan of qabsiifte.
Cheek Riippabliik Roobii kaleessaa lakkoofsa namoota Kooviidiin qabamanii isa guddaa galmeessite.
Abbaa fi Reek talaallii guutuu fudhatanillee yeroo ayyaana Qillee Koovidiin qabamaniiru. Tahus haatisaa adda of baasuu otoo qabdu isaan wajjin dabarsuun dhukkubichaaf of saaxilte.
‘’Torbee tokkoof of adda baasuu osoo qabduu, yeroo sana hunda nu waliin turte,’’ jedha ilmishee.
Cheek Riippaanliikitti iddoowwan taatee hawaasaa kanneen akka siniimaafi mana bunaa seenuuf ragaa talaallii fudhachuu ykn dhukkubicharraa dhiyoo dandamachuu agarsiisuutu barabaachisa.
Weellistuun kun miseensa hawwisoo Cheek beekamaa sababii taateef iddoowwan tokko tokko dhaquuf jecha dhukkubichi akka ishee qabatu goote.
Lubbuun ishee darbuu guyyaa lama dura, ’’amma fayyaan jira, kana booda tiyaatira, sirbaafi mana bareede deemuu nan danda’a,’’ jette turte.
Dilbata guyyuma lubbuunshee darbe naa wayyeera jettee gadi bahuuf yaaltus, boodarra dugda na waraana jettee sireesheerra gadi ciiste.
‘’Daqiiqaa 10 keessatti waanti hunduu geddarame. Sagaleenshee hudhamee, achumaan lubbuun darbe,’’ jedhe ilmi.
Haatisaa talaallii fudhachuu baattus yaadota shiraa talaalliin namoota basaasuuf kennama jedhan fa’itti hin amantu turte jedhe Reek.
‘’Talaalamuurra Kooviidiin qabamuu wayya jettee waan amantuuf dhimma kana ishee waliin haasa’uun bu’aa hin buusu ture garuu seenaa kana himuun warri kaan akka irraa baratan amana,’’ jedha.
Cheek Rippabliik uummata miiliyoon 10.7 qabdu keessaa, gaafa Roobii qofa namoonni 28,469 Kooviidiin qabamaniiru.
Uummata Cheek Rippaabliik keessaa harki 63 talaallii fudhataniiru.
Odeessaalee walfakkaatan: