Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Xiyyaarri US gara Landan balali'aa ture imalaan tokko maaskii godhachuu diduusaatiif karaarraa deebi'ee qubate
Xiyaarri Daandii Qilleensaa Ameerikaa Miyaamii irraa gara Landaniitti balali'aa ture tokko sababii imalaan tokko maaskii hin godhachuu dideef jecha karaa wallakaadhaa deebi'uu daandiin Qilleensichaa hime.
Xiyyaarri lakkoofsi balaliinsa isaa AA38 ta'eefi imaltoota 129 qabachuun balali'aa ture deebi'uun poolisiin simatamu jedhe.
Poolisoonni kunis dubartii umuuriinshee waggoota 40 keessatti argamtu xiyyaaricha keessaa fudhanii deemuu gabaasichi himeera.
Dubartiin tunis tarree namoota hanga qorannoon gaggeeffamutti akka daandiiwwan qilleensaa Ameerikaatiin hin balaliineef dhorkaman keessa galfamuu daandiin qilleensaa hime.
Balaliinsii guyyaa Roobii kun erga imala eegaleen booda naannoo sa'aatii tokkoo gaditti deebi'usaa gareen balaliinsa xiyyaaraa hordofu tokko beeksiiseera.
''Xiyyaarrii daandii qilleensaa Ameeriikaa Miyaamii (MIA) irraa gara Landan imalaa ture sababii imaltuu tokkoo ulaagaa maaskii seera federaalaa biyyattiin kaa'ame guutuu diduun hokkara uumteef jecha gara MIAtti deebi'eera,'' jedhe daandiin qilleensaa.
Imaltoonni gara Landan buufata xiyyaaraa Heetrootti imalaa toran ammoo guyyaa Kamisaatti balaliinsa biraatiin akka imalan taasifaman.
''Namni hunduu nahanii turan,'' jechuun ture imalaan tokko erga guyyaa Roobii xiyyaaricha irraa bu'een booda kan CBStti kan hime.
Imaltuun gara biraa ammoo baayyee aaruu dubbatte.
''Dhugaa dubbachuuf omaa wanti jedhan hin turre. Imaltootaatti waa himusaanii hin amanu. Kan isaan jechaa turan imaltu waliin walitti bu'iinsi garuu callisaniituma ofiirra deebii'an,'' jechuun buufatichatti himte.
Daandiiwwan qilleensaa akka jedheetti bara darbee qofaa taateewwan imaltootaan walqabate gara 6,000 mudachu himan.
Akkasumas, torbanoota lamaan bara 2022 keessa ammoo mudannoon walfakkaatu 151 mudachu Bulchiinsi Aviyeeshinii Federalaa himeera. Taateewwan kunneen irra caalaanis diddaa imaltoota maaskii uffachuun walqabata.