Ministirri mummee Niiw Ziilaand sababii Koovidiin sagantaa cidha isaanii haqan

Ministirri mummee Niiw Ziilaand Jasiindaa Ardan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Ministirri mummee Niiw Ziilaand Jasiindaa Ardan Kooviid gosa haaraa to’achuuf jecha dhorkaawwan bahan erga ibsaniin booda sirna cidha isaanii haquus himaniiru.

Biyyattiitti gosti Kooviid Omiikroon jedhamu dhalachuu hordofee guutummaa biyyattiitti dhorkaan kaa’amaa jira.

Dhorkaan kuni sagantaa garagaraa irratti namoota 100 hin caallee fi talaallii fudhatan qofti akka hirmaatan akkasumas gabaa fi geejiba keessatti maaskii keewwachuu fi kaan dabalata. Dhorkaawwan kanaan ministirri mummittii Ardan gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin qophii cidhaa karoorsanii turan akka hin adeemsifamne himaniiru.

‘’Lammiilee Niiw Ziilaand kumaatamaan lakkaa’aman kan weerara kanaan miidhamanirraa ani adda miti,’’ jedhaniiru.

Niiw Ziilaanditti erga weerarri kuni eegalee lakkofsa namoota dua’anii hir’isuuf jecha dhorkaawwan jajjaboo garagaraa baasuun hojiirra oolchaa turte. Biyyoota daangaa isaanii dursanii cufataniifi uggura sochii taasisan keessaa ishee jalqabaati.

Haa tahu malee sanyiin Koronaa Deeltaa jedhamu erga dhalatee kaasee MM Ardan imaammatni isaanii Koronaa guutummaan guutuutti balleessuu jedhu hamma weerarichaa kanaa hir’isuu kan jedhun bakka buufameera.

Biyyattiitti kanneen umriin isaanii 12 taherraa qabee uummatni harka 94 talaallii guutuu fudhateera. Kanneen harka 56 tahan immoo talaallii dabalataa fudhataniiru.

Biyyattiin bara darbe daangaa ishee banuun tuuristooti akka galan eeyyamuuf karoora akka qabdu beeksistee turte.

Weerarri Koronaa erga jalqabee kaasee hamma yoonaa biyyattiitti namoonni kuma 15 dhukkubichaan akka qabamna kan galmaa’e yoo tahu namoonni 52 immoo lubbuu dhabaniiru.