Niiw Ziilaand namoonni fayyuu hin dandeenye wal'aansaan akka du’an seera deeggaru baasuufi

Madda suuraa, MATT VICKERS
Niiw Ziilaand namoota dhukkuba fayyuu hin dandeenye qabu jedhaman deeggarasa hakiiman akka du’an seera eeyyamu falmii yeroo dheeraa booda sagalee uummataan raggaasiisuufi.
Bu’aan sagalee rifarandamii Jimaata kenname harka 65.2 seera ‘Filannoon Jiraachuu’ jedhu deeggaruun seera haaraa biyyattii taasisuufi jira.
Namoota dhukkuba fayyuu hin dandeenyeen qabaman, kan jiraachuuf baatii jahaan olitti hin qabne doktaroota lamaan erga mirkanaa’een booda deeggarsaan akka du’an taasifama.
Seerri murteessaa tahe kun Sadaasa 2021tti hojiirra ooluuf deema.
Bu’aan sagalee kun sagalee addaa uummataa 480,000 poostaafi namoota biyya alaa jiraniin filatamu hin dabalatu. Kanaaf bu’aan innii dhumaa hanga Jimaata dhufuutti hin beekamu.
Haatahu malee deeggarsa akkanaan bu’aansaa geeddarama jedhamee hin yaadamu.
Seerri kun falmii dheeraa booda miseensota paarlaamaan ragga’us yaada uummanni sagalee haa kennu jedhu deeggarsa harka 50 argate jennaan reefarndamiitti galame.
Haala kanaan Niiw Ziilaand biyyoota yartuu kanneen akka Kaanaadaa fi Neezarlaanditti du’a namoota akkasii deeggaranitti makamti jechuu dha.
Maat Viikarii dhaaf bu’aan sagalee kun ‘’gaarummaafi gara laafummaan’ kan itti agarsiifame dha jedha. Haadha warraasaa duuteef dhimma kana seera qabeessa taasisuuf falmaa ture.
‘’Namoonni dhukkuba hin fayyine qaban jireenya isaaniirratti murteessuu danda’uun namatti tola,’’ jedheera.
Reefarandamiin kun filannoo waliigalaa jalqabaa baatii kanaarratti taasifame waliin adeemsifame.
Biyyattiin reefarandamiiwwan dirqama hin taane lamas adeemsifteetti. Baala sammuu namaa si’eessuu Kaanaabiis jedhamu sagalee muraasaaf seera qabeessa taasisuurraa hambisteetti.
Filannoo Kaanaabiis irratti sagalee jalqabaan, namoonnii seera-qabeessa haa tahu jedhan %46 yoo tahaan lakki kan jedhan immoo %53 dha.
Akkamii du'uun danda'ama?
Namni tokko du’a wal'aansaan deeggarame kana gaafachuuf ulaagaan isa barbaachisan jiru.
· Dhukkuba hin fayyineefi ji’a jaha keessatti lubbuun kan darbu yoo taheef
· Qaamni yeroo dhaa yerootti yoo dadhabeef
· Waa’ee du’a kanaa ofiin murteessuu nama danda’u yoo tahe
Ulaagaan kun hundi yoo guutame hakiimni yookiin narsiin doozii qorichaa ajjeesuu danda’u akka kennan eeyyama.
Namni tokko umrii dheeraa jiraachuu,dhukkuba sammuu fi qaama miidhamuun du’uu yoo barbaade seerichi hin eeyyamuufi.
Namuu reefarndamii kanaaan seericha akka dabarsu tilmaamanus. Gama deeggartootaafi mormitootaan falmii jabaatu ture.
Ministirri mummee biyyattii Jasiindaa Ardeeniiifi warreen paartii mormituu keessa jiran Juudiit Kooliins illee deeggaraniiru.













