Namoota waraanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf birrii biiliyoonni shan ramadame

Jiraattootaa Waa Gimraa irraa buqqa'an Baahir Daariitti

Madda suuraa, J. Countess

Maxxanfame

Lammiilee kaabaa biyyatiitti sababii waraanaatiin buqqaafaman deebiisanii dhaabbuudhaaf bajanni dabalataa birriin biiliyoona shanii ramadamu Ministeerri Maallaqaa beeksiise.

Ministeerri Maallaqa toora miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka beeksisetti, bajanni dabalataa birrii biiliyoonni shan mana maree ministirootaatti dhiyaachusaa beeksiisuun, akkuma mana maree bakka bu'oota ummataatiin ragaasiifameen kallattiin hojiirra kan oolfamu ta'u himeera.

Bajata mootummaatiin alattis dhaabbilee gargaarsaa kanneen akka baankii addunyaa irraas deeggarsi deebisanii dhaabuu maallaqni ni argama jedhamee akka eegamu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee walgahii koree hojii raawwachiftuu sakretariyaatii hundeeffama deebiisanii dhaabuu biyyaaleessaatti waajjirriisaanii hogganu irratti dubbataniiru.

Walgahiin Koree hojii raawwachiiftuu Sakreetariyaatii Deebisanii dhaabuu ALI Muddee 15, 2014 wayita gaggeeffametti, sagantaan deebisanii dhaabuu kan qindaa'e, sagantaan hojiirra kan oolfamuu, bifa itti gaafatamummaa qabuufi furmaata walitti fufiinsaa fiduu danda'uun kan hojjatamu ta'u Ministirichi ibsuu eereera.

Kana malees yaadni ka'umsaa qorannoo badii waraanaan kaaba biyyattiitti qaqqabe baruufi maallaqaan shallaguu dandeessisu gaggeessuu Ministeera Maallaqaatiin qophaa'ee miseensota koree hojii raawwachiiftuu sakreetaraatii deebiisanii dhaabuutiif dhiyaateera.

Miidhamtoota waraanaa kaaba biyyatiin alattis kanneen naannoolee biraa keessaattis walitti bu'iinsaan buuqqaafaman akka saganticha keessatti hammatamaniifi haalli qabeenyaa walitti qabuus daandii walfakaatuun akka qindaa'uufi haalli naannooleefi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa akkasumas diiyaasporaan keessatti hirmaatan akka mijaa'uuf miseensotaan yaadni ka'un himameera.

Miseensota Koree hojii raawwachiiftuu sakreetariyaatii deebiisanii dhaabuu kan ta'an ministeeroonni barnootaa, fayyaa, Pilaaniifi Misoomaa, Bisaaniifi Injnarii, Industirii, dhimma dubartootaafi hawaasaa, Hojiifi oggummaa, Magaalaafi Misoomaalee Bu'uuraa akkasumas qondaaltoonni waajjiraalee federaalaa dhimmisaa isaan ilaallatu kaanis walgahii kanarratti hirmaataniiru.

Waraanni Sadaasa 4, 2020 naannoo Tigraayitti eegalee ture gara naannoolee ollaa Amaaraa fi Affaariitti babal'achuun badiinsa namoomaa olaanaa qaqqabsiiseera.

Qaamoleen sadarkaa adda addaarratti wal waraansa Itoophiyaa kana keessatti qooda fudhatan hunduu sarbamawwan mirgoota namoomaa olaanaa akka yakka waraanaatti lakkaa'amaniifi sarbamoota mirga namoomaa idil-addunyaafi seera baqattootaa raawwachuusaanii gabaasaaleen dhaabbilee mirgaaf falman baasan ni mul'isu.

Waraanni baatiiwwan kudha sadii ol lakkoofsise kun akka dhaabbatuuf Ameerikaa dabalatee bakka bu'aan olaanaa Gamtaa Afrikaa fi pirezidaantiin duraanii Naayijeeriyaa Oluseegoon Obaasaanjoo fi kaanilleen yaalii taasisanis hanga ammaa bu'aa qabatamaa hin argamsiifne.