'Imala gara Biyyaa': Waamichi Itoophiyaan hawaasa diyaaspooraaf taasifte maalirra jira?

Lammiilee alarraa qorannoo Covid-19 taasisanii darban

Madda suuraa, Luke Dray/Getty Images

Maxxanfame

Waamichi 'Imala gara Biyyaa' Itoophiyaan hawaasa diyaaaspooraaf taasifte maalirra jira? Naannoon Oromiyaa hoo addatti qophii gochaa simannaan raawwataa jirtu jiraa?

Waamichi kuni diyaaspooraa jechuunis lammiileen ala jiraataniifi miiliyoona tokko ta'an biyyatti akka dhufan kan kaayyeffatedha.

Imala gara biyyaa aantummaa fi jaalala Itoophiyaaf qaban qabatamaan ibsuu fi tokkummaa akka biyyaatti jiru cimsuuf kaayyeffate kanaaf diyaaspooraan gara biyyaatti seenuu akka jalqabe mootummaan ibseera.

Koreen biyyaalessaa miseensota diyaaspooraa simachuuf qophaa'e ibsa miidiyaalee biyya keessaatiif kanneen sagantaaleen adda bahanii qophaa'uu hime.

Akkaatuma kanaan akka lakkoofsa Itoophiyaatti Muddee 20, 2014 sagantaan simannaa fi baniinsaa akka biyyaatti ni qophaa'a.

Muddee 26, 2014 ammoo pirojektoota magaalaa Finfinnee keessatti ijaaaramaa jiran daawwatu jedheera korichi.

Sagantaan daawwannaa iddoowwaan sababa waraanaaatiin miidhamanii ammoo Muddee 25-27'tti akka adeemsifamus koreen simannaa kun ifoomseera.

N. Oromiyaa simannaa kanaaf maal qophaa'e?

Waamicha fi simannaa Itoophiyaan lammiileeshee fi jaalattoota Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan gara biyyaatti akka dhufaniif taasifte kanaaf naannoon Oromiyaas addatti qophii gochaa akka jiru Komishiniin Turizimii Oromiyaa BBC'tti himeera.

Komishinichatti Dubbi himaa kana tahan Obbo Ifabaas Abdulwahaab, Oromiyaan lammiilee Itoophiyaa dhufaa jiran kanaaf sagantaa 'Nooruu Ijoollee Biyyaa' jedhuun simachuuf qophoofteetti jedhan.

"Diyaaspooraan miliyoona tokko tahu gara biyyaatti erga waamamanii akka komishinii Turizimii Oromiyaatti dursinee qophaa'aa turre. Naannoo irraa hanga gandaatti koree adda addaa hundeessinee jirra," jedhan.

Diyaaspooraan miliyoona tokko tahu kan gara biyyaa nidhufaa jedhamee eegamu kuni biyyaaf carraa hedduu fidee waan dhufuuf akka Oromiyaatti ammoo carraa kanarraaa dursa fayyadamuuf hojjennas jedhan.

"Maqaa gaarii biyyaa fi haala lolli kaabaa biyyattii uume kana tasgabbeessuuf shoora olaanaa taphata. Sharafa alaa guddaas gara biyyaatti fida. Iddoowwan turizimii daawwachiisuufis carraa guddaa uuma" jedhan.

Iddoowwan hawwata turizimii Oromiyaa keessa jiran carraa kanatti fayyadamanii akka daawwatamanii fi beeksifamaniif komishinichi paakeejiiwwan kanaaf barbaachisan qopheessuulleen eeran.

"Iddoowwan hawwata Turizimii karaa sulula qinxamaa jiran, paaarkii gaarren baalee, jimmaa fi Iluubbaaboor dabalatee akkaataa itti daawwachuu dandahan daawwachiistota waliin ta'uun haala mijeessineerra," jedhan.

Lammiileen miiliyoona 1 alarraa akka seenan eegama

Madda suuraa, Ethiopia Diaspora Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen miiliyoona 1 alarraa akka seenan eegama

Naannoon Oromiyaa Investimantiidhaaf carraa guddaaa qabu kana diyaaspooraaa gara biyyaa dhufe kanatti beeksisuudhaan paarkiiwwan indastirii Adaaamaa Jimmaa fi bakka biraa jiran ni daawwachiisna jedhan.

Kanneen investimantii irratti bobba'uuf fedhii qabanis simannee hojiitti akkaa galaniif haala mijeessineerra," jedhan.

MM Abiy maal jedhan?

Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Muddee 2, 2021 lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraaatan duula 'Imala gara biyyaa' jedhuun gara Itoophiyaa akka dhufaniif waamicha taasisanii ture.

Waaamichi kunis diyaaspooraa miiliyoona tokko biyyatti fiduu kan kaayyefate yoo ta'u, ALI Muddee 29, 2014 Itoophiyaatti wal haa agarru jechuun waamicha taasisan.

Lammiilee gara biyyaatti dhufan kana jajjabeessuufis kaffaltii balallii xiyyaaraa fi iddoowwan turtii irratti gatiin harka 30'n gadi buufameera.

Imala gara biyyaa kana kan qindeessu ammoo koree simannaa kan itti aanaa Ministira Muummee fi Ministira Dhimma alaa Dammaqaa Mokonniniin hoggamanudha.

Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona lamaa ol ta'an biyyoota alaa akka jiraatan amanama.