Niw Ziilaand dargaggoonni tamboo akka hin xuuxne dhorkuuf

Maxxanfame

Niiw Zilaand kaayyoo lammiilee dhaloota egeree ''tamboorraa bilisa ta'e'' uumuu jedhuutiin, sijaaraafi omishaalee tamboo kaan dargaggootatti akka hin gurguramne dhorkuuf.

Tarkaanfiin kunis qaama labsii Ministeera fayyaa Niiw Zilaand Kamisa sijaaraa xuuxuu hambisuuf labseeti jedhameera.

''Dhaloonni haaraan gonkumaa akka hin xuuxne mirkanneessuu barbaadna,'' jedhan Ministirri Fayyaa biyyattii Dr Ayeshaa Veeraa.

Seerichi bara dhufu yoo raggaasifame, kanneen umuriin waggaa 14 ykn bara 2008 as dhalatan gonkumaa sijaaraa bituu hin danda'an.

Hakiimoonnii fi ogeessonni fayyaas riiformii ''addunyaa- durse'' jedhame biyyattiin fudhattetti gammadaniiru.

''Namoonni akka dhaaban ykn gara omishaalee miidhaansaanii gadaanaa ta'eetti akka jijjiratan ni gargaara. Akkasumas dhaloonni haaraa akka araada niikotiniin hin qabamne ni gargaara,'' jedhan Pirofessar Jaaneet Huuk Yunivarsitii Otaagoo irraa.

Biyyattiin galma biyyaaleessaa bara 2025tti hammentaa namoota sijaaraa xuuxanii %5n gadi hir'isuu, booda ammoo guutummaatti hambiisuu, jedhu galmaan gahuuf hojjataa jirti.

Ammattis Niiw Zilaandiitti gaheessooti %13 ta'an sijaaraa kan xuuxaa jiran yoo ta'u, kunis waggaa kudhan dura %18 irraa gadi bu'uusaatu himame.

Haata'u malee ummata ganamaa kan ta'an hawaasa Maori, kanneen dhukkubaafi duutii baayyeen mudatu biratti, kan sijaaraa xuuxan gara %31 gaha.

Ministeerri Fayyaa Niiw Zilaandi, sijaaraa xuuxuun namoota kaansariin qabaman afur keessaa tokkoof madda ta'uufi sababa du'aatii ummata biyyattii miiliyoona shanii irraa ittifamuu danda'amuudha jedheera. Indastirichis waggoota kudhaniif amma xiyyeeffannaa qaamoolee seera tumanii jala galeera.

Haaluma tarkaanfii ugguraa Kamisa labsamee kanaattis, bakkeewwan sijaaraan itti gurguraman kanneen akka supparmaarkeetiifi suuqiiwwan keessatti, dhorkaa cimaa kaa'uu dabalatee, mootummaan to'annoo tamboo cimaa baaseera.

Suuqiiwwan akka sijaaraa gurguraniif hayyamni kennameefis kan duraan gara 8,00o turan, amma gara 500tti gadi buufamuu qondaaltoonni himan.

Baroota dhiheenya keessa malli sijaaraa aarsuu haarayaa 'vaping' jedhamuu fi sijaaraa elektiriikaa (e-cigarette) hurka nikotiin oomishan xuuxuun, dhaloota haaraa biratti sijaaraa tamboo xuuxuu caalaa baramaa dhufeera.

Aanga'oonni fayyaa Niiw Zilaand garuu, kana fayyadamuun miidhaarraa bilisa miti jechuun akeekkachisu.

Qorattoonnis akkasuma sijaaraa elektirikii keessatti dhangala'aa balaafamaa kaansarii qabsiisu argachuu himaniiru.

Haata'u malee biyyattiin 2017 keessa namoonni tamboo xuuxan akka dhaaban gargaaruuf, 'vaping' akka malaatti dhiyeessitee turte.