Waraana Itoophiyaa: Namoonni waraqaa eenyummaa Dabira Birhaan hin qabne magaalattii keessa akka hin sochoone dhorkaman

Maxxanfame

Naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Birihaaniitti Sadaasa 25 irraa kaasee namoonni waraqaa eenyummaa magaalittii hin qabne sochii akka hin taasifneef dhorkamu bulchiinsii magaalattii beeksiise.

Waajjirri kommunikeshinii mootummaa bulchiinsa Magaalaa Dabra Birhaan toora miidiyaa hawaasaa irratti akka beeksiseetti, jiraattoota magaalattii kanneen waraqaa eenyummaa qaban qofaatuu guyyaadhaan sochii taasisuu danda'a.

Kanaafis sababiin bulchiinsi magaalittii kenne, ''qaamooleen iddoowwan garaa garaa irraa loo'anii galuun naannicha qorachuufi hojiiwwan odeeffannoo kennuu hojjatan jiraachuu waan irra gahameef,'' jedhe.

''Lootee galtoota adda baasuufi naannicha qaamoolee lootee galtootaa irraa bilisa taasisuuf, nageenya magaalattiifi jiraattota isheetiif jecha, magaalitii keessatti keessattuu waraqaa eenyummaa Dabraa Birhaan kan qabaniifi jiraattoota kanneen ta'aniin alatti guyyaan sochii taasisuun hin danda'amu'' jedheera.

Sababii waraanaatiin kanneen iddoowwan garaa garaa irraa buqqa'uun gara magaalattii dhufuun dahatanii jiran ammoo buufata isaaniif qophaa'e keessa akka galaniif bulchiinsichi beeksiiseera.

Biiroon Bulchiinsaa fi nageenyaa magaalaa Finfinnees dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaa hojjettoota isaaniif waraqaa eenyummaa kennan gochaa isaanii irraa akka of qusatan akeekkachiiseera.

Humnootiin Tigraay jalqaba torbaan kanaatti magaala Finfinnee irraa gara Kaabaatti fageenya km 225 irratti kan argamtu Shawaa Roobiit to'achuu isaanii ibsanii ture.

Haa tahu malee qaamni walabaa tahe dhuguma to'achuu isaanii mirkaneesse hin jiru.

Ministerri Komunikeeshinii Dr Laggasaa Tulluu, MM Abiy Ahimed adda waranaatti waraanicha hogganuuf erga deemanii milkaa'inni argamuu fi injifannoonis ''yeroo dhiyootti'' akka argamu himan.

MM Abiy Ahimed gara adda waraannaatti imaluun waraanicha hogganuuf murteessu isaanii ibsanis humnootni TPLF ammoo gara magaala guddoo biyyattii Finfinneetti akka imaln himu.

Waraanni waggaa tokko dura naannoo Tigiraayitti eegaluun dhiiga kumaatamoota dhangalaase gara naannolee ollaatti babal'achuun rakkoo namoomaa hamaas dhaqqabsiiseera.

UN ammoo waraanni Itoophiyaatti gaggeeffamaa jiru kun hatatamaan akka dhaabbachuu qabu ammas irra deebiin waamicha dhiyeessera.

Humnootni TPLF naannoo Amaaraa keessaa iddoowwan murteessoo akka magaala Dassee fi Kombolchaa to'atanii akka turan himanii ture. Garu hanga ammaa magaalicha to'atanii jiraachuu fi gadhiisanii bahuu isaanii waanti barame hin jiru.