Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti fufiinsaan halkan sa'aatii 4tti rafuun rakkoo onneen wal-qabatu xiqqeessa - Qorannoo
Walitti fufiinsaan halkan sa'aatii 4 fi 5 jidduutti rafuun fayyaa gaarii qabaachuu waliin hidhata akka qabu qorattoonni namoota 88,000 irratti yaalii taasisan himan.
Qorattoonni UK qorannoo kana duuba jiran sa'aatii itti rafnu sa'aatii keessoo qaama keenyaa waliin wal-simsiisuun fayyaa onneef gaarii ta'uu hubanne jedhu.
Rukuttaan sa'aatii 24 qaamni namaa uumamaan qabu fayyummaafi dammaqinaaf barbaachisaadha.
Dhimmoota akka dhiibbaa dhiigaa irrattis jijjiirama uumuu danda'a.
Qorannoo barruu 'European Heart Journal' jedhamu irratti bahe kanaan, qorattoonni guyyoota torbaaf ragaa sa'aatii namootni qorannichaaf hayyamamoo ta'an itti ciisanii fi ka'an walitti qabaniiru.
Ragaa wanta sa'aatii fakkaatu harkatti hidhataniin sassaabame kana, fayyaa onnee namoota kanaa waggoota jaha darbanii waliin walbira qabuun xiinxalaniiru.
Namoota qorannicha irratti hirmaatan keessaa ga'eessota 3000 irratti dhibeen onnee argameera.
Namootni dhibeen onnee irratti argame kunneen namoota sa'aatii 4 dura ykn ammoo sa'aatii 5 booda gara siree deemanidha.
Hidhati rokkoo onnee fi sa'aatii itti rafan jidduu jiru kun, erga qorattoonni namni tokko sa'aatii meeqaaf akka rafuufi jeeqama hirribaa qabu sirreessaniin boodallee ittuma fufe.
Qorattoonni sababawwan biroo rakkoo onneef nama saaxiluu danda'an kanneen akka umurii, ulfaatinaa fi hamma koleestiroolii to'achuuf yaalii godhaniiru.
Ta'us qorannoon isaanii sababaa fi bu'aa hin mirkaneessuu jedhan.
"Qorannoo keenyarraa sababa isaa himuu dadhabnus, bu'aan isaa dafanii rafuun ykn ammoo barfatanii rafuun sa'aatii uumamaa qaama keenyaa jeequu akka malu agarsiisa. Kun ammoo fayyaa onnee irratti rakkoo qaba," jedhan Dr Deeviid Pilaan, qorattoota keessaa tokko.
"Rakkoo cimaa kan qabu halkan qixxee booda rafuudha, kun carraa ifa aduu ganamaa arguu keenya daran xiqqeessa. Ifa aduu ganamaa hin arginu taanaan ammoo sa'aatiin uumamaa qaama keenya akka jeeqamu taasisa."
Sa'aatii 4 fi 5 jidduu gara siree deemuun namoota hedduu rakkoo fayyaa onnee irraa baraaruu danda'a jedhu ogeeyyiin.
Dabalataan hirriba gahaa rafuun fayyaa onnee fi qaamaaf gaarii ta'uu himan. Kanaaf ga'eessonni hundi guyyaatti sa'aatii torbaa hanga sagalii jidduu rafuuf yaaluu qabu jedhan.
Haata'u malee, fayyaa onnee fi guutuu qaama namaaf hirriba qofa osoo hin taane, haala jireenyaa, dhiibbaa dhiigaa, hamma koleestiroolii, alkoolii kanneen kana fakkaatan to'achuu gorsu.