Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammiin Chaayinaa icciitii daldala ayiveeshinii US 'hate' hidhaa waggaa 60'n adabame
Basaasaan lammii Chaayinaa tahe icciitii kaampaanii ayiveeshinii Ameerikaa hatuuf yaaleera jedhamuun murtoon balleessaa irratti darbuu Waajjirri Haqaa US hime.
Xu Yanjun dhimma dinagdee icciitii baasuu fi hanna iccitii daldalaa dabalatee waan shaniin balleesseera jedhame.
Yakka ittiin himatame kanaan adabbiin hidhaa waggoota 60 tahuu fi kaffaltiin Doolaarri miliyoona shan irratti murtaa'e.
Xu jalqaba Beeljiyeem keessatti bara 2018 kan qabame yoo tahu lammii Chaayinaa jalqabaa dabarfamee harka UStti kennamedha.
Mootummaan Chaayinaa murtoo Jimaata kaleessaa irratti darbe ilaalchisee ifatti waan jedhe hin qabu. Garuu Beejiingi kana dura himannaa bu'uura hin qabnedha jechuun qeeqxee ture.
Akka ibsa waajjira haqaa UStti, Obbo Xu'n qondaala nageenyaa ol aanaa Chaayinaa damee Jiyaangsuuti. Ejensiin kun ammoo hojiin isaa haleellaa odeeffannoo alaarraa dhufu qolachuu, basaasa biyya alaa fi nageenya biyya keessaa irratti hojjeta.
Xu erga bara 2013 as hojjettoota kaampaanii US dabalatee kan biyyoota hedduu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa ture jedhamuun himatame.
Akka fakkeenya tokkootti, hojjetaan kaampaanii GE tokkoof gatii geejiba xiyyaaraa fi baasii biraa kaffaluufiin bara 2017 gara Chaayinaatti imaluun yuunvarsiitiitti ibsa akka kennuufiif haala mijeessee ture.
Waggaa itti aanu Xu'n ogeessa tokko ''waa'ee siistema qaama xiyyaaraa [system specification] fi ldiizaayinii isaa irratti odeeffannoo gaafachaa ture. Deeggarsa kaampaanichaa fi umsa FBI waliin godhameen hojjetaan kaampaanichaas ragaalee fuula lama kan odeeffannoo baay'ee murteessoo qaban ergeefuun barame.
Xu boodarra hojjetaan kun ragaalee kanneen gara kompitara hojii isaatti akka kallattiin erguufiif gaafate.
Akkasumas Beeljiyeemitti hjjetaa kana waliin wal arguuf wal beellamee ittumaan to'annoo jala oole.
''Warri ;kaayyoo Chaayinaa isa dhugaa irratti shakkitan kun kan ittiin dammaqxan isiniif haa tahu,'' jedhe Gargaaraan Daariktera FBI, Alan Koohiler.
Teeknoloojii Ameerikaa hatuun humna waraanaa isaanii fi dinagdee isaanii fayyadu jedhe.
Himannaan kun amma yeroo biyyootni lameen muddama keessa galanitti dhufe. Chaayinaan misaa'ela saffisa akka malee guddaa qabu haaraa yaalteetti. Pirezidaanti Joo Baayiden haleellaa humna waraanaa Chaayinaa irraa Taayiwaan akka ittisan himan.