Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daarektara FBI: Chaayinaan ‘yaaddoo guddaa’ Ameerikaati
Daarektarri Dhaabbata Qorannoo Yakkaa Ameerikaa, FBI, basaasniifi hanni mootummaa Chaayinaa egeree Ameerikaatiif ''yaaddoo guddaadha'' jedhan.
Haasawaa Inistitiyuutii Hudson magaalaa Waashingitanitti argamurratti taasianiin duula walitti fufinsaan taasifamaa jirutu jira jechuun dubbatan Kiristoofar Reey.
Chaayinaan lammiilee ishii biyya alaa jiran dhamaasaa jirti, dirqamaan biyyatti deebisuu barbaaddi, akkasumas qorannoo Ameerikaan wal'aansa koronaavaayirasii irratti taasisaa jirtu danqaa jirti jedhan.
''Chaayinaan karaa maaliinis ta'u biyya cimtuu addunyaa keenyaa ta'uuf hojjetaa jirti,'' jechuun dubbatan.
Sa'aatii tokkotti dhihaatuf dubbii taasisaniin diinagdee basaasu, hanna daataafi maallaqaa, sochii siyaasaa bu'uura seeraa hin qabne, akkasumas malaammaltumman imaammata Ameerikaa maqaa badaa itti horuuf hojjetaa jirti jedhan.
''Dhimmoota basaasa qollifachuuf itti dhiheenyaan akka biyyaatti hordofamaa jiran 5,000 keessaa, walakkaan Chaayinaa waliin hidhata qaba,'' jechuun dubbatan.
Qondaalli kuni akka jedhanitti sagantaa Pirezidantii Chaayinaa Shi Jinpingiin hogganamuufi ''jeedala adamsuu'' jedhamuun Chaayinaan lammiilee ishee ala jiraataniifi mootummaa biyyattiif yaaddodha jedhan irratti xiyyeeffachuu isaanii ibsan.
Waa'ee isaaniis yoo dubbatan; ''morkattoota siyaasaa, qeeqxota, akkaumas kanneen sarbama mirga namoomaa Chaayinaa keessa jiru saaxilanidha,'' jedhan.
Kunneen akka Chaayinaatti ''dirqiin deebi'an'' mootummaan Chaayinaa barbaada akkatti deebisuuf yaadellee ''yaddessaadha'' jechuunillee himan.
Akka fakkeenyaatti, gareen Chaayinaaarraa ergame tokko Ameerikaa dhufanii teessoo nama barbaadan tokko gaafa dhaban maatitti goranii akkana jedhan jechuun himan.
''Filmaata lama qaba, Chaayinaatti deebi'u yookiin of ajjeesu,'' jedhanii himan jedhani.
Waajjirri FBI dhimma Chaayinaa haala kanaan yeroo kaasu kan jalqabaa miti.
Daarektarri FBI lammiilee Chaayina Ameerikaa jiraataniifi mootummaa Chaayinaan akka deebi'an gaafataman yoo jiraatan waajjira isaanii akka qunnaman dhaamaniiru.
Kana dura mootummaan Chaayinaa sagantaa amma qondaalli olaanaa Ameerikaa qeeqan kana tattaaffii malaammaltummaa balleeessuuf taasisuuf akka itti fayyadamu himee ture.
Akka Kiristoofar Reey jedhanitti yaaddoo Chaayinaa irratti yeroo dhihootti Abbaan Alangee US akkasumas Ministirri Dhimma alaa yaada itti kennu jedhameera.
Dubbiin kuni yeroo walitti dhufeenyi Ameerikaafi Chaayinaa muddama seenetti dhagahame.
Sababa weerara koronaavaayirasiin Donaald Tiraamp Chaayinaa qeeqaa turan.
Gama biraan immoo, Ministirri Dhimma Alaa Maayik Pompewoo appilikeeshinii Chaayinaa gurra horate - TikTok- jedhamu Chaayinaan basaasaaf itti fayyadamti jedhuun cufuufillee akka yaadan torban kana himaniiru.