Barattuu adii Afrikaa Kibbaa mirga warra gurraachaaf falmaa jirtu

Madda suuraa, EFFSC
Shamarree Jees Giriisal miseensota paartii Afrikaa Kibbaa wal-qixxummaa diinagdeef falmu 'Economic Freedom Fighters' (EFF) hin fakkaattu. Miseensonni paartii kanaa siyaasa biyyattii mufachiisuun beekamu.
Jees shamarree ganna 19 dha, afaan Afrikaans jedhamu haasofti. Yeroo ammaa maqaa paartii EFFdhaan bakka buutuu gumii barattoota Yunivarsiitii Keep Taawon dha.
Afrikaa Kibbaa sanyiin qoodamte keessatti garuu ejjennoon ishee namoota garii biratti waan fudhatama argate hin fakkaatu. Kaadhimamtuu tahuushee yeroo beeksiste fayyadamaan miidiyaa hawaasaa tokko ‘’gantuu sanyii’’ isheen jedheera.
Biyyattiin olaantummaa adiin buluu yeroo dhaabde, Neelsan Maandellaan filannoo demookiraatawaan pireezidantii biyyattii tahan,’’biyya saba guraamalee’’ jedhaniinii turan.
Paartii kanatti makamuusheen qeeqni irra gahu akka ishee rifaasise dubbatti.

Madda suuraa, AFP
‘’Gantuu sanyii ofii jedhamuun na dinqeera sababiinsaa ammallee Afrikaa Kibbaa keessa gareen ‘anaafi’ ‘si’i’ jedhu jira jechuu dha,’’ jetti.
Qeeqa isheen argachaa jirtu baruuf paartiin EFF siyaasa Afrikaa Kibbaa hangam akka raase baruun barbaachisa.
Paartiin kuni bara 2013tti nama Juuliyas Maalemaa jedhamuun kan hundaa’e yoo tahu, namni kuni Pireezidantii Veenizuweelaa Hugo Chavez akka fakkeenyaatti ilaala.
Fedhii lammiilee hiyyeeyyii Afrikaa Kibbaa gama tarkaanfachiisuttiin ejjennoo duubatti hin deebine qaba.
Paartiin kuni yaada bulchiinsaa ‘’Marxist-Leninist kan fudhatu yoo tahu warraaqsa bilisummaa diinagdeeti,’’ jechuunis of ibsa.
Miseensonni paartii kanaa jeequmsa qaamaan taasifmu fi sirna irratti taasifamu raawwachuun beekamu.
Yeroo baayyee farra warra adiitii jedhamuun himatamu. Kunis lammiileen Afrikaa Kibbaa adiin lafa warra gurraachaarraa fudhatan akka deebisan gaafachuu isaaniin dha.

Madda suuraa, Getty Images
Filannoo yunivarsiitiitti adeemsifameen namoota filaman 15 keessaa isheen tokko. Kunis barattoota biratti fudhatama argachushee agarsiisa.
‘’Karoorri koo ija, gurra, sagalee barattootaa tahuu dha. Hamma humni koo danda’utti isaaniin bakka bu’uu nan yaala,’’ jetti shamarreen siyaasa, falaasamaafi qor-diinagdee qo’attu kuni.
Apaartaayidiin erga kufee waggaa saddeet booda dhalattus, imaammata sanyiidhaan qoodaa ture sana garuu akka hubattu dubbatti.
‘’Maatii ijoollummaa koorraa akkan waa gaafadhu barbaadu keessattin guddadhe. Afrikaa Kibbaa keessa yeroo jiraattu waan ilaaltu qabda, loogii hawaasummaa fi diinagdee argitu akka hin agarretti fakkeessuu hin dandeessu,’’ jetti.

Madda suuraa, Getty Images
Kana gaafa jettus hojii dhabdummaa fi hiyyummaa hawaasa gurraachaa jechuu isheeti. Tahus dhimma kana qofaa miti falmituu mirgaa akka taatu kan ishee kakaaase.
‘’Mana barumsaa sadarkaa lammataa ani baradhetti sanyummaa fi loogii ifatti mull’atu baayyeetu jira,’’ jetti.
‘’Ergasii namni seenaa keessatti loogiin akka jiraatu qooda fudhate marti, itti gaafatamummaa dhuunfaa sirna sanyummaa fi cunqursaa ammallee Afrikaa Kibbaa keessa jiru cabsuu irratti hirmaachuu qaba,’’ jetti.
Giriisel warreen isheetti qoosan sanyiin ishee gochaa ishee akka hin murteessine maaliif akka hin hubanne naan galu jetti.
Paartiiwwan gurraachaaf hojjetan kanneen akka EFF farra warreen gurraachaa itti fakkaata garuu akkas mitii jetti.
Tahus ammallee Giriisel shamarree adii qofaa mirga gurraachaaf falmitu dha.
Kana jechuun garuu jijjiiramni hin jiru jechuu miti. ‘’Yunivarsiitii keessa barattoonni adii paartii EFF keessa jiran jiru,’’ jetti.
Haatahu malee gareen isheen jettu kuni lakkoofsi isaanii bayyee xiqqoo dha.















