Namicha hojiif ba'ee yoo deebi'u, manni isaa gurguramee namni dhibii itti gale

Mana Maayik Haal
Maxxanfame

Namichi yeroo hojiif bahee mana isaatti deebi’utti manni isaa beekumsa isaa malee gurguramee meeshaan manaasaa hundi keessaa yaafamee guguramee arguusaatti nahuu hima.

Ollootni isaa erga isatti himanii booda Lubi Maayik Haal yeroo Lutoonitti deebi’u, gamoon isaa irratti hojiin ijaarsaa eegalame, abbaan qabeenyaa inni haaraa mana isaa akka bite itti hime.

Qorannoon BBC akka argatetti, eenyummaan Obbo Haal hatamee, mana isaa gurguruufi gaatii isaa fudhachuuf itti fayyadamameera.

Jalqaba irratti poolisiin kun yakka hannaa miti jedhee kan ture ta’us, amma garuu qorannoo eegaleera.

Obbo Haal, hojiif jecha mana isaa irraa gara Kaaba Weelsitti imalee kan ture yoo ta’u, Hagayya 20 irratti olloonni isaa bilbilanii namni wayii mana isaa keessa akka jiru itti himani. Ganama itti aanuu gara mana isaatti deebi’e.

“Yeroon mana ga’ee furtuukoon balbala banuuf yaalu naaf hojjachuu dide, sana booda namichi tokko balbalicha bane,” jechuun BBC’tti himeera.

“Gara tokkotti isa dhiibeen manatti ol seene. Maal akka inni manakoo keessa hojjattu hin beekun ture.”

“Manichi guutummaan guutuutti qullaa ta’ee, mieeshaan hundi keessaa akka baafame yemmuun arguu nan na’e.”

Namichi keessa jiru sun hojii ijaarsaa hojjachaa akka jiru yemmuu itti himu, Haal ammoo “ani manicha hin gurgurre. Kun qabeenyakooti,” jechuun deebii kenneefi.

Manneen jireenyaa

Madda suuraa, Getty Images

Obbo Haal poolisiif bilbilee wanta uumame yeroo itti himu, hojjatoonni ijaarsaa abbaa manicha bitee fidanii deebi’an. Namichi kunis manicha Adoleessa keessa akka bite itti himuun: “Kun amma qabeenyakoodha. Hayyama malee as seente. Ba’i asii,” ittiin jedheen.

‘Dhimma Sivilii’

Obbo Haal akka jedhutti: “ Karaa interneetaan manichi ragaa Galmee Lafaa irratti maqaa eenyuun akka galmaa’ee jiru adda baasuuf yeroo ilaallu, Hagayya 4 irraa eegalee, maqaa namichaan jira.”

“Yeroo sanatti poolisiin, ‘nuti homaa gochuu hin dandeenyu. Kun dhimma siviliidha; manicha gadhiistee namootakee qunnamuu qabda’ jedhan,” jechuun hima.

Karaa interneetaan poolisii qunnamuu yaalus, deebii wal fakkaataatu kennameef.

“Nan na’e – manichi akkataa sanaan arguukootti durumaanuu na’eera – garuu yemmuu poolisiin yakki rawwatame jira jennee hin amannu siin jedhan wanta hin yaadamnedha,” jedha.

BBCn Obbo Haal fi garee qorannoo hannaa poolisii erga wal qunnamsiisee booda, amma qorannoo eegalaniiru.

Dubbi himtuun poolii hanga ammaatti namni to’annoo jala olchame akka hin jirre himaniiru.

BBCn hayyama konkolaataa maqaa Haal qabu, Dhabbata Hayyama Konkolaataa fi Konkolaachisaa irraa kenname lama, odeeffannoo herregaa baankii mallaqa gurgurtaa manichaa fudhachuuf maqaa isaan banameefi warabbii sagalee bilbilaa manichi hatamuu isaa ibsu argateera.

“Waliin ni hojjenna”

Erga namichi Obbo Haaliin of fakkeesse manicha Paawondii 131,000n gurguree booda, abbaan manichaa inni haaraan karaa seera qabeessaan abba qabeenyaa manichaa ta’eera.

Namootni gurgurtaa manichaa keessatti hirmaatan qorannoon poolisii adeemsifamaa waan jiruuf, odeeffannoo dabalataa kennuun sirri miti jedhaniiru.

“Poolisii waliin hojjachuu itti fufna, itti gaafamummaa hojii keenyaan irratti ni hirmanna,” jechuun dhabbati BBCn maqaa dha’uu hin feene kun himeera.

Bara darbe Abbaan Taayita Galmee Lafaa, hojii hannaaf akka beenyaatti paawondii miiliyoona 3.5 kaffaleera.

“Namoota oggummaa qaban waliin hojjenna, akka hojiin hanna akka abbootii qabeenyaa of fakeessuu hin jiraanneetti adda ni baasu jennee isaaninis ni ammana.”

“Ta’us garuu utuuma nuti yaalluu, wagga waggaan, daldala hannaa muraasa ni galmeessina,” jedha.