Lammileen Keeniyaa barattoota US fi Awurooppaa hanna qormaataafi qorannoo barsiisaa jiran

Giraafii waraqaa qorannoo harkaan barressuun harki kaan ammoo maallaqa kaffalee fudhatu
Maxxanfame

Yoo baraataan Landan yookaan Niw Yookrki tokko nama waraqaa qorannoo yookaan barreeffama gabaabaa barreesseef onlaayinii osoo kaffaluu argite gaaffii hin qabu kan hojicha hojjeteef nama Keeniyaa tokko taha.

BBC Trending akka agabaasetti barreesitoonni Keeniyaa hin beekamne barattootni biyyoota alaa akka hataniif gargaaraa jiru.

Keneediin barsiisaa ture. Waggoota shanan darbaniif garuu jireenya isaa karaa adda taheen gaggeessa. ''Barreefamoota qorannoo barnootaaf hojjedha,'' jedhe.

Inni indaastirii onlaayinii adunyaa Keeniyaa keessatti haalaan guddataa jiru keessa galee jira.

Garuu waan Keneediifi lammiileen Keeniyaa hedduun biroo ''academic writing'' [waraqaa qorannoo] jedhan kana adunyaan kaan ammoo hanna jechuun waamu.

Barataa taatee hojmaneefi abbaltii garaagaraa hojjechuu yoo dadhabde yaadda'uu hin qabdu. Keneediifi gareen isaa kaan gatii madaalawaan siif hojjetu waan taheef.

Sana booda akka hin qabamne yaaduun nama ofii hojjetee fakkeesitee itti kennita. Namni gidduu deemee barataafi isa hojjetuuf walitti fidu ammoo marsariitii ''Essay Mill'' jedhamu yoo tahu achirratti barattootni hojjechiifachuu barbaadan hojicha maxxansu.

Marsariitiiwwan kunneen irra caalaan isaanii US fi Baha Awurooppaa keessatti argamu. Waan isaan argatan ammoo walakkaa gatii kaffalamu sanaati.

Hammi kaffaltii ammoo hojicha irratti kan hundaa'u yoo tahu, barreeffama salphaatii hanga waraqaa qorannoo barnoota PhDtti adeema.

Nama fuulli hin mul'anne uffata eebbaa uffatte

Madda suuraa, PA Media

Ibsa waa'ee suuraa, SBarattootni baay'een ''essay mills'' fayyadamuun digirii isaanii xumuru

Keneediifi barreesitootni inni qacaree hojjechiisu ji'atti bareeffamoota qorannoo 200 ol yookaan qormaata onlaayinii hedduu xumuru.

'' Maqaa isaaniiifi icciitii isaaniin onlaayinii seenteefi qormaata baratichaa hojjettaaf,'' jedhe.

Qorattootni hojii biizinesii ''waliigaltee hannaa'' jedhan Keeniyaa gidduugaleessa hojichaa tahuu himu.

Sababni isaa salphaadha. Keeniyaan biyya afaan Ingiliffaa dubbattuufi sirna barnootaa gaarii tahe qabdudha. Garuu faayidaa dingadee xiqqaatu biyyicha keessa jira. Keessumaa dargaggootni hojii argachuu irratti.

Warri akkas rakkatan lammiilee alaa beekumsa sana hin qabneef hojjechuun maallaqa ittiin bulan argatu.

Suuraan pirofaayilii namoota marsariitii Essay Miils irratti hojicha hojjetanii baay'een kan namoota adiiti. Garuu suuraaleen kunneen kan sobaati. Dhugumaan barreefma qorannookee onlaayinii hojjechiiste taanaan lammiilee Keeniyaan akka hojjetamu shakkii hin qabu.

Keneediif hojii kanatti galuun ulfaataa hin turre. Ji'atti hanga shilingii Keeniyaa 150,000 yookaan yoo xiqqaate doolaara 1000 argata. Kun ammoo dachaa afur miindaa isa yeroo barsiisaa tahee argataa tureeti.

Garuu qulqullina barnoota adunyaa balleessuun yeroo namoota kanneen gargaaru maaltu isatti dhagahama?

Akka barsiisaa duraanii tokkootti ''waan jajjabeeffamu miti,'' ani garuu maallaqaaf jedheen hojjedha jedhe. ''Eggannoo nan godha garuu jireenya mataakoo caalaa waa'ee maaliin eeggannoo godha- waa'ee haamilee kaanii yaaduuf jalqaba ofii kee jiraachuu qabada,'' jedhe.

Keneediin hojii isaa kanaan namootni digirii argatanii hojii isa caalaa dachaa baay'ee miindaa gaarii itti argatan hojjechuu akka danda'an beeka. ''Egaa kun isaan waliin dorgomuu akka hin taane beekta. Yeroo tokko tokko kun dorgommii hiyyummaa waliin gootudha.''

Deevid barattoota alaaf hojjechuun baasii qorannoo mataa isaa cufataDavid
Ibsa waa'ee suuraa, Deevid barattoota alaaf hojjechuun baasii qorannoo mataa isaa cufataDavid

Namootni waraqaa qorannoo barattootaaf barreessan biyya biraas jiraatanis warri Keeniyaa kun garuu maqaa isaanii ijaarrataniiru.

Feesbuukii fi Telegiraamii irra ''academic writings'' kan jedhu gareen ni jira.

s keessatti hojiin barreeffamaafi gurgurtaan sooftweerii gaggeeffama. Gariin miseensota kumaatamaan qabu. Kaan ammoo ogeesotuma gidduugalaleessaa galii dabalataa argachuuf hojjetanidha.

Deevid barataa yuunvarsiitii eebbaaf waggaa xumuraa irra jiruu fi namoota 10 haala kanaan baasii barnoota isaaniif baraachisu cufatanidha.

Maatiin koo baasii ittiin mana barumsaa turu kaffaluu hin dandeenye,'' jedhe. ''Kanaafuu karaan itti fufee of gargaaru tarii yoon maatii koo gargaaruu danda'es jedheen jalqabe.''

Waggoota lamaan darban Deevid maamiloota isaa Ameerikaa fi Biriiten jiraniif barreefama gabaabaa [essay] 36 barreesseera. Fuula tokkotti Shilingii 250 [£1.65) kaffalameefii guyyaatti hanga fuula 15 barreessee oola.

''Wiixataa hanga Jimaataa halkanis guyyaas nan hojjedha. Torban irra ammoo isa achi kaa'een kan mataakoo hojjedha.'' [Guyyaatti fuula 15

Bakka dhaloota isaatii lafa qonnaa kireeffachuuf mallaqa gahaa ni argata. Hojjettoota guyyaa itti qacaruun hojjechiisa- Kana investimentii fuulduraa jechuun ibse.

Deevid nama muuxannoo qabuu fi marsariitii guddaa beekamu irraa akkawontii qabu indaastiricha keessa jiruun qacaramee hojjetaaf.

Akkaawontii namaa argachuun waan salphaa miti.

Beeksisa marsariitii essay Mill garee Feesbuukii keessatti lammii Keeniyaan gurgurame

Madda suuraa, Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Beeksisa marsariitii essay Mill garee Feesbuukii keessatti lammii Keeniyaan gurgurame

Akkaawontiin namaa madaalamee urjii shan argate gatii guddaa qaba. Kun bitamuun garee barreeffama qorannoo hojjetu keessatti gurgurama.

Haala kanaan barattootni hatan kunneen of gowwoomsu. Qorannon isaanii nama beekumsaa fi ogummaa jabaa qabuun kan hojjetameef isaanitti fakkaata.

Dhumarratti garuu kan hojjete namuma tokko kan maallaqa baasee maqaa namichaa bitate sana tahuu mala.

''Akkaawontii namoota 10 biteera,'' jedhe Keneediin. Kaan hanga Shilingii 500,000 tahuun bite. Karaatti maamila argattu gara biraan hin jiru.''

Erga eebbifamees akkaawontii dhuunfaa isaa qabaachuu barbaada Deevid. Umurii isaa ganna 23'n dhaloota itti aanu gara kanatti fidaa jira. Namoota barreeffama gabaabaa barreessan leenjisee akka isaan hojicha argatan gochaa jira.

''Kana keessatti hiriyummaa cimsachuun wal gargaaraa jirra. Kanaafuu indaastirii guddataa jirudha.''

''Namootni hojmanee barattoota narsiiyookaan barnooya fayyaa baratanii hojjetan jiru. Dhugumaan hospitaala deema nama qormaata isaaf kaffalee namni biraa qorameefiin yaalamuu hin barbaadu. Kun waan hamaadha. Dhibaa'aa si taasisa. Dhabamsiifamuu qaba,'' jedhe.

Dr Gilaadii Nyachiyoo Yuunvarsiitii Maltiimiidiyaa Naayiroobitti barsiiftuu Soosholoojiiti. Hanna qormaataa wliigalteen tahu kana dhabamsiisuun hojii biyyoota guddataniiti. Sababni isaas barattoota isaaniitu maamila tahee hojjechiifata jette. Fedhiin akkasii osoo hin jiraatiin dhiyeessiin hin jiraatu waan taheef.

Dr Gilaadii Nyachiyoo biyyootni guddatan tarkaanfii fudhachuu qabu jedhan.

Madda suuraa, Multimedia University

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Gilaadii Nyachiyoo biyyootni guddatan tarkaanfii fudhachuu qabu jedhan.

"Yoo isaan seeraan ala akka tahuuf waa godhan karaa biraa xiqqaachuu danda'a,'' jette.

Biyyootni gariin tarkaanfii fudhataa jiru. Bara darbe Awustiraaliyaan gurgurtaa waraqaa eebbaa dhaabde. Ingilaandi keessattis tarkaanfii wal fakkaataan yaadameera.

Garuu daldala daangaa darbe kana akkamiin dhaabsisuun akka danda'amu irratti hammam bu'aa qabeessa taha kan jedhu hin beekamu.

''Ani barattoota koo kun naamusa gaarii miti. Hojii gaarii miti,'' jedheen itti hima. Garuu kun waan an hojjechuu danda'udha. Namoota kaaniif dhimma jiraachuuf jiraachuu dhabuuti.

Kanaaf waan walii wallalchisaa tahe.''

Maqootni tokko tokko as keessaa jijjiiramaniiru.