Manguddoon waggoota 75 bakka tokko hojjetan, waa'ee hojii maal jedhu?

Manguddoon ganna 90 kan hojjachuun akk dargaggeessaatti si’aawaa waan na godhuuf jedhan, dhaabbata waggaa 75'f keessa hojjetan irraa amma sooruma bahuu beeksisan.
Bryan Webb bara 1946tti yeroo jalqabaaf dhaabbata konkolaataa oomishu Vauxhall kan magaalaa lixa Ingalaand Gloucester’tti argamutti, hojii isaaf tahu yoo qabaatan gaafachuuf waajira seenetti hojjetaa ‘leenji’aa’ ta'ee qacarame.
Waayilootisaanii kennaa sibiila kabajaa mekaanikiin itti fayyadamu gaafa Roobii isaaf kennuun kabaja isaaf qaban agarsiisaniiru.
Manguddoon kuni hojii hojjechuu deebi'een yaada garuu immoo shahii koo dhugee waaree booda rafuun hawwaa ture jedhan.
Obbo Webb hojii isaanii makaanikii leenji’aa tahanii jalqabanis, hanag sadarkaa itti gaafatamummaa garaagaraa irratti hojjetaniiru.
Waggoota 34 darbanitti immoo hogganaa ‘warranty’ tahuun tajaajilaniiru.
Mekaanikiin kuni yeroo ganna 65 guutan waggoota muraasaaf turuuf waliigalanis waggoota 25f tajaajilaniiru.
‘’Yeroo hunda hojjechuu koo yoon itti fufe dargaggeessaafi si’aawaa taheen tura, jedheen yaada.
‘’Hojii hojjetta taanaan si jabeessa, ganamaan kaatee akka baatu si godha,’’ jedhan.
Obbo Webb bara 1950 hogganaa kan tahan makaanika tahanii erga hojjetaniin booda akka tahe dubbatu.
‘’Oomisha konkolaataa gurguddoo fi xixiqqoo to’achuun,’’ tajaajileera jedhan.
‘’Hojiin kuni qorra keessa motora miicuu fa’i si gaafata ture. Otoo haalli hin geeddaramiin dura, amma garuu konkolaataanis jijjiirame, motorri akka durii xurii baayyee hin qabu.
Hoggantuun naannoo dhaabbatichaa Juuliyaan Baawdan yeroo bara 2008tti dhaabbatichatti qacaramu, kana booda yeroo hangamiif akka turuu barbaadan gaafattee turte.
‘’Obbo Webb hamma humnisaanii danda’utti hojii kanatti akka itti fufan dubbatan, kunoo har’a tajaajila waggaa 75 irra gahaniiru,’’ jetti.
‘’Ammallee jabaafi si’aawaa isaaniitu jira. Kana booda yeroo isaan deeman isaan yaadna,’’ jette.














