Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poolisiin imaltoota dubartii baabura irratti gudeedamtu osoo arganii callisan akeekkachiise
Namoonni wayita dubartiin baabura irratti dirqiin gudeedamtu buusisuu didanii itti dhiisanii ilaalan yakkaan himatamuu akka malan poolisiin Filaadeelfiyaa akeekkachiise.
Taatee torban darbe raawwate kanaan, dubartiin tokko baabura irratti imalaa tokkoon yoo gudeedamtu, imaltoonni kaan osoo arganii callisan, kaan ammoo viidiyoo waraabaa turan jedhe poolisiin.
Viidiyoon kaameeraa CCTVn waraabame namoonni gariin cal jedhanii yoo ilaalan, kaan ammoo poolisiitti bilbiluu dhiisanii viidiyoo yoo waraaban mul'ise.
Namichi yakka gudeeddii kana raawwate to'annoo poolisii jala oolee himannaa eeggataa jira.
Yakki gudeeddi kun kan raawwate Roobii darbe baabura qabeenyummaan isaa Abbaa Taayitaa Geejjibaa Kibba-Baha Peenisilveeniyaa ta'e keessatti.
Abbaan Taayitichaa ibsa baaseen "namoonnni baabura keessa jiran gochi suukkanneessaa kun yoo raawwatu argan jiru, osoo namni tokko poolisiitti bilbilee silaa dhaabsisuun ni danda'ama ture" jedhe.
Booda hojjetaan abbaa taayitichaa baabura sana kore poolisiitti bilbilee, poolisiin dubartii miidhaan irra gahe argatee, shakkamaas to'annoo jala oolche.
Dubartiin gudeedamte gara hospitaalaa geeffamtee yaala argatteetti.
Poolisiin Wiixata darbe ibsa kenneen daqiiqaa 40 guutuu wayita dubartiin kun qoccolamtuu fi boodas gudeedamtu namni poolisiitti bilbile tokkollee hin jiru.
Baabura sana keessa namoonni meeqa akka turan garuu hin baramne.
"Namoonni gara dubartii gudeedamaa jirtuutti bilbila isaanii ol kaasanii waraabaa turan jiraachuu isinitti nan hima" jedhan hogganaan poolisii Toomaas Nestel.
Poolisiin namoonni callisanii ilaalanii fi waraabaa turan yakkaan itti gaafatamu jechuu Niwu Yoorki Taayims gabaaseera.
Haata'u malee namootni kun seera kamiin akka gaafataman poolisiin ifa hin goone. Wayita yakki raawwatu dirqama seeraan itti kenname yoo hin qabaatiin namoonni akka jidduu seenan seerri Ameerikaa hin dirqisiisu.
Tarii kanneen viidiyoo waraaban, yoo viidiyoon sun yakka raawwatame irratti dhiibbaa dabalataa kan uumuu ta'e gaafatamuu malu jedhu ogeeyyiin seeraa.
Abbaan alangaa naannawa yakkichi itti raawwatee dhimmicharratti BBC'f yaada hin kennine.