Kooriyaan Kaabaa misaayila farra xiyyaaraa haaraa yaaluu beeksifte

Misaayila Kooriyaan Kaabaa shaakalte

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Misaayila Kooriyaan Kaabaa shaakalte
Maxxanfame

Kooriyaan Kaabaa misaayila farra xiyyaaraa haaraa shaakalaaf Kamisa dhukaasuu kan beeksifte yoo ta’u, ji’a tokko keessatti marroo arfaffaaf meeshaa waraanaa yaalteetti.

Yaaliin meeshaa waraana haaraan kun Kooriyaan Kaabaa misaayila saffisaa boombii niwukilaraa baachuu akka danda’u yaadamu ‘hypersonic missile’ guyyoota muraasa dura shaakaluu hordofee ture.

Mininstirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinkeen’’yaaliin kun nageenyaafi tasgabbii dhabiinsa guddaa uumuu mala’’jedhan.

Piyoongiyaang gama isheetiin akka ibsitetti, meeshaalee waraanaa kana ittiin of tiksuuf qofaaf barbaanna jetti, Ameerikaafi Kooriyaa Kibbaammoo‘’ejjannoo haqummaa hin qabne hordofu’ jechuun himatte.

Yaaliin meeshaalee waraanaa biyyattin gaggeessitu qoqqobbii cimaa kan hordofiisu ta’ullee, Piyoongiyaang meeshaalee waraanaa oomishurra akka duubatti hin deebine akka agarsiisutti fudhatame.

Miidiyaan mootummaa biyyattii KCNA akka gabaasetti, misaayiiliin farra xiyyaaraa haaraan’gahuumsa olaanaa’’mul’isuun‘’teeknoloojiiwwan ijoo haaraa ta’es’’dabalateera jedhee gabaase.

Yaaliin misaayila kun hoggaanaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-un hariiroo Kooriyaa Kibbaa wajjiin qaban gara sadarkaa duraan turetti deebisuu akka barbaadan ibsuutti aansee ture.

Kiim qooda Ameerikaan karaa dippiloomasiin qabdu qeeqan.

’’Ameerikaan hawaasa addunyaa gowwoomsuun gocha jibbaa dhoksuuf yaalte’’jedhan.

Xiinxaltoonni muraasni akka jedhanitti, Piyoongiyaang Kooriyaa Kibbaa waliin hariiroo cimsachuun Ameerikaa moggaatti baasuun, Kooriyaa Kibbaafi Waashingteen addaan baasuu akka barbaaddu agarsiisa jedhanii yaadu.

Taatullee Kooriyaan Kaabaa qoqqobbii tuulame akka irraa buufamufi deeggarsa biroo Ameerikaarra argachuuf tumsa Kooriyaa Kibbaa feeti.

Kooriyaan Kaabaa biyyoota addunyaarra erga cittee waggaa tokkoo ol ta’eera.

Weerarri dhibee wayita mudate biyya michuu ishee taate Chaayinaa waliin daldala qabdu harka caalu addaan kutte.

Sababii kanaaf dinagdeen biyyattiis haala yaaddeessaa ta’e keessa waan jiruuf, hanqinni midhaan nyaataa sadarkaa yaaddessarra qaqqabeera jedhamee yaadama.

Bitootessa keessa qoqqobbii biyyattiirra kaa’ame bira taruun misaayiloota baalastikii yaalte.

Kunis Ameerikaa, Jaappaan fi Kooriyaa Kibbaarra himannaa cimaa biyyatti dhiyeessan.

Ji’a darbe Ejensiin Atoomikii Addunyaa Kooriyaan Kaabaa buufataalee gabbiisa niwukilaraa piluutoniyeemii boombii niwukilaraa oomishuuf gargaaran hojiitti deebisuun’’baayyee yaaddeessaadha’’jechuun akeekkachisee ture.