Koloneelli fonqolcha mootummaa Giinii gaggeessan pirezedantii ta’an

Kononeelli fonqolcha mootummaa Giinii gaggeessanl Maamaadii Dumbuyaa pirezedantii ta’an

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kononeelli fonqolcha mootummaa Giinii gaggeessanl Maamaadii Dumbuyaa pirezedantii ta’an
Maxxanfame

Ji’a tokko dura fonqolcha mootummaa gaggeessuun gara aangootti kan dhufan Koloneel Maamaadii Dumbuyaa Pirezeaantii yeroo Giinii ta’uun muudaman.

Fonqolcha mootummaa loltootaan bara darbe gaggeeffamen aangoo kan qabate gaheessa wagga 38 Asimii Goyitan bakka bu’uudhaan koloneela umuriin wagga 41 ta’e Dubuyaan Afrikaatti gaggeessaa dargaggeessa lamaffaa ta’eera.

Foqolcha mootummaa Hagayya 30 gaggeeffamee tureen gara aangootti kan dhufe Koloneel Mamaadii Dubuyaa mormii cimaan isa mudatee ture.

Gamtaan Qaxanaa Dinagdee biyyoota lixa Afrikaa ECOWAS fonqolcha ture mormuun miseensummaa Gamtaa Afrikaa (AU) keessaa dhorkees ture.

Dabalataanis, ECOWAS loltoota fonqolcha mootummaa kana gaggeessanirratti qoqqobbii kan kaa’e yoo ta’u, biyyattiin ji’a ja’a keessatti gara mootummaa heeraan bultuutti akka deebitu akeekkachiiseera.

Gaggeessitoonni waraanaa Giinii biyyattii gara bulchiinsa Siviliin gaggeeffamuutti deebisuudhaaf karoora qaban ifa godhanillee, yeroo ce’umsaa hangam akka turu garuu ifatti wanti kaa’an hin jiru.

Fonqolcha mootummaa ji’a tokkoon dura gaggeeffameen maanguddoo ganna 83 Aalfaa Kondee kan aangoorraa kaase Koloneel Dumbuyaan akka jedhetti, tarkaanfii sana kan fudhatan malaammaltummaa biyyattii keessa guuteefi sarbamoonni mirgoota namoomaa hammaachuufi kufaatii dinagdeerraa kan ka’edha jedhe.

Gaggeessitoonni waraanaa fonqolcha mootummaa gaggeessan Pirezidantii duraanii Aalfaa Kondee to’atanii kan jiran yoo ta’u, “haalli nageenya isaanii akka gaariitti bakka eegamu jiru” jedheera Koloneel Dumbuyaa AFP’f yaada kenneen. Aangoorraa kaasuuf Fonqolcha mootummaa loltootaan gaggeeffame

Haata’u malee, Aalfaa Kondeen eessa akka jiran ifatti wanti beekame hin jiru.

Osoo fonqolcha mootummaa kanaan gara aangootti hin hufiin dura baayyee kan hin beekamne Koloneel Dumbuyaan, jaallewwan isaa keessaa akka bahee mulatu kan isa taasisa muuxannoo loltummaa sadarkaa idil-addunyaatti qaban akka ta’e xiinxaltoonni siyaasaa Afrikaa Lixaa ni dubbatu.

Koloneel Maamaa Dumbuyee, Firaansitti leenjii loltummaa fudhatee, raayyaa ittisa Firaans keessatti tajaajiluun isaa ni himama.

Ogmmaa loltummaa waggoota 15 keesssa tureen Koloneel Dumbuyaan Afgaanistaan, Ayivoriikost, Jibutii, Rippabilika Afrikaa Giddu-galeessaa, akkasumas ramaddii addaatiin Israa’el, Qophiroos, UK fi Giinii keessatti tajaajileera.