Kim Jong-un tajaajilli quunnamtii Kooriyoota lamaan gidduutti akka eegaluuf yaada dhiyeessan

Madda suuraa, Reuters
Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un mala quunnmatii murteessaa ta'e biyyasaanii fi Kooriyaa Kibbaa gidduutti deebisanii hojii eegalsiisuuf yaada akka qaban ibsan. Kun immoo waamicha araaraa dhiyeessuu fakkaata.
Mootummaan US ''imammaata diinummaa'' Kooriyaa Kaabaa irratti qabatee hojjetaa ture osoo hin jijjiirin waamicha araaraa dhiyeessuunsaa daba jechuun himataniiru hoogganaan kun.
Kooriyaan kaabaa tajaajila quunnamtii Kooriyaa Kibbaa wajjin qabdu kan adda kutte Hagayya darbe yoo ta'u, sababni isaas komii shaakallii waraanaa Kooriyaan Kibbaa fi US waliin taasisan irraa qabduuni.
Aab Kim yaada kana kan dhiyeessan yaa'ii waggaa paarlmaa biyyattii irrattidha.
Miidiyaan biyyattii KCNA akka gabaasetti, ''US haasaa dippiloomaasiif waamicha godhaa jirti. Garuu addunyaa gowwoomsuushee itti fufaa jirti malee waanti addaa hin jiru. Imammaata jibbiinsaa fi hammeenyaa mootummoonni US dhufaa darbaa Kooriyaa Kaabaa irratti hojiirra oolchaa turan itti fufsiisuuf waan yaadamedha.''
Miidiyaan kun jecha Kim Jong-un eeruun akka gabaasetti, malli quunnamtii sababa rakkoo nageenyaan adda citee ture Onkoloolessa gara jalqabaarraa eegalee itti fufa.
"Kun garuu ilaalcha qondaaltota Kibbaarratti hundaa'a. Hariiroon kooriyoota lamaanii fooyya'ee michummaan isaanii cimuu yookiin ammoo rakkoo hamaan kana caalu mudachuu keessaa tokko filachuu qabu,'' jedhan Kim.
Ergaan kim dabarsan kun kan obboleettiinsaa isaanii torbee darbe dhimma hariiroo Kooriyaa Kibbaa irratti dubbatteen wal deeggara.
Obboleettiin Kim warri kibbaa imaammata waraanaa Kooriyaa Kaabaa irratti qaban yoo fooyyessan, waliin mari'achuuf qophiidha jettee turte.
"Haaldureen kun guutamnaan fuulaa fi fuulatti teenyee waliin mari'annee waraana dhaabuun gara nagaa fi araaraatti dhufuu dandeenya,'' jette.
Erga waraanni Kooriyaa bara 1953 xumuramee waliigalteen waraana dhaabuu seeraan waan hin mallatteeffamneef Kooriyaan Kaabaa ammallee waraana sanatti jirti.
Biyyoota lameen gidduutti tajaajilli quunnamtii murteessaa ta'e waggoota dhiyoo as adda citaa, yeroo garii ammoo deebi'aa yoona ga'eera.
Bara 2020 keessa ammoo erga mariin Kooriyoota lameenii fashalaa'ee booda Piyongyang waajjira tajaajila quunnamtii biyyoota lameen gidduutti fooyyessuuf dhaabbate balleessite.















