Paartiin mormituu Jarmanii garaagarummaa dhiphaadhaan paartii Angelaa Merkel injifate

Olaf Scholz

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Paartiin Jarmanii Sooshaal Dimookraat (SPD) paartii hoggantuu Anjelaa Markeel filannoo federaalaa irratti injifachuu isaa, bu’aan filannoo jalqaba mul’ise.

Paartiin SPD sagalee %25.7 yemmuu argatu, paartiin amma biyya bulchaa jiru CDU/CSU ammo sagalee %24.1 argate.

Paartiin The Giriins ammo seenaa isaa keessatti qaabxii isa guddaa argatani, sagalee %14.8 argachuun sadaffaa ta’aniiru.

Mootummaa haaraa uumuuf bulchiinsi waliinii ni uumama.

Hogganaan SDP Olaaf Sichoolzi dursanii akka jedhanitti, paartiin isaa filannichaa dursuu erga eegalee, paartiin isaa dirqama bulchuu qaba.

Filannoon kun jalqabumarraa eegalee kan tilmaamamuu hin dandeenye ture, bu’aan filannichaas ammo xumura hin ta’u.

Inni jalqaba, hoggantuun paartii injifatamee hanga mootummaan waliinii uumamutti eessayyuu hin deemtu, kun ammo hanga ayyaana dhaalota kiristoositti turuu danda’a.

Hojiin nama aangoo itti aansee fudhatuu, waggoota arfan dhufaniif dinagdee Awurooppaa dursaa hogganuu fi dhimma jijjiirama qilleensaa ajandaa dursaa filattoota ta’e dursuu qaba.

Hogganaan SPD Sichoolzi haasaa TV irratti taasisaniin, namootni sagalee kennan “mootummaa qabatamaa kan haasaa qofa hin taane Garmaniif” akkan ijaaruuf hojii naaf kennaniiru jedhan.

Paartiin biyyaa bulchaa jiru haasaa isaa kanaaf deebii yemmuu kennu, kun waa’ee “sagalee caalmaa” argachuu osoo hin taanee, waa’ee mootummaa walinii uumudha jechuun qeeqaniiru. Kana jechuun injifatan waan hunda fudhata jechuu miti, akka jechuudha.

Aangoo qabachuuf kan morkataa jiran paartii SPD fi paartii amma biyya bulchaa jiru qofa miti, paartii Giriinsi fi FDP jiru, isaanis waamicha dhiyaatuuf kamiifu qophaa’oodha.

Paartiin Giriinsifi FDP’n paartilee kaan caala deeggartoonni isaanii namoota umurii ganna 30 gadi jiranidha, ta’us garuu paartilee kaan waliin iddoo tokko ta’uuf muuxannoon dabalataa isaan barbaachisa.