Jarman nama Angelaa Merkel bakka bu'u filannoo har'aan ni murteessiti

Madda suuraa, Getty Images
Dubartii waggoota hedduuf Jamran bulchite Chaansilara Jarman Angelaa Merkel eenyutu bakka bu'u kan jedhu gaaffii namoota hedduu ture. Gaaffiin kun filannoo Dilbata har'a lammiileen biyyattii gaggeessaniin deebi'uuf jira.
Lammiileen Jarman nama addunyaarratti beekamtii guddaa qaban Angelaa Markel kan bu'u murteessuuf filannoo paarlaamaa gaggeessaa jiru.
Daandiiwwan magaalaa guddoo biyyattii Barliin gurguddoon hedduun dorgommii maraatooniin faayamanii kan jiran oggaa tahu, biyyattiif dorgommiin cimaan filannoo akka guutuu biyyatti filatamaa jiruudha.
Baallii dabarsaa kan jiran Chaasilarri Jarman Angelaa Merkel nama toora isaaniirra jiru Armiin Laaschet dabaaluun duula filannoo inni magaalaa dhalootasaa Acheen keessatti Sambata kaleessaa argamaniiru.
Angelaa Merkel namni kun akka isaan bakka bu'uuf waan dhiibbaa uumaa jiran fakkaatu.
Sagalee kennamaa jiruu fi yaadota namootaarraa hubachuun akka danda'ametti, boojuun harkasaanii jira.
Ardii Awurooppaa keessatti jabduu kan taatee fi uummata miiliyoona 60 kan qabdu Jarman, diinagdeenshee haga tokko rakkoo keessa galaa jiraachuutu himama.
Rakkoo kana nama qolatu filachuuf lammiileen biyyattii umrii waggaa 18 ol ta'an hunduu Dilbata har'aa ba'uun filannoon gaggeessaa jiru.
Buufataaleen filannoo hundinuu har'a sa'aatii lamarratti banamaniiru.
Adeemsi sagalee kennuu sa'atii 12 irratti wayita xumuramu eenyu akka olaantummaan biyyattii hoogganu barama.
Waggoota dheeraaf Jarman kan bulchan Angelaa Merkel siyaasaa biyyaa fi addunyaa keessatti iddoo guddaa qabu.
Filannoo kanarratti akka hin hirmaanne ammoo waggaa sadi dura ibsan.
''Gadaan koo yoo obba'e sochii siyaasaa kamiyyuu keessatti hin hirmaadhu,'' jechuun dubbatan.
"Eeyyeen, eenyutu aangoo qabata kan jedhu dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabuudha,'' jechuun sagalee kennuusaanii dura sa'atii 48 dursuun namuu akka of-eeggannoon filatu akeekkachiisan.
Chaansilarittiin akka amananitti Jarmaniif tasgabbii kan fidu akkasumas egeree dargaggootaaf murteessaa kan ta'ee fi dandeettiisaa kan qabu Armiin Laaschet.













