Qonnaan bulaan Awustraaliyaa yaadannoo adaadaa isaaf boca onnee hoolotaan midhaasse

Maxxanfame

Wayita weeraraa kanatti akkuma maatii gargar bahanii kaan, Been Jaaksanillee maatii lubbuu dhaban sirnaan hin gaggeessine.

Qonnaan bulaan hoolota horsiisu kun wayita adaadaan isaa Deebiin kutaa biyyaa Kuwinslaanditti kaansariin qabamtee wayita lubbuu dhabdetti, inni ammoo km400 fagaatee kutaa Niiw Saawuz Weels keessa ture.

Owwaalchashee Birizbanitti raawwate hirmaachuf uggurri imalaa waan tureef, hin dandeenye.

Kanaafis jaalala isheef qabu agarsiisuuf gara hoolota isaa mil'ate. Achiis midhaan boca onnee tolchuun lafarra naqe.

Midhaan boca sanarra naquun, oggaa holootasaa kumaatamatti lakka'aman gadhiisu, isaan deemanii boca kaa'erra akka qubatan kaayyeeffate.

Kana gochuun salphaa hinturre. Yaalii muraasaan booda boca barbaadu fiduu danda'e. Achiis hoolota itti gadhiise.

Bu'aan dhamaatiisaa kunis dirooniin viidiyoon waraabamee intarneeta gubbaa qoodame jennaan, namuu haalaan qoode.

''Garas deemee ishee ilaaluufi owwaalcharra argamee nagaa dhaammachuu tasumaa hin dandeenye,'' jechuun BBCtti hime Jaaksan.

''Kanaanis abdiin kute - waanin godhuun wallaale. Waanin hoolota kana sooraa jiruuf, onnee guddaa lafarratti kaasuuf murteesse. Wayita kanshee wajjin walbira qabamu garuu garmalee xiqqaata.''

'Jaalalli waan dansaati'

Aabba Jaaksan viidiyoo waraabe owwaalcha adaadaasaa Wiixata raawwaten dursee firootatti erge.

Sagantaa awwaalchaa irratti viidiyoon waraabe, muuziqaa isheen jaallattu 'Bridge Over Troubled Water' wajjin dabaalamee dhiyaate.

''Sirbichi sirba haalaan isheen jaalattu keessaa isa jalqabaati. Akkasiin wayitan ilaalu, akkuma nama shunkurtaa quncisetti [haalaan gadde],'' jedhe.

Yeroo dhiyoon asitti qonnaan bulaan kun ''hojii aartii hoolotaa'' jedhaman fayyadamuun bocaafi mallattoo garagaraa midhaassuu eegale. Adaadaan isaa lubbuu dhaban kunis hojiisaa kana jaalatu turan.

Adaadaan isaa ''garmalee arjaa taate' kun yeroo dhumaaf kan isa daawwatte ji'a Caamsaa keessa ture. Kunis weerara Covid'n uggurri Awustiraaliyaatti labsamuu isaatiin dura ture.

Gaafa Kamisaa hojiin hoolotaan midhaasse kun buufataalee TV fi miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa ture.

Otoo isheen nu waliin jiraatte silaa haalaan itti gammaddi turte jedha Jaaksan.

''Onnee isheef hojjedheen namoonni hedduun gammaduu oggaa agarte guddoo boonti. Kuni jaalala...''