Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el Gaazaa keessatti daa'imman irratti xiyyeeffachuun duguuggaa sanyii raawwatte- UN
Komishiniin qorannoo Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Israa'el itti yaaddee daa'imman Filisxeem haleeluun Gaazaa keessatti yakka duguuggaa sanyii raawwachaa jirti jedhe.
Jaarmiyaan kun Israa'el West Baank keessattis yakka waraanaa raawwachaa jiraachuu ibse.
Qorannoon haaraan Israa'el himate kun qondaalonni fi humnoonni nageenyaa Israa'el ''itti karoorsuun daa'imman haleeluun miidhaa qaamaa fi sammuu daa'imman Filisxeem kuma dhibbaan lakkaa'aman irraan ga'aniiru,'' jedhe.
Ajjeechaan Israa'el kun erga Onkoloolessa darbe waliigalteen dhukaasa dhaabuu labsameellee ittuma fufe jedha gabaasi kun.
Komishinichi gochi kun ''tarsimoo egereen Filisxeem akka hin jiraanne gochuuf Israa'el dhimma itti baate'' ta'uusaaf ragaa qabaachuu ibse.
Aanga'oonni Israa'el kanaaf daa'imman Filisxeem irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwatu jedhe.
Ministeerri dhimma alaa Israa'el gabaasa komishinii UN baleelaffachuun, ''maqa balleessaa ragaa qabatamaan hin deeggaramneedha,'' jedhe.
Israa'el haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwateen namoonni 1,200 jalaa du'uu fi 251 ugguramuu fi booji'amuu himattee turte.
Ergasii haleellaa waraanni Israa'el Gaazaa keessatti raawwataa tureen namoota kuma 73 ol ajjeefaman keessaa kuma 21 fi 280 kan ta'an daa'imman ta'uu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasiin durfamu ibseera.
Lakkoofsi kun sirrii ta'uu UN mirkaneesseera.
Dhaabbanni qorannoo kana qorate- Komishiniin Qorannoo Walabaa UN dhimma daangaa Filisxeem seeraan ala to'atamee fi dhimma Israa'el irratti xiyyeeffatu, bara 2021 hundaa'e.
Komishiniin Qorannoo The Independent International Commission of Inquiry on the Occupied Palestinian Territory and Israel jedhamuun beekamuu fi Mana Maree Mirga Namoomaa UN jalatti hundaa'e kun kaayyoon isaa dhiittaa mirgoota namoomaa fi sarbamiinsa seerota idiladdunyaa qorachuudha.
Komishinichi Fulbaana darbe Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii raawwatte jechuun himateera.
Dhaabbatichi aanga'oonni fi humnoonni nageenyaa Israa'el yakkoota duguuggaa sanyii Konvenshinii Duguuggaa Sanyii bara 1948 tumame keessatti eeraman shan keessaa afur raawwachuusheef ragaa qabatamaa akka qabu ibse.
Israa'el gabaasichi maqa balleessii fi dhara jechuun kuffiste.
Komishiniin kun kanaan dura Hamaas fi gareen hidhattootaa Filisxeem Onkoloolessa 7, 2023 yakka waraanaa fi sarbamiinsa seera idiladdunyaa raawwachuu gabaasee ture.
Kana hordofuun humnoonni nageenyaa Israa'el Gaazaa keessatti yakka waraanaa fi yakka dhala namaa raawwataniiru jedhe.
Komishiniin UN kun ibsa Kibxata (Waxabajjii 23, 2026) baase keessatti ''Israa'el haleellaa cimaa itti karoorsitee Gaazaa keessatti raawwachuu itti fufteetti. Kun ammoo dhumaatii kanaan dura ta'ee hin beekne, rifaatuu fi miidhama hamaa daa'imman Filisxeem irraan ga'eera,'' jedhe.
Israa'el fi Hamaas erga Tiraamp Onkoloolessa darbe karoora nagaa Gaazaa baasee dhukaasa dhaabuurratti walii galanis, humnoonni Israa'el haleellaa raawwachuu ittuma fufan jedha gabaasi kun.
Ergasii Filisxeemonni 1,020 ol ta'an ajjeefamuu kan ibse ministeerri fayyaa Gaazaa kanneen keessaa 265 kan ta'an daa'amman ta'uu ibse.
''Erga Onkoloolessa 2025 dhukaasi dhaabbateellee ajjeechaa fi miidhaan daa'imman irratti raawwatu hin dhaabbanne. Kunis sababa Israa'el waliigaltee dhukaasa kaasuu hin kabajneefi,'' jedhe ogeessi seeraa Indiyaa komishinii kana dursu Sirinivasan Muralidhar.
''Israa'el daa'imman irratti xiyeeffachuun halleellaa raawwachuun egeree uummata Filisxeem yaaddoo keessa galchaa jirti.''
Gabaasi kun Israa'el daa'imman Gaazaa qaama isaanii keessaa iddoo ijoo fi murteessaa ta'erratti qiyyaafachuun meeshaalee waraanaa qiyyaafannoosaanii hin dhabne kanneen akka diroonii fi sinaayippariidhaan haleelaa jirti jedhe.
Akkasumas meeshaalee waraanaa humna barbadeessuu akkaan guddaa ta'e qabaniin manneen jireenyaa, manneen barnootaa fi mooraawwan baqattoonni keessaa dahatan haleelaa jirti jechuunis himate.
Akkasumas Israa'el haleellaa West Baank keessatti loltoonni fi qubattoonni ishee raawwatan jalaa daa'imman Filisxeem baraaruu dhabuushees himateera komishiniin kun.
Kana malees Gaazaa fi West Baank keessatti dargaggoonni Filisxeem loltoota Israa'eliin reebamaa, hidhamaa fi miidhaa saalquunnamtiif saaxilamaa jiru jedhe.
Haleellaan Israa'el hospitaalotaa fi wiirtuuwwan fayyaa akkasumas meeshaalee wal'aansaa fi gargaarsaa irratti xiyyeeffachuun raawwattu daa'imman tajaajila fayyaa dhabanii akka dhuman sababa ta'eera jedha gabaasi kun.
Israa'el beela akka meeshaa waraanaatti fayyadamuu kan himate komishiniin kun, meeshaaleen gargaarsaa akka Gaazaa hin seenne ittifamuun ''akka daa'imman Gaazaa beelaan dhuman godheera,'' jedhe.
Israa'el daa'imman Filisxeem akka baratanii egereesaanii bu'uura cimaarratti hin ijaarre gochuuf jecha manneen barnootaa barbadeessuu fi qe'eesaaniirraa buqqisuurratti fuulleffatee haleellaa raawwataa jira jechuun himate komishiniin UN kun.
Ministeerri dhimma alaa Israa'el gabaasi kun dhugaa baasuu caalaa Israa'eliin addatti baasee maqaa balleessuu fi yakkamaa gochuurratti kan fuulleffate jechuun himannaa dhihaate waakkateera.
Aanga'oonni Israa'el Gaazaa dabalatee haleellaawwan bakka adda addaatti raawwatan hunda akka tarkaanfii diina ofirraa qolachuutti ibsu.
Manni Murtii Haqaa Idiladdunyaa International Court of Justice (ICJ) himannaa duguuggaa sanyii Afrikaan Kibbaa Israa'el irratti dhiheessite ilaalaa jira.
Garuu tarkaanfii dhumaarra ga'uuf waggoota fudhachuu danda'a.
Israa'el himannaa kana ''waan hundee hin qabne, dharaa fi madaalawaa kan hin taane,'' jechuun kuffiste.