Ispeen: Qonnaan bultoota yeeyyii tiksuufi hoolaa kunuunsuu gidduutti rakkatan

    • Barreessaa, Guy Hedgecoe
    • Gahee, Zamoraa, Kaaba - Lixa Ispeen
  • Maxxanfame

'Ela ilaalaa bakki haleellaan raawwate asi,' jechaa Felippee Luwis Kodesaal lafa qonnaa isaa hektaara sadii bal'atu kan Zaamoraa, Kaaba - Lixa Ispeenitti hoolota itti horsiisu namatti agarsiisa.

Gaaf tokko baatii Sadaasa darbe gurmuun yeeyyii dallaa lafa hoolonni isaa oolan cabsanii seenanii hoolota isaa nyaatan. Hedduun isaanii rimaa turan.

Gaafa Kodesaal ganama lafa hoolonni isaa bulan dhaqu hoolonni 11 ajjeefamaniiru. Bubbulee immoo kanneen madaa'anii turaniifi kanneen gatatan walumaagala hoolonni 36 lubbuu dhabuu hima.

Yoo seerri yeeyyii Ibeeriyaan jedhaman tiksuuf bahe hojiirra oole immoo inumaa hoolonni isaa caalaa akka miidhamuuf deeman yaadda'a.

Mootummaan biyyattii yeroo ammaa bineensota kana sadarkaa baduurra gahanidha jedhee labsuuf karoorseera. Kana jechuun isaan adamsuun adabbii qaba jechaadha.

Sababa gurmuun yeeyyii hoolota isaa nyaataniif yoo xiqqaate yuuroo 12,000 - 14,000 kasaaruu dubbata.

''Ani birrii isaafiyyuu miti'' jechuun akka maatii isaatti akka isaan ilaaluufi akka isaan mararan hima.

'Seena qabeessa'

Naannoon Ispeen Castilla y León jedhamu yeeyyiiwwan Ispeen qabdu keessaa hedduun isaanii kan keessatti argamanidha.

Akka qondaaltonni mootummaa bulchiinsa gad - aanu ragaa walitti qabanitti taanaan kunneen bara 2019 keessa naannichatti hoolotaafi horii 3,774 ajjeesaniiru.

Bakki qonnaa Kodesaal gubbaa laga Duweroo Kaaba Lixa Ispeeniifi bakkeewwan biyyattii biroo ifatti adda baasutti argama.

Hanga yoonaatti Kaaba laga Duwerootti yeeyyii adamsuun homaa seeraan nama hin gaafachiisu ture.

Kibba laga Duwerootti garuu yeeyyiiwwan tikfamaa turan.

Kanneen kunuunsa bineensotaaf dhiphatan karoora mootummaa kanaan gammachuu qabu.

Gaafa baata Guraandhala keessa karoorri yeeyyii kunuunsuu as bahe dhaabbati Ecologistas en Acción jedhaman ''guyyaa seenaa qabeessa'' jedhanii murtee darbe jajan.

Haa ta'u malee, qonnaan bultoota kanneen akka Kodesaaliifi kaanif garuu murteen kuni balaa nutti fida jedhanii akka yaadda'an godheera.

Lakkoofsi yeeyyii inumaa dabalee to'achun nu rakkisa, irrattimmoo ajjeesuun dhorkame jedhanii akka yaadda'an taasise.

Waldaan qonnaan bultootaa UPA jedhamu mootummaan baasii dallaa lafa kunuunsa hoolotaaf baasan akka deeggaruufi saroota akka fayyadamuu danda'an ibsuus isaan hin fudhanne.

Yeeyyii Awuroppaa guddicha

Gosti yeeyyii Ayibeeriyaan jidduu jaarraa 20ffaatti lafarraa baduu gahee ture.

Haa ta'u malee, seera adamoo bara 1970'oota keessa baheefi lammiileen Ispeen baadiyyaarraa magaalatti godaanuun isaanii deebi'ani akka baay'atan gumaacheera.

Yeroo ammaa lakkoofsi isaanii dabalee 2,500 gaheera. Kanneen 2,000 ta'an Ispeen keessa yoo argaman kanneen hafan immoo Porchugaal keessa argamu.

Akka ekispartii waa'ee yeeyyii qoratan Yuwaan Kaarlos Bilaankoo jedhanitti yeeyyiiwwan jiraachuun naannichaaf barbaachisoodha.

Bineensota kanneen akka gosa bosonuu ta'an, karkarroofi kaan midhaan balleessan, balaan tiraafikaa akka mudatu taasisaniifi horriitti dhukkuba dabarsan to'achuu gargaaru jedhu.

Mootummaan maal haa godhu?

Obbo Bilaankoon fa'i murtee mootummaa deeggaru garuu wanti sirratuu akka jiru akeeku. Dhimmichi dhimma hawaasummaa ta'uufi ilaalchi magaalaafi baadiyyaatti jiru gargar ta'u ibsu.

Qonnaan bultoonni baadiyyaa jiraatan murtee mootummaan yaadda'anis kanneen magaalaa jiran gammachuu qabaachuu hima.

Sababa kanaaf mootummaan mari'atee rakkoo kana furuu akka qabu himu.

''Nuti Afaan Ispeenitti lola gaariirraa waliigaltee badaatu wayyoo qaba,'' jenna jechuun marii booda waligalteen akka jiraatu gorsu.