Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyoneel Meesii: kophee erga fannisee deebi'ee hanga rikardii Waancaa Addunyaa cabsuutti
Liyoneel Meesii dorgommii Waancaa Kooppaa Ameerikaa bara 2016 gaggeeffamerratti biyyisaa Arjantiinaan Chiilidhaan injifatamuu hordofee dorgommii idiladdunyaa kamirraayuu kopheesaa fannise.
Arjantiinaan waggaa sagal keessatti si'a afarfaffaa tapha xumuraa Waancaa Kooppaa Ameerikaaf geessee darbuu dhabuusheerraa kan ka'e gaddasaa baachuu dadhabee dorgommii idiladdunyaarratti biyyasaa bakka bu'ee akka hin dorgomne beeksisee ture.
"Hirmaannaan ani garee biyyaalessaa keessatti qabu kana booda fixadheera. Waanan danda'e hunda gumaachera. Shaampiyoonaa ta'uu dhabuun nama dhukkubsa," jechuun yeroo sana dubbatee ture.
Liyooneel Meesii garee biyyaalessaa Arjantiinaa keessaa bahuu erga beeksisee waggaa 10 booda biyyasaa bakka bu'ee Waancaa Addunyaa 2026 irratti hirmaataa jira. Hirmaachuu qofa osoo hin taane galchiis roobsaa jira.
Waggaa 39ffaa kabajachuuf guyyaan tokko yeroo hafutti galchii rikardii Waancaa Addunyaa cabse lakkoofsiseera.
Dorgommii idiladdunyaarraa kopheesaa fannisuuf murtoo fudhate sana dhiisee taphatti deebi'uunsaa biyyasaafis isaafis bu'aa buusaa jira.
Erga inni gara dorgommiitti deebi'ee Arjantiinaan waancaa Kooppaa Ameerikaa lama yoo injifattu, Waancaa Addunyaa 2022 Meesiin durfamuun injifachuu dandeessetti.
Arjantiinaan Waancaa Addunyaa bara 2022 kan Meesiin galchii torba itti lakkoofsise yeroo injifattu, erga bara 1986 as yeroo jalqabaaf ta'uu isaati.
Kan biraan ammaa taphataan duraanii Arjantiinaa Diyaagoo Maraadoonaa tapha tokkorratti galchii lama erga lakkoofsisee waggaa 40 booda Meesiin tapha Arjantiinaan Ostiriyaa injifatte irratti galchii lama lakkoofsise.
'Siidaa dhaabuuf yeroo hin qabnu'
Tapha Arjatiinaan Ostiriyaa injifatterratti daqiiqaa 8ffatti Meesiin rukuttaa penaaliitii dogoggoru illee boodarra galchii lama lakkoofsisuun rikardii galchii Waancaa Addunyaa lammiin Jarman Mirooslaav Kiloosin qabamee ture cabsuu danda'eera.
Taphicha BBC Radio 5 irraa kallattiin dabarsaa kan ture gaazexeessaan Ispoortii Guleem Baalag, "Meesidhaaf siidaa dhaabuuf ykn gaazexaarratti waa'eesaa xinxaala bal'aa barreessuuf yeroo hin qabnu, saffisaa isaa wajjin deemuu hin dandeenyu" jechuun dandeettii Meesii jajaa ture.
Meesiin tapha kaleessa, Waxabajjii 22, Ostiriyaa waliin taasise dabalatee taphoota Waancaa Addunyaa 28 irratti hirmaachuun galchii 18 lakkoofsisuu danda'eera.
Dorgommii idiladdunyaarratti hin hirmaadhu jechuun kophee fannisuu ibsee deebi'ee erga yaadasaa jijjiiree as, Meesiin yeroo jaha dorgommii idiladdunyaarratti jaharratti hirmaachuun galchiiwwan 13 lakkoofsiseera.
Galchiiwwan Waancaa Addunyaarratti lakkoofsise 18 keessaa 12 umuriinsaa 35 erga guutee boodadha.
Gaazexeessaan Ispoortii Guleem Baalag waa'ee dandeettii Meesii yoo dubbatu, "Meesiin fiiguu isa hin barbaachisu. Sarara ittisaa darbuuf saffisa guddaallee isa hin barbaachisu. Inni kan taphatu sammuudhani. Waggaa afur ittaanu keessattis waan [deebinee] isa agarru natti fakkaata" jedhe.
Meesiin taphataa cimaa kubbaa miilaa yeroo hundaa jechuu dandeenyaa?
Lkkoofsiwwan Meesii wajjin wal-qabatan yeroo gara yerootti waanuma ajaa'ibaa agarsiisaa jiru. Waancaa Addunyaa 2026 kanarratti galchiiwwan hanga ammaa Arjantiinaan lakkoofsite shan kan Meesiin lakkoofsiseedha.
Taphoota Waancaa Addunyaa jaha walitti fufiinsaan taphataa galchii lakkoofse sadaffaa ta'uunis galmaa'era.
Dorgommiiwwan Waancaa Addunyaa jaha darban irrati galchii 10 lakkoofsisuu danda'eera.
Taphataa duraanii Weels kan ta'e Ashlii Wiiliyaams "Kan ilaalaa jirru taphaa cimaa yeroo hundumaa ta'innaa laata?" jedhee gaafachuun "ta'uu danda'a, dhimma irratti wal-falmuu dandeenyudha" jechuun ibsa.
"Tarii seenaa kubbaa miilaa keessatti taphattoota argine keessaa taphataa cimaa Addunyaa argaa jirra," jechuun gahuumsa Meesii jaje.
Jifataan sarara duraa garee Faransaayi Oliivar Jiruud ammoo "Dandeettii tapharratti tapha biraa taphachuutiin badhaafameera" jechuun jaje.
Dorgimmii Waancaa Addunyaa bara kanaarratti Meesiin taphataa jalqabaa adabbii penaaliitii dogoggore ta'eera. Haa ta'u garuu miirasaa to'atee deebi'ee galchii lama lakkoofsisuu irraa waanti isa dhaabe hin jiru.
Rukuttaawwan penaaliitii 31 Arjantiinaaf kennaman keessa Meesiin jaha galchuu hin dandeenye.