Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qonnaan bulaa Niiwzilaand hoolota 226 beelessee akka du’an godhe adabame
Qonnaan bulaa Niiw Ziilaand hoolota isaa 226 kunuunsa kennuu dhiisuun du’aaf saaxiluun manni murtii balleessaadha jedhe.
Bineeldoti kunneen akka malee huqqatanii,dhukkubsataniifi dagatamanii turan. Qonnaa bulaa Beevaan Isikoot Taayit jedhamu ofii isaayyuu dhukkuba sammuun rakkachaafi deeggarsa gahaa argachaa hin turre jechuun abukaatoon falmaniifi ture.
Gaafa Wiixataa hidhaa mana keessaa baatii sagalii fi hojii hawaasaa sa’atii 150 akka hojjetu irratti murtaa’eera. Kana booda waggaa afuriif bineeldota akka hin horsiisne dhorkameera.
Lafti horsiisa bineeldotaa Taayit naannoo odola biyyattii gara kibbaa jiru keessatti hooloti baayyeen akka du’an kan beekame bara 2019tti ture.
Bineeldotisaa biroos mallattoo beelaa agarsiisaa dhukkuba bineeldaan rakkachaas turan. Hoolotisaa immoo waggaa lamaaf rifeensi irraa hin haadamne ture.
Qondaalotni dhimma kana hordofan dhimma kana akka foyyessu itti himanii waggaa tokko booda ilaaluuf gaafa deeman haalli bineeldota kanaa inumaa itti caalee ture.
Kanumaan hooloti 226 akka du’an yoo taasifamu, bineeldoti kaan immoo akkasuma akka gurguramaniifi namoota kaaniin akka madaqfaman taheera.
‘’Yakki akkasii waan baay’inaan mul’atu miti,’’ jechuun hogganaan nageenya bineeldotaa Gireey Haarisan dubbataniiru.
‘’Qonnaan bultoonni baayyeen bineeldota isaanii sirnaan kunuunsu kan akka Taayit kanaa arginee hin beeknu,’’ jedhan.
Abukaatoon Taayit Deeggarsi Baadiyyaa biyyattii qonnaan bulaa kana dhimmi kuni otoo hin mudatiin dura dubbisanii akka inni dhukkuba mukaa’uu’ (depression) dhaafa saaxilamee jiru otoo arganii isa gargaarre jedhan.
Rakkoo isa mudate akka ofiisaa furu itti himuu mannaa isa deeggaruu qabu ture jedhu abukaatoon.
Haa tahu malee abbaan murtii namni kuni qonnaan bulaa muuxannoo qabu gatii taheef bineeldoti otoo rakkatanii dhiisuun yakka cimaa dha jedhan.
Niiw Ziilaand keessatti indaastiriin hoorsisa bineeldotaa guddaa yoo tahu, uummatni miiliyoona shan tahu bineeldota miiliyoona 26 tahan qabu.