Maadrid festivaala waggaa waggaan kabajamuuf hoolotaan guutamte

Maxxanfame

Daandiiwwan Magaalaa guddoo Ispeen guyyaa Dilbataa miilli itti heddumaatee ture - miila namaa miti. Holootni 2,000 ol tahan festivaala waggaatti altokko kabajamuuf daandiitti bahaniiru.

Magaalaan Maadirid daandii godaansaa durii, tiksituun loowwaniifi hoolota isaanii, waqtii gannaa itti godaansan irratti argamti.

Festivaalli kun 'Fiesta de la Trashumancia' - Festivaala godaansa loonii jedhama. Angawoota turizimii naannichaan qophaa'a.

Festivaalich ALA 1994 kan eegalame yoo tahu, duudhaa baadiyyaa naannichaaf kabaja kennuuf eegalame.

Seera duriitu jira - seerri kunis tiksitoonni loon isaanii waliin magaalaa akka qaxaamuraniif eeyyamaaf.

Waggaa waggaan galma magaalaatti kantiibaa magaalaafi duree tiksitootaa gidduutti sagantaan ni gaggeeffama.

Sagantaa kanarrattis loon karaa kana nagaan akka qaxxaamuranif jecha kaffaltii muraasa ni kaffalu.

Waliigalteen kunis bara 1418tti taasifame. Waliigalte kanaanis loowwan 1,000f magaalattii qaxxaamuraniif saantima 50 kanfalu.

Ayyaana kanaaf warri hoolota kanneen tiksaa turanis uffata aadaa uffataniiru.

Turistiin tokko ''Waahee ayyaana kanaa quba hinqabnu ture, garuu carra-qabeessadha,'' jechuun Reuterstti himan.

Hoolonni hedduun isaanis mormasaaniirra bilbila kaawwachuun, Maadrid keessa bilbilaa oolaniiru.

Festivaalichi ganama keessaa sa'aa 4:30tti kan eegale.

Hoolonni kunneen gara galma magaallichaa imaluun, kanfaltiin erga kanfalamee booda, sa'aa 8:00tti deebi'aniiru.

Festivaala kana kan midhaassan hoolota 2,000 qofa hinturre - re'oonni 100 tahnis turaniiru jechuun Reuters gabaaseera.

Suuraaleen hundi mirgi abbeentaa isaanii kan eegamedha.