Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraan imala barnootaa maatii Itoophiyaa agarsiisuu dorgommii mo'ate
Piroojaktiin bu'aa bayii barnootaa argachuuf maatiin Itoophiyaa tokko keessa darbu agarsiisuu barana dorgommii 'Earth photo' jedhamu mo'ate.
Oggeettiin suuraa Roozii Haalaam jedhamtu tokkoos suuraalee sadii fireemii tokko keessatti agarsiisuun mirga barachuu ibsite.
Suuraa kanarratti erga umuriin mana barnootaa galuushe darbeen booda baruumsa kan galte Salaamaaw ni mul'atti.
Isheen mana barnootaa galuun maatiishee Masalachiifi Maarqoosiif kan jalqabaati. Maatiin ishee galii qonnaan bulaa harka gara afaanii ta'een jiraatu.
Suraaleen kunneen damee dorgommii 'People' jedhamuun kan mo'atan.
'Walqixummaa saalaa'
Haalaam 'barnoonni mirga bu'uuraa ilmaan namaafi invastimantii oogummaati,'' jetti.
Akkasumas barnoonni ''misomaaf murteessaa fi nageenya hawaasummaa, guddinaafi nageenya dinagdee, wal qixummaa saalaa fi nagaadhaaf bu'uura kaa'uuf ni gargaara,'' jechuun hubachiifti.
Dhaabbileen 'Forestry England fi the Royal Geographical Society jedhaman tarreewwan suuraalee 55 fi fiilmiiwwan afur keessaa ramaddii jahaan kan mo'atan filataniiru.
Kaayyoon dorgomichaa:
- Agarsiisawwan midiyaalee naannoolee keessaa kan caalan mul'isuu
- Waa'ee addunyaa fi jiraattota ishee irratti marii jajjabeessuudha.
Suuraa guttoo cabbii wallakkaa agarsiisu Edwaardi Baatmaaniin kaafame damee 'The Place' jedhuun injifateera.
Sababii uggura imalaa Coviditiin, gara paartki biyyaaleessaatti imaluu kan hindandeenye oggeessii suuraa kunis, minjaala mana nyaanni itti bilchaatu isaa keessatti maashina 3Dtti fayyadamuun odeeffannoo teessuma lafaa 'United States Geological Survey (USGS)' irraa fi maashina xiqqoo duumessaa uumuun suuraa kana maxxansuu danda'e.
Iyilaanditti bakka baddaa namoonni hedduun irra hinjiraannetti suuraan bishaan ho'aa dhokatee kan agarsiisu Maarkus van Hauten mata duree 'Blue Pool' jedhuun dhiyeessees ramaddiin 'umama' jedhu jalatti injifateera.
Oggeessii suuraa Roobartii Bunoo, Ispeen keessati suuraan lafa lalisaa bosonaa maasaa qonnaa wayinitiin guutame kaase kanneen dorgommii injifatan keessaa tokko. Suuraan qilleensa irraa kaafame kunis ramaddii 'Changing Forests' jedhu jalatti injifate.
Suuraan Afriikaa lixaa Gaanaa keessatti namoota dhiqama lafaa qarqara galaanaatiin miidhaman agarsiisuus mo'ateera. Suuraaleen Antoniyoo Pireeziin kaafaman kun mata duree 'The Sea Moves Us' kunneenis ramaddii Jijjirama Qilleensaa jalatti injifatan.
Akkasumas filmiin gabaabaan yaalii yakka nikulaaraa tibba waraanaa ololaa (cold war)tti raawwatame kan saaxiluu fi dhiibbaa namootaa fi naannoo irra gaheen kan agarsiisuus, mo'ateera.
Agarsiifnni suuraaleen Earth Photo'n dorgommii kanarratti filatamuun dhiyaataan hundu Landan, Royal Geographical Society's Pavilion hanga Hagayya 255 dowwaattootaaf saaqaa akka ta'e barameera.
Akkasumas suuraaleen muraasni filataman booda keessa Forestry England forests'itti akka agarsiifaman ibsame.
Abbantaan suuraalee hundaa kan: Royal Geographical Society