Torbanitti guyyaa afur qofa hojjachuun ‘baayyee milkaa’aadha’ jedhame

Madda suuraa, Getty Images
Ayislaanditti yaaliin torbanitti guyyaa afur qofa hojjechuuf taasifame ''hedduu milka’aa'' fi hojjattoonnis sa'aatii gabaabaaf akka hojjataan gargaaruu qorattoonni himan.
Yaliin hojjattoonni kaffaltii walfakkaataaf hojii isaanii saatii gababaaf akka hojjatan taasisu kun, bara 2015 fi 2019 gidduutti kan gaggeeffamuuf yaadameedha.
Akka qorattoonni jedhanitti, yaalii kanaan omishitummaan haala walfakkaataan itti fufee haala hojii bakka hedduu fooyyesseera.
Yaaliiwwaan walfakkaataa akkanaa amma Ispeeniifi Niiw Zilaand dabalatee addunyaa irratti bakka hedduutti gaggeefamaa jira.
Ayislaanditti yaaliin bulchiinsa magaalaa Reykijavikiin fi mootummaa biyyaalessaan gaggeefame kun, hojjattoota 2,500 kan hojjatoota Ayislaand keessa jiran %1 ta'a hirmaachiseera.
Yaalii kana irratti bakkeewwan hojii akka mana barnoota, waajiraalee, kanneen tajaajila hawaasaa kennaanii fi hospitaalota dabalatee gosti hedduun irratti hirmaataniiru.
Hedduun isaanii torbanitti sa’aatii 40 hojjachuu irraa gara sa’aatii 35 ykn 36tti hir’isaniiru jedhu qorattoonni UK 'think tank Autonomy' fi Ayislaand irraa Waldaan Dimokraasii Itti fufaa (Alda).
Yaaliin kun waldaaleen haala hojii geeddaruu irratti akka mari’ataniif geggeesseera, amma Ayislaanditt humni hojii % 86 ta’u gariin kaffaltii walfakkataaf sa’aatii gabaabaa hojjachuutti geeddarameera ykn geeddaruuf mirga qabaata, jedhu qorattoonni.
Hojjattoonni haala hojii kanaan dhiphinaa fi dadhabbiin akka irraa hir’isee fi fayyaan isaanii fooyya’ee, jireenyaa fi hojii isaanii gidduutti madaalliin jiru akka jijjirame himaniiru. Dabalataanis maatii isaanii waliin ooluuf, wantoota jaallatan gochuu fi hojii mana keessaa hojjachuuf yeroo gahaa akka argatan himu.
Hoogganaan qoranichaa Wiill Istiroong, ''qorannoon kun yaaliin guddichi torbanitti saatii gabaabaaf hojii hojjachun addunyaa irratti gaggeeffame milkaa’ina guddaa akka qabaate mul’isa,'' jedhan.
''Hojiin hawaasaa torbanitti saatii gabaabaa hojjachuuf qophaa’aa akka ta’eefi mootummoonni biroo kan irraa barachuu qaban ta’uu mul’iseera.”
Qorataan biroon Gudmundur Haraldison “Adeemsi torbanitti sa’aatii gabaabaa hojjachuu Ayislaand, yeroo ammayyaatti sa’aatii gabaabaa hojjachuun akka danda’amu qofa osoo hin taanee jijjiiramni gaariin dhufuu akka danda’u nutti agarsiiseera,” jedha.
Sababa dhibbaan koronaavayirasii uumeen, Ispeen dhabbileen gariin torbanitti guyyaa afuriif akka hojjataniif yaalii taasisaa jirti.
Dhabbati daldalaa guddichii Niw Ziilaand Unilever, hojjeettonnii isaa kaffaltiin isaani utuu hin hir’isiin sa’aatii hojii isaani%20’n hir’isuu akka danda’aniif carraa kennuun yaalii gaggeessaa jira.
Caamsaa keessa gabaasi duula torban guyyaa afurii Platform London’iin gaggeeffame, saatii gabaabaa hojjachuun faalama karboonii UK hir’isuu danda’a jedha.













