Ho'a Kaanaadaa: Kaanaadaatti ibiddi bosonaa baballachuu hordofee waraanni qophiitti jira

Abiddaa dagalaa gaara Kaamluups kan Kaanaadaa bulchiinsa Biritish Kolombiyaa keessaa irratti Adooleessa 1, 2021

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Waaraanni Kaanaadaa jiraattota lafa ibidda daggalaa ho'a riikardii olaanaan umamuun hawaasa bulchiinsa Biritish Kolombiyaa keessaa yaadoorra buuse akka bahaniif gargaaruuf qophiirratti argama.

Tajaajilliwwan yeroo balaa tasaa, ammatti ibiddawwan bakka 170 oliitti bakakkaadhaan umame to'achuuf yaalaa jiraachu himeera.

Naannooleen lixaa baayyeenis sababii ho'a qileensaa mudateetiin baay'ee gogeera.

Haaluma walfakkaatuunis yoo xinnaate namoonni lama ollaa Lytoon kan ibiddaan barbadoofte keessatti du'unsaanii gabaafameera.

Lytoon guyyaa Kibxataa Kaanaadaa keessatti ho'a qilleensaa olaanaa seenti gireedii 49.6 (121.3 F)'itti galmaa'eedha.

Hawaasa ibiddichaan dararamaa jiru gargaaruuf waraanni 350 ta'uufi xiyyaarrii qophaa'u Ministirri Ittisaa Kaanaadaa Haarjiit Saajaan gaazexeessitootatti himaniiru.

Ibsi kunis erga MM biyyattii Juustiin Tirudoo ministirootaa fi dureewwan bulchiinsaa fi ummata duraanii bakka rakkoon itti umamee waliin walgahii atattamaa erga taasisaniin booda kenname.

''Isaan gargaaruuf achitti argamna'' jedhan.

Map
Mallattoon poolisii daandiin cufaa naannoo araddaa Lytoon kan balaa ibiddaa itti qaqabe ka'ametti jiraattoonni akka bahaniif dirqisiifaman, Adooleessaa 1, 2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Mallattoon poolisii daandiin cufaa naannoo araddaa Lytoon ka'ameera
Jiraattuun Lytoon Maartaa Vaan adorree ishee qabachuun ibiddicha baqattee Kaanaadaa, Biritish Kolombiyaa Adooleessa 1, 2021.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattuun Lytoon Maartaa Vaan adorree ishee qabachuun ibiddicha baqattee

Gyyoota muraasaan as ammoo qarqarri kaaba Ameeriikaa baayyeen dhiibbaa ho'aa keessatti mul'atuun dhiibbaa dhiigaa garmalee sirrii hintaanee umee ture jedhame.

Akkasumas dambalii ho'aa kun Albartaa, Saaskaatcheewaan, Maanitobaa, Daangaalee Kaaba liixaa fi kaaba Ontaariwoo keessattis mudachuun gabaafameera.

Taatee tokkichi kamiyyuu haala qilleensa addunyaatiin walitti hidhuun walxaxaa ta'ulleen, jijjiramni qilleensaa taateewwan haala qilleensaa garmalee cimaa kan akka dambalii ho'aa akka dabalu ni eegama jedhu oggeessoonni.

Biritishi Kolombiyaa keessatti, kaaba magaalaa Kaamluupsi kan kaaba-lixa Vaankovar bakka balaan ibiddaa garmaleen itti mudateerra fageenya km 350 argamuu baayyee keessatti jiraattoonni akka bahaniif akeekkachiifnii fi ajajni kennameera.

''Guyyaa Jimaataa bakakkaawwan gara 12,000 ta'u agarree jirra,'' jedhan Kiliif Chaapmaan, Biritish Kolombiyaatti daareektarri Tajaajila tarkaanfii Ibbida Daggalaa yeroo.

"Bakakkaawwan kunneen baay'eensaanii dhiheenya hawaasaatti bu'aa turan... Kaamloopsi keessaatti,'' jechuusaanii CBC gabaase.

Guyyaa Sambataa ammoo Lytoon bakakkaa guyyaa Roobii galgala jiraattoonni naannichaa 250 irrra caalaan harka duwwaa baqachuuf itti dirqamaniitti namoonni lama du'unsaanii mirkanaa'u Tajaajilli Eegumsa Hambaa (Coroners) Biritish Kolombiyaa mirkaneesseera.

Jalqaba keessa jiraataataan Jeef Chaapmaan, maatiinsaa osoo yaa'a dhiheenya manasaaniitti argamu keessa dhokachuuf yaalamu ibiddi ajjeessu argeera jedhe CBCtti hime.

Kantiibaan Lytoon Jaan Poldermaan ''daqiiqaawwan 15 keessatti magaalattiin laboobaa ibiddaatiin qabamte'' jechuun BBC'tti himan.

Hoggantuun Koronar Biritish Kolombiyaa Liisaa Laapoyintee tarii ho'a cimaatu lakkoofsa du'aa tibbana dabaleef gumaate ta'a jedhan. Du'uutii 719 dachaa sadii baay'ina jidduugalaati.

''Irra caalaan duuti torban darbe keessa mudate kanaas namoota mana dhuunfaa qabbaneessituu qilleensaa isa xiqqaalleen hinqabne keessa qofaa jiraataniidha'' jechuun himan.

Haalli qilleensaa naannoolee qarqara galaanaa salphatulleen garuu naannoolee lafaa keessatti afuura baafannaa baay'een hinjiru.