Finfinneen hojjattooota biyya alaaf magaala jireenyaaf rakasaa ta’an keessaa tokko jedhamte

Maxxanfame

Magaalaan Finfinnee hojjattoota biyyaa alaaf magaalota jireenyaaf rakasa ta’an keessaa tokko tahuu, qorannoon tokko ibse.

Qorannoon gatii mana kiraa, geejjiba fi nyaata magaalota 209 madaale kun magaalaa Finfinnee sadarkaa 194 irra kaa’eera.

Qorannoo kana kan gaggeesse dhaabbata Marsar jedhamu yoo ta’u bara darbe qorannoo jireenya qaalii irraatti taasiseen Finfinnee sadarkaa 182ffaa irra kaa’ee ture.

Akka qoannoo kanaatti magaalaan addunyaa keessatti qaalii ta’uun tokkoffaa jedhamte magaalaa gudditti Turkimeenistaan, Ashgabaatidha. Magaalaan giddugaleessa Eeshiyaa keessatti argamtu kun hojjatoota biyya alaaf qaalii akka taatetti ka’amteetti.

Bara darbe magaalaa qaalii ta’uun tokkoffaa irraa kan turte Hoongi Koong barana sadarkaa lammaffaarra kan jirtu yoo ta’u, magalaan gudditti Libaanoos, Beeruut fi magalaan guddittiin Jaappaan, Tokiyoon sadarkaa itti aanurra jiru.

Dhaabbati Marsar, gabaasa kana qindeessuuf gatii meeshaalee fi tajaajilootaa 200 ta’an qorachuu isaa ibsa.

Qorannoon kunis dhabbileee fi mootummonni hojjattoota isaani biyya biraa jiraniif miindaa hagamii kaffaluu akka qaban beeksisuuf kan ta’udha jedha.

Qorannoo Marsariin magaloota qaalii jedhamuun sadarkaa tokko hanga kudhanii irra magaalotni ka’aman wiirtuu daldalaa kan jedhaman yoo ta’u guddina diinagdee qaban waliin wal qabatee gatiin meeshaalee fi taajijilaa isaani guddaa kan dabaledha.

Keessumaa gatiin guddinaan kan dabaleeru kiraa manaa fi wantoota bu’uuraa jedhaman irrattidha.

Ta’us garuu Ashgabaat keessatti jireenyi qaalii kan ta’eeru guddina dinaagdee waliin kan wal qabate osoo hin taane gaatiin dabaluu waliin kan wal qabatedha jedha.

Qabeenya boba’aa isheen kan beekamtu Turkameenistan rakkoo diinagdee guddaa keeSsa kan jirtu yoo ta’u hiyyuummaafis saaxilamteetti.

Kanaan dura Gamtaa Soviyeet keessa kan turte biyyattiin qabeenyi ishee ijoon boba’aa gara Raashiyaatti erguun ijaarame. Gaatiin bob’aa hedduu kufuun isaa diinagdee ishee irratti miidha uumera.