Himannaan hoggantuu Miyaanmaar Saan Suu Chii qoratamuu jalqabe maal fa'i?

Saan Suu Chii

Madda suuraa, Rooyitars

Ibsa waa'ee suuraa, Saan Suu Chii
Maxxanfame

Hoggantuun Miyaanmaar Aang Saan Suu Chii aangoorra fonqolchamanii ji’oota afur booda himannaan irratti dhiyaate qoratamuu eegaleera.

Aang Saan Suu Chii filannoo mo'atanii aangoo qabatanillee humna waraanaa biyyattiin aangoorraa fonqolchamaniiru.

Saan Suu Chiin meeshaalee raadiyoowwan walqunnamtii hayyama hin qabaatiin qabaachuufi seeraa Covid ittisuuf bahe cabsite jedhamuun himatamte.

Gara boodarrammoo maalammaltummaan shakkamuufi labsii iccitii waajiraa eeguuf bahe cabsite himannaa jedhurratti fuulleffateera.

Dhaabbilee mirgaa namoomaaf falman ammoo fuulduratti filannoo filatamurratti akka hin dorgomne ittisuuf himannaa irratti dhiyaate ta’uu kaasuun himannicha balaaleffataniiru.

Maanguddoon ganna 75 Saan Suu Chiin Guraandhala 1, bara 2021 erga aangoorraa humnaan fonqolchamanii asitti manasaanitti hidhamaniiru.

Mana murtiitti yeroo muraasaaf dhiyaatanillee waa’ee Saan Suu Chii waanti argame ykn dhaga'ame baayyee hin turre.

Abukaatoon Saan Suu Chii erga hidhamtee yeroo lama qofaa dhaqee dubbise kan ture yoo ta’u, himannaa irratti dhiyaate irratti gaaffii qaxxaamuraa namoota ragaa bahan Wixata kana gaafachuuf jiru.

Qorannoo biraa jeequmsa kakasuun walqabteen himannaan Saan Suu Chii irratti dhiyaate Waxabajjii 15, bara 2021 eegaluuf jira.

Himannaa sanaan qofaan balleessaan yoo itti murame waggaa 14f hidhamuuf jirti.

Torban darbe seeraan ala maallaqa $600,000 fi warqee kg11 malaammaltummaan fudhatteetti himannaa jedhutu irratti dhiyaatee ture.

Abukaatoon ishee Kin Mahung Zaw jedhamu AFPtti torban darbe akka himetti, shirri siyaasarraa ishee fageessuuf yaadame jiraachuu kaase.

Himannaa Saan Suu Chii

· Himannaa malaammaltummaa waggaa15 hiisisuu danda’u.

· Dambii icciitii waajiraa eeguuf bahe cabsuu, hidhaa waggaa hangaa 14n kan adabsiisu danda’u.

· Seera al-ergii biyyattii cabsuun raadiyoowwan qunnamtii (walkie-talkies) seeraan ala gara biyyaatti galchite himannaan jedhu hidhaa hanga waggaa sadiin adabsiisuu danda’a.

· Seera Telekominikeeshinii biyyattii cabsuun raadiyoo quunnamtii galchuun immoo yoo guddate hidha amma waggaa tokkoon adabsiisu danda’a.

· Seerota to’annoo balaa uumamaa lama darbuun himatamte, tokko tokkoon isaayyuu hidha hanga ganna sadiin adabsiisuu danda’a.

· Jeequmsa hawaasaa keessatti kakaaste himannaan jedhummoo hidhaa hanga ganna sadiin adabsiisuu danda’a.

Waraanni Miyaanmaar filannoo waliigalaa bara darbe biyyattii kessatti filatameerratti burjaaja’insa filannoo uumame jechuun Guraandhala darbe fonqolcha mootummaa gaggeessuun aangoo qabateera.

Taatullee qaamoleen walabaa filannicha hordofaa turan akka jedhanitti, filannichi harka caalu bilisaafi haqa-qabeessa ture.

Himannaan Saan Suu Chiirratti dhiyaate bu’aa siyaasaa argachuuf ta’uu mala jechuun qeeqama.

Waraannii biyyattii humnan aangoo qabachuun biyyattii keessatti mormiin akka babal’atuuf ka’uumsa ta’ee ture.

Taatullee waraannii Miyaanmaar hiriirtoota dimokiraasii leellisan, rogeeyyiifi gaazixeessitootarratti tarkaanfii humnaa gara jabummaa fudhachaa ture.

Kun otoo haala kanaan jiruu, Gaazixeessan Ameerikaa Miyaanmaaritti Bitooteessa darbe hidhamee ture himannaan irratti baname adda cituun hidhaarra gadhiifameera.

Nataan Mahung Kibxata Miyaanmaar gadhiise bahuuf akka jiru abukaatoon isaa himeera.

Qaamooleen nageenyaa Miyaanmaar namoota 800 ajjeesuun, namoota 5,000tti dhiyaatan hidhuu Gartuun Waldaa Hidhamtoota Siyaasaa biyyattii gargaaruu himeera.