Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itiyoo-Sudaan: Waldhabdeen humnootaa waraanaa Sudaan gidduu Itoophiyaarratti dhiibbaa akkamii qaba?
Waggoota lamaan dura fonqolcha gaggeefameen Pirezidaant Omar Hassan al-Bashir aangoorraa kaafamuun Manni Maree Mootummaa ce'umsaa hundaa'e.
Manni Maree Mootummaa Cehumsaa biyyattii kunis qaamonni sadii, kan humna waraanaa idilee biyyattii, humna milishaafi siivilii rraa walitti dhufaniin hundaa'e.
Garuu ammoo humna waraanaa biyyattii fi milishaa gidduu haalli jiru wal simataa akka hinjirre himama. Kun biyyattifis tahe biyyoota ollaa akka Itoophiyaa irratti dhiibbaa qabaachuu mala jedhu xiinxaltoonni.
Sudaan keessa humna nageenyaa idileefi milishaa gidduu tibbana waldhabdeen akka jirutu himama.
Ka'umsi isaa maal?
Waggoota lamaan dura akkuma jijjiramni siyaasaa biyyattiitti eegaleen Sudaan keessatti humna waraana idilee biyyattiifi humna dafee qaqabaa (Rapid Force) jedhamutu ture.
Humnootiin kunneenis yeroo waraanaa Daarfur humna waraanaa idilee akka deeggaraniif al- Bashirin bara aangoo saaniitti ture kan hundaa'an.
Yeroo Al- Bashiir aangoorraa buufamanitti ammoo, humni waraanaa idilee biyyattiifi humni dafee qaqabaa kan Hamittiin hogganamu ture kan walitti dhufe jedhan Abdurraahim Sayid Abu Hashiim, xiinxalaan lammii Ertiraa Landan jiraatu.
Biyya tokko keessa humnootiin kunneen adda adda tahuun jiraachuun isaanii rakkoo akka qabu kaasu.
''Waraanni idilee ajajnis ta'e caasaan isaa ifadha. Milishaa gaafa ta'e garuu qaama itti gaafatama mootummaa hin qabne ta'uu danda'a,'' jedhan.
Hogannaa humna dafee qaqabaa (Rapid Force) kan ta'e Hamittiin, biyyoota Emireetisiifi kaan waliin waliigaltee tolfataa jira. Abdurraahim Sayid Abu Hashiim akka jedhanitti, Hamittiin loltuu Sudaanillee ajaja isaatiin gara Yaman, Libiyaa fa'i ergaa turan.
Humna waraanaa idileefi humna dafee qaqabaa kana gidduu waliigalteen akka hin jirre himamaa ture.
Abdurraahim Sayid Abu Hashiim, ''Qaamolee lamaan gidduu rakkoon mudatuun waanuma eegamu ture. Sababni isaas humni hidhatee biyyattii keessa ture yeroo ajajamuu dhabu rakkoo ni fida.
Waggoota lamaan darbanis humnoonni Hamitii jala jiran bakkeewwan Sudaan garaa garaatti nagaa tasgabbeessuuf dalagaa turan.''
Kana malees Hamitii, Dura taa'aa Ittaanaa Mana maree ce'umsaa Sudaan ta'un biyyoota biroo ni daawwata. Abdurraahim Sayid akka fakkeenyaatti yoo kaasan pirezidaantii Chaad, Idiriis Deebiin gaafa du'e gara Chaad deemee ture jedhan.
''Dhiheenya kana ammoo gara Turkii akka deeme himuun, imalli isaa Turkii garuu Masrii mufachiisuu hin oolu jedhan. Gama biraan ammoo waraanni ijoo Sudaan ajaja Masrii jala seeneera jedhan Abdurraahim Sayid.
''Humni waraanaa idilee Sudaan humna waraanaa Masrii waliin dhihoollee shaakala loltummaa gaggeessanii turan. Dhimma daangaa Itoophiyaa akkasumas Abbayyaa irratti ejjennoo wal fakkaataa qabataa jiru'' jedhan.
''Sababa kanaaf yeroo ammaa mootummaa Sivilii Sudaan, waraanaafi milishaa gidduu garaagarteen umamee jira. Sudaan keessa rakkoon bulchinsaafi diinagdee jira. Caasaan bulchinsaa sadan walitti hidhiinsa hin qaban,'' jechuun himu xinxalaan kun.
Dhiheenya dura taa'aan mana maree mootummaa ce'umsaa Sudaan al - Burhaan, Ministira Muummee Israa'el waliin yeroo wal arganiitti, MM biyyattii, Abdallaa Hamdook immoo dhimma kana quba hin qabu jedhanii akka turan eeru Abdurraahim Sayid.
''Yeroo ammaa Hamitiin gara Turkii adeemuun isaa immoo waraaniifi milishaan kallattii gargar ta'erraa adeemaa akka jiran agarsiisa,'' jedhu.
Haalichi Itoophiyaa irratti dhiibbaa akkamii qabaata?
Yeroo Sudaanitti fonqolchi mootumaa gaggeeffamuun wayita muddamni biyyattii keessatti mudateetti MM Itoophiyaa Abiy Ahimed gahee olaanaa bahachuunsaanii gabaafameera.
Manni Maree mootummaa cehumsaas qaamoolee sana irraa akka hundeeffamuuf qooda ol aanaa bahataa turuun himameera. Booda kana garuu dhimma daangaa fi hidha laga abbayyaatiin wal qabatee biyyoota lameen gidduu wal dhabdeen mudachu gabaafameera.
Sudaan dhimma hidha Abbayyaa irratti Itoophiyaa osoo waliigaltee irra hin gaiin hidhicha bishaaniin guutuu hinqabdu ejjennoo jedhu ibsaa turte.
Akkasumas gama wal dhabdee daangaa biyyoota lamaan jidduu jiruurratti, mootummaan Itoophiyaa rakkoon kan mootummaa Sudaan osoo hin taane kan qaama hoggansa gara gadii jiruutii jechuun hima.
Kanaafuu humna waraanaa fi milishaa biyyattii gidduutti wal dhibdeen cimuun yoo nagaa dhabde Itoophiyaa irratti dhiibbaa akkamii qabaata?
Obbo Abdurraahim Sayid Abu Hashiim, ''rakkoon mudachuu danda'a. Sudan keessatti mootummaan yoo diigame Itoophiyaan humnoota biroof banaa tahuu dandeessi'' jedhan.
''Hidhattooni TPLf, akkasumas kan Gumuuz gama Sudaaniin Masriirraa deeggarsa argatanii Itoophiyaa jeequu danda'u. Asirratti wanti dagatamuu hin qabne hidhi Abbayyaa bakka hidhattoonni Gumuuz socho'an jira,'' jedhu Abdurraahim.
Itti dabaluun ''TPLF deeggarsa Sudaan keessaa argatuun yoo of ijaaree akkasumas Walqaayiti fi Humaraa yoo to'ate akkuma bara hidhannoo sana haleellaa banuu danda'a. Kun hangam milkaa'a isa jedhu wanti Sudaan keessa jirutu murteessa,'' jedhan.
Dabalataan haala nageenya naannichaa irratti dhimmi Itophiyaa keessaa jirus murteessaa tahuu himan.
''Yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti wanti dura aantummaan kennammeef, filannoo gageessuudha. Filannoon gaggeeffamuun Abiy yoo aangoosaatiif bu'uura seeraa argate, wanta murteessu rakkoo tokko malee raawwachiisuu danda'a,'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''akka natti fakkaatutti Masrin waraana yoo deeggaran, milishaan Hamitii waan qofaa isaanii dhaabbachuu danda'an miti. Akkasumas Sudaan keessa humni to'achuu isaanii ni xiqqaata'' jedhan Obbo Abdurraahim.
Haata'u malee, Sudaaniitti tasgabbiin uumamuun pirezidaanti Isaayaas Afawarqiifi Abdul Fattaa al- Siisif haala mijataa hin uumu jedhan.
Sababni isaas mootummaan Siivilii kan Abdallaa Hamdokiin durfamu Itoophiyaa waliin walii galuu akka danda'an himuun, kunis qaamota biroo fi Masiriif mijataa tahuu akka hin dandeenye himan, xinxxalaan kun.
MM Abiy mootummaan ce'umsaa akka hundaa'u waan gargaaraniif akka abbaa oolmaa isaaniitti ilaalu. Eertiraa fi Masiriin garuu mootummaan siivilii Sudaan keessatti akka hundaa'u hin barbaadan jedhu.
Pirezidaanti Isaayas mootummaan abbaa irree Sudaan keessa akka jiraatu deeggara kan jedhan Abdurraahim, gama biraan ammoo humni waraanaa Sudaan Masirii waliin ta'uun dhimma hidha Abbayyaaf Itoophiyaa irratti kan ka'an yoo tahe rakkoo ta'a jedhan.