Xaaliyaan Odola Saardiiniyaatti tuuristoonni cirracha hatan haga Yuuroo 3,000 adabamuuf

Mennena Beach, Arzachena, northern Sardinia

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Cirrachi adii Saardiiniyaan ittiin beekamtu odolichatti akka qabeenyaatti ilaalama
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Xaaliyaan odola Saardiiniyaatti namoonni qarqara galaanarraa cirrachaa fi elellaan guuran adabbiin haga Yuuroo 3,000 yookaan Birrii 160,000tti siqu akka isaan eeggatu miidiyaan biyyattii gabaase.

Anga'oonni guyyaa Sambataa akka jedhanitti, daawwattoonni 41 tahan cirracha kg100 tahu yeroo garagaraatti qarqara galaanaarraa saamuun isaanii gabaafameera.

Cirrachi adii Saardiiniyaan ittiin beekamtu odolichatti akka qabeenyaatti kan ilaalamu oggaa tahu, fudhachuun tasumaa dhorkaadha.

Daldalli cirracha, biyyiifi elellaan Saardiiniyaa 2017rraa eegalee seeraan dhorkameera.

Adabbiin amma kaa'ame kun guddaa haa fakkaatuyyuu malee, waggoota hedduuf jiraattoonni odolattii, qabeenyi uumamaasaanii hatamuu irra deddeebiin komachaa turan.

Tuuristoonni odolicha daawwachuu dhufan garri caalu warra Awurooppaa oggaa taha, lammiileen Xaaliyaanis odolattii daawwatu.

Tuuristoonni kunniin wayita daawwachuuf dhufanitti, cirracha qaruuraa keessa naquun fudhanii bahu - kaan akka waan miidhaginaatti olkaawwatu, kaan garuu intarneeta gubbaa caalbaasiin gurguru.

Akka poolisiin jedhutti guyyoota dhiyeenya kanatti, beeksisa onlaayinii waantota odolattiirraa karaa seeraan alaan guuraman kan argatan yoo tahu, waantonni gariin ''gatii qaaliin'' gurguramu jedhan.

Baranuma qofa adabbii Yuuroo €13,000 akka sassaaban kan himan poolisiin naannichaa, haga danda'ameen wantoonni qabaman gara iddoo irraa fuudhamanitti deebifamu jedheera.

Presentational white space

Saayintistiin naannoo fi jiraataan odolattii Pierluigi Cocco BBCtti akka himanitti, qarqarri galaanaa (beach) kun sababa tuuristoonni gara Odola Saardiiniyaatti dhufaniif isa guddaadha jedhu.

Akka namni kun jedhanitti namoota gariif cirracha gara biyyasaaniitti fudhatanii deebi'uun ''yaadannoo hin irraanfatamnedha'' jedhu.

Haa tahu malee cirracha achii baasuun, baroota keessatti qarqarri galaanaa akka hir'atu ni taasisa jedhu. Kun ammoo wayita jijjiiramni qilleensaa hanga bishaanii olkaasaa jiru kanatti, sodaa balaa fiduu mala jedhu.

Sand confiscated at Sardinia's Alghero airport

Madda suuraa, Sardegna rubata e depredata

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraalee miidiyaa hawaasaa gubbaa qoodamaniifi cirracha buufata xiyyaaraa keessatti qabaman

Dhaabbanni bosonaa odolichaas cirracha achii baasuun, qarqara galaanaa Saardiiniyaa waggoota miiliyoonota keessatti suuta suutaan uumame, yeroon booda mancaasa jedhe.

2019tti lameen Firaans Saardiiniyaa daawwataa turan, cirrachi kg40 konkolaataa isaanii keessatti qabameera.

Poolisiin cirrachi kun qaruuraa pilaastikaa garagaraa 14 keessa guutamee kan argate oggaa tahu, qarqara galaanaa Saardiiniyaa kibbatti argamtu Chia jedhamturraa fuudhame.

Lameen kun akka poolisiitti himanitti, cirracha kana gara manasaaniitti akka ''faayaatti'' fudhatanii deemuu kan barbaadan tahuufi seeraan ala tahuus akka hin beekne himan.