Sandarlaal Baahugunaa: Maanguddoo Hindoonni mukeen akka hammataniif barsiisan

Madda suuraa, Reuters
"Nuti Dacheefi umama irratti sarbama mirgaa gaggeessaa jirra. Nama uumama qalluus taaneerra,'' jedhanii turan Sandarlaal Baahugunaa yeroo gaaffiifi deebii gaazexaa tokko waliin taasisanii turanitti.
Maanguddoon waggaa 94 kun Covid-19n Kamisa darbee kan du'aan boqatan yoo ta'u, naannoo eeguuf jecha ummannii akka mukeen hammatuuf barsiisuun addunyaa guturratti beekamoo turan.
Namoota Kaaba Indiyaattii sochii 'Chipko' jedhuuf bara 1970taa eegalame hoogganan keessaa tokko. Akka biyyaatti 'Chipko' jechuun ''Hammachuu'' jechuudha.
Dhiiroonniifi dubartoonni Indiyaa Himaaliyaas keessa jiraatanis waamicha Baahugunaa fi warreen waliin sochiicha gaggeessanii fudhachuunis, namoonni muka akka hin murre dhorkuuf mukatti maramanii dhaabbatu.
Gochaan kunis ergaa cimaa 'mukeen keenya muruun dura qaamni keenya haa muramu' jedhu qaba.
Sochiin eegumsa naannoo kun rakkooleen egumsa naannoo gaarreen gurguddoo addunyaa xiyyeeffannaa akka argatu taasiseera.

Madda suuraa, Getty Images

Lolaa hamaan bara 1970 keessa biyyattii Utaaraakhaanditti mudatee ture jiraattoota gandichaa damaqse.
Isaanis walitti dhufeenya cirama bosonaafi sigigaachuu lafaa, akkasumas kan lolaa qabu hubachuun dhugaa sochii 'Chipko' kan qoratan seenaa Raamaachaandaraa Guhaa himaa ture argan.
Waggoota sadiin boodas, Bahugunaafi hirriyyoonni isaa mukeen hammachuu eegalan. Dargaggoonni kunneenis uumama eeguuf kakuu dhiigaan raawwatan.
Osuma baayyee hin turinis dubartoonni Himaalaayaas sochii kanatti makamuun mukeen hammachuu eegalan. Isaanis cabbii keessa imaluun namoota muka muran irraa meeshaa fudhachuu jigsuu dhorkan.
Baahugunaan kan Himaalayaas keessatti guddatees, mukeen ciruun lafti gabbataan akka dhiqamu barreessuun, dhiironni mandara sanaa bahanii magaaloota keessaa hojii akka barbaaddataniif kakaase.
Kun ammoo ''dubartoonni itti-gaafatamummaa qonnaatiin alatti looniif marga barbaacha, qoraan guuruufi bishaan waraabuu akka fudhatan taasise.''
Sochiin Chipko kun dubartoonni mirgasaaniif akka qabsaa'aniifilleen ka'umsa ta'e.
Baroota keessa ammoo, Bahugunaan areeda isaanii dheeraafi mallattoo ittiin beekamanitti cimaa adeeman. Barattoonni kolleejiifi dubartoonni hedduunis isa waliin dhaabbatan.
Isaanis hiriirawwan nagaa gaggeessuun, mukeen hammachuufi sooma soomuufaa raawwatan.
Sochichis bu'aa olaanaa argamsiisuun bara 1981 keessaa Utaarakaahaand keessaa mukeen kaayyoo daldalaatiif muruun waggoota 15f dhorkameera.
Waggaa lama booda ammoo, hubannoodhuma kana cimsuuf km4,000 Himaalayaas keessa imale.
Bara 1992 keessa ammoo areeda isaanii haaddachuun hidha guddicha Indiyaa Tehrii mormuuf jecha sooma qabatan. Maanguddoon kun kanneen sababii ijaarsa hidha kanaatiin lafa maatiisaanii dhaban keessaa tokko.

Madda suuraa, Getty Images
MM duraanii Indiyaa Indiraa Gaandii waa'ee sochii Baahugunaa kana gaafatamanii, ''Dhugaa dhubbachuuf, kaayyoo sochiichaa hunda hin beeku. Garuu yoo dhuguma mukeen akka hin muramneef ta'e, anillee waliinan dhaabbadha,'' jette turte.
Yeroo geedaramulleen sochii Bahugunaan taasisee garuu jiraachaa jira. Bara 2017 keessa rogeeyyiin Mumbaay keessatti mukeen hammachuun akka ijaarsa daandii baaburaatiin wal qabatee mukeen 3,000 ol hin jigfamne dhorkaniiru.
Bahungunaan nama qajeelfamoota jireenyaa kan akka Gaandiin fakkaatan hordofuudha. Innis hawaasa amantaa muraasaa waliin jiraata. Hookkara kan balaaleeffatu yoo ta'u, nama siyaasaa hin turre.
Ofiin of danda'uutti kan amanu yoo ta'uu, ''daldalli biyya alaa baayyachuu'' hin deeggaru. Qabeenyaa horachuu hin fedhu.
Indiyaan annisaa amansiisaa qabaachuuf, boba'aa balfaa irraa omishuufi annisaa aduufi qilleensarraa maddisiisuu, akkasumas lageen irraa ibsaa maddisuusuutu barbaachisa jedha.
Akkasumas, akka anniisaa xiqqaa fayyadamaniif maashinoota fooyyeessuun akka barbaachisu yaada kennee ture.
Maanguddoo Bahugunaa kan bara 1977tti bulchiinsa Teehriitti dhalatan lafa bosona mukeeniif marfamaniifi marga leelliisaatti guddatan.
Amiit Baaru'aah hojjataan BBC duraanii waiyta ijoollee turan baroota 1970mota keessa Himaalaayaas keessatti Bahugunaafi hojiisaa ilaaluuf imala mana barnootaa taasisuu akka turan yaadatu.
Wayita arganittis baayyee nama danboobaa wal dhabdee fi ataakaaroo hinbarbaaddine akka ture yaadatu.
Wayita gara sanatti imalaniitti burqiituuwwan garreenii goguun, namoonni bishaan barbaacha fageenya dheeraa deemu turan. Duulli nama sanaas muxannoodhuma jireenya mataa isaa irraa kan maddee ture jedheu Baaru'aah.
Sunderlaal Baahugunaan akka nama dachee kanaa kan bara jireenya isaa guutuu dachee baraaruuf dabarseetti yaadatamu ta'u.












