Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Adeemsa Hidha Haaromsaa 'humni dhaabsisu hinjiru' jette Itoophiyaan
Hidhi Haaromasaa Guddichi Itoophiyaa marsaa lammaffaaf bishaan ganna kana qabachuuf jedhu, yaaliidhaaf anniisaa Elektiriikii maddisiisuu ni eegala jedhe Ministeerri Haajaa Alaa Itoophiyaa
Ministeerichi ibsa baaseen ''Humni hidha kana bishaaniin guutuurraa nu danqu hinjiru, adeemsa piroojekticha hojii eegalchiisuus akkasumaa'' jedheera.
Ijaarsi piroojeektii kanaa %80 qaqqabuu mootummaan Itoophiyaa guyyaa kaleessaa ibseera.
Miseensi koree teeknikaa marii hidha haaromsaa Belleexee Birhaanuu (PhD) miidiyaa biyyaalessaarratti dhiyaachuun yaada kennaniin ijaarsi piroojektichaa %80 irra gaheera jedhan.
Gama kaaniin Ministirri Haajaa Alaa Masrii Saamii Shukrii ganna dhufaa jirutti adeemsi Itoophiyaan hidha kana bishaaniin guutuuf itti qophaa'aa jirtu dantaa biyya isaanii balaarraa karaa hin buufneen ta'aa jechuun miidiyaalee Masriitti himaniiru.
Hidhi Aswaan bishaaniin guutee waan jiruuf Hidhi Haaromsaa Itoophiyaa ganna dhufaa jirutti bishaaniin guutamuun isaa Masrii hin miidhu jedhan Saamiin dubbii isaanii keessatti.
Kanumaan walqabatee Dubbii Himaan Ministeera Haajaa Alaa Itoophiyaa Amb. Diinaa Muftii ibsa miidiyaaleef kennaniin yaadni Saamii Shukrii ''ejjennoo Itoophiyaa kan deeggaruudha'' jedhan.
Masriin hidha kana irratti yaada amma dura qabdu jijjiirtee ejjennoo Itoophiyaa wajjiin walfakkaatu qabaachuutti ceeteetti jedhan.
Dubbiin Saamii Shukrii ejjennoo Itoophiyaa kan calaqqisu waan ta'eef ''yaada gaariidha'' jedhan Diinaan.
Yaadni Ministira Masrii kun guutinsi bishaanii marsaa jahaan gaggeefamu biyyoota yaa'a gadii kan hin miine ta'uu isaaf agarsiiftudhas jedhaniiru.
Itoophiyaan bara kana bishaan Kiiyuubiik Meetirii biiliyoona 13.5 hidha kanatti guutuuf karoora qabattee jirti.
Bara darbe bishaan Kiyuubiik Meetirii biiliyoona 4.9 qabachuu kan dandeesse yoo ta'u walumatti ganni kun yeroo darbu hidhi kun bishaan Kiyuubiik Meetirii biiliyoona 18 ol ni qaabaata jechuudha.