Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
MM Sudaan dhimma hidha haaromsaa irratti Itoophiyaa fi Masriif waamicha walga'ii taasisan
Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Haamdook waldhabdee Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa furuuf aanga'oota Masrii fi Itoophiyaaf waamicha walga'ii ariifachiisaa taasisan.
Mariin dhimma hidha guddicha abbayyaa waggoota hedduuf gaggeeffamaa tures dhiheenya Kongoo Kinshaansaatti ta'amulleen waliigaltee malee xumuramu hordofee, mariin ammaa kun kan dhumaa ta'uu mala jedhameera.
Marii Kinshaasaa irratti Sudaaniifi Masriin gahee taajjabdootaa geedaruufi Ameerikaa, dhaabbanni mootummoota gamtoomanii fi Gamtaan Awuroppaa jaarsuummaan akka qalaniif yaada dhiyeessan Itoophiyaan osoo hindhufatiin hafte jirti.
Itoophiyaan marichi Gamtaa Afriikaa jalatti akka gaggeeffamu barbaaddi.
Yaada Itoophiyaa kanas Raashiyaan akka deeggartu dhiheenya kana midiyaaleen gabaasaniiru.
Waldhabdeen hidha guddichaa Gamtaa Afriikaa jalatti akka hiikkatuuf Raashiyaan fedhii qabdi jechuun ture ministirri Haajaa Alaa Raashiyaa Sargee Laaviroov kan dubbatan.
Ministirri Haajaa Alaa kun kana kan dubbatan ibsa Magaalaa guddoo Masrii Kaayirootti Ministira Haajaa Alaa Masrii Saamee Shukurii waliin kennan irratti ta'uun gabaafameera.
Itoophiyaanis marsaa lammaffaa hidhicha bishaaniin guutuu ganna dhufaa akka gaggeessitu beeksifte jirti.
Haata'u malee Masriifi Sudaan ammoo osoo marsaa lammaffaan hinguutamiin dura walgalteerra gahamuu qaba jedhu.
Haaluma kanaanis osoo marsaa lammaffaan bishaan guutuu hineegaliin dura ragaa waljijjiruuf Masriifi Sudaan oggeessota akka filataniif Itoophiyaan gaafachuu Ministirri Haajaa Alaa Itoophiyaa beeksiisee ture.
Itoophiyaan waamicha kana kan taasiftes haaluma duraan biyyoonni sadan irratti waliigalanii turaniin.
Haata'u malee dhiheenya kana pirezidaantiin Masrii Abdul fattaah al-Siisii filannoowwan hunduu banaadha jechuun akeekachisu isaanii hordoofuun paarlaamaan biyyattii deegarsa taasisu ibseera..
Miseensi paarlaamaa Masrii Taariik Reediwaan Bakaay gama isaanitiin yaa'ii mirga namoomaa Kaayirootti taa'amerratti, waamicha Itophiyaan taasifte manni marichaa kuffiseera jedhan.
Miseensi mana marichaa kun akka jedhaniitti, qonnaan bultoonni miliyoonaan lakkaa'amaniif biyyoota yaa'a gadii keessa jiraatan dhiibbaafi sodaa aanga'oota Itoophiyaa dhagahuu hinfedhan jedhan.
''Qonnaan bultoonni Masrii guddina dinagdee Itoophiyaa hin morman. Misooma keenya kan jedhan bishaan qonnaan bultootaafi ummata keenya sooruudha. Bishaan Abbayyaa waliin nu galchiisuu qaba ture. Ka'umsa waraanaa ta'uu hin qabaatu,'' jedhan.
Ijaarsi Hidha guddicha Abbayyaa waggoota shan keessatti ni xumurama jedhamee ture harkifachuun kunoo waggoota kudhan ta'eera.
Wayita ammaa kanattis ijaarsisaa parsantaa 80 xumuramuun kan himamee yoo ta'u, wayita guutummaan xumuramuttis guddinaan afriikaatti kan jalqabaati jedhameera.
Bara dhufaatti hanga tokko humna elektirika maddisiisu kan eegalu ta'uun himameera.